Oromoon Gadaadhaan bula. Murtiin Abbootii Gadaas dhugaqabeessa. Oromoon abbootii Gadaa, sirnaafi duudhaa sirnichaa ni kabaja; Gadaan kan araaraafi tokkummaa waan ta’eef.
Haaluma kanaan kallattii abbootiin Gadaa, Haadholiin Siiqqeefi hayyoonni akka sirna Gadaatti rakkoo Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)fi mootummaa gidduu ture araaraan furuuf kaa’aniin koreen teknikii dhimmicharratti hojjetu godinaalee Oromiyaa 12fi aanaalee 22tti bobba’ee Waraana Bilisummaa Oromoo simachaa jira.
Miseensonni Waraana WBO hedduunis waamicha Abbootii Gadaa, Haadholii Siiqqeefi hayyoota Oromoo fudhachuun bakkeewwan adda addaatti simatamaa jiru. Miseensonni kunniin hidhannoosaanii hiikkatanii karaa nagaatiin qabsaa’uuf waamicha dhiyaateef fudhachuusaanii gochaan mul’isaa jiru.
Miseensonni WBO kaanis tarkaanfii gaarii miiltoowwansaanii fudhatan duukaa bu’uun guyyoota hafan keessatti waamicha araaraa dhiyaateef fudhatanii aantummaa dhugaa ummatasaaniif yoo hojiirra oolchaniidha, araarichi guutummaatti milkaa’uu kan danda’u.
Akeekni koreen teknikii dhimma araaraa kana milkeessuuf halkanii guyyaa of kennee hojjechaa jirus haaluma amma raawwatamaa jiruun akka fiixaan bahuuf miseensonni waraanichaa hafan yoo jiraatan dafanii ummatasaaniitti makamanii imala nagaafi jijjiiramaa eegalame cimsuu qabu.
Tattaaffii kana keessatti shoora olaanaa taphataa kan jiran miseensonni koree teknikii ergamaafi imaanaa ummanni kenneef milkeessuuf hojjetaa jiranis dhamaatiisaaniitiif garanumaa kabajaafi galata argachuu qabu.
Ammas taanaan adeemsi araaraa kun guutummaatti akka milkaa’uufi nageenyi waaraan mirkanaa’ee qabsoon karaa nagaa akka itti fufu taasisuu keessatti waanti hojjetamaa jiru gahee olaanaa waan qabuuf mootummaan, waraanni ABOfi ummatni tumsa barbaachisu taasisuutu irraa eegama.
Araarri kun akka milkaa’u gochuun dachee Oromiyaa dirree nagaafi misoomaa taasisuudha. Waldhabdeen mootummaafi ABO gidduu ture akka dhaabbatuufi qabsoon karaa nagaatiin akka adeemsifamu taasisuudha. Kana malees tokkummaa ummata Oromoo cimsuun diinni akka rifatus kan taasisuudha.
Miseensota WBO koree teknikiitiin zoonii lixaatti simataman keessaa Jaal Abdataa Laggasaa Qajeelaa waamicha abbootiin Gadaafi ajaja Hayyu Dureen ABO, Jaal Daawud Ibsaa dabarsan fudhatee karaa nagaatiin qabsaa’uuf ummatatti makamuu dubbateera.
Haala kanaan kanneen umriisaanii dargaggummaa bosona keessatti fixaniifi adeemsa ulfaataa keessa darban baay’eedha. Hunduu Oromoof jecha kan of kenne. Ammammoo qabsoon hidhannoo barbaachisaa akka hintaane itti amanameera. Kanaanis miseensonni WBO Jaal Abdataafi hiriyoonnisaa galuusaanii adeemsi jiru abdachiisaa ta’uu kan agarsiisuudha.
“Miseensota galan kunneen akka aadaa Oromootti dhadhaa muudamanii, aannan onnataniifi damma muuxatanii simatamaa harka nagaaf nagaadhaan diriireef awwaatanii deebii kennuun gocha aantummaan ummataa dhugaan irraa calaqqisu, duudhaan Oromummaafi gabbinni sirna Gadaa irraa mul’atu waan ta’eef adeemsichi haaluma kamiinuu kan jajjabeeffamuufi jajamuudha.
Bariisaa Guraadhala 15/2011
GLOBAL BUSINESS ELITE YOUR WHOLESALE SUPPLIER OF AGRICULTURAL AND INDUSTRIAL COMMODITIES
We are a global company providing food, ingredients, agricultural solutions and industrial products that are vital for living. We connect farmers with markets so they can prosper. We connect customers with ingredients so they can make meals people love. And we connect families with daily essentials from eggs to edible oils, salt to skincare, feed to alternative fuel. https://globalbusinessltd.co.uk/
Global business elite
copper cathode
aluminium wire scrap
scrap processor
scrap cpus
waste paper scrap
fridge compressor scrap
cable scrap
scrap copper wire
waste paper for sale
ceramic cpu scrap
icumsa 100
cpu scrap
wholesale sugar suppliers uk
scrap processor
scrap central processing units
occ paper scrap
occ waste paper scrap
nut prosper globe
ocopper cathode specifications
sachet water filling and sealing machine
insulated copper wire scrap
waste paper supplier
recycled copper wire
copper scrap wire
occ waste paper suppliers in uk
processor gold recovery
waste paper supplier
ccopper wire scrap millberry