Buqqaatota deebisanii dhaabuurratti hojii jajjabeessaan raawwatamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee: Lammiilee Oromoo sababa walitti bu’iinsa daangaafi rakkoo nageenyaatiin qe’ee isaanii irraa buqqa’an deebisanii dhaabuuf akkasumas nageenya, fayyaafi nyaata isaanii eeguuf sochii bal’aan taasifamaa jiraachuu Komiishiniin Hoggansa Hojii Sodaa Balaa Oromiyaa ibse.

Komiishinarri komiishinichaa, Obbo Mokonnon Leejjisaa ibsa dheengadda waajjirasaaniitti gaazexeessitootaaf kennaniin akka jedhanitti, sababa walitti bu’iinsa naannolee Somaalee, Beniishaangul Gumuz, Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Kibbaa (Geedi’ootti) mudatee tureen yeroo ammaa lammiileen Oromoo miliyoona 1.5tti ta’an qe’eesaaniirraa buqqa’aniifi namoonni miliyoona 3.4 ongeef saaxilaman gargaaramaa jiraachuu himaniiru.

Mootummaan naannichaa, mootummaa federaalaa, ummataafi dhaabbilee mitmootummaa wajjin ta’uun buqqaatota deebisanii dhaabuuf hojjechaa jiraachuu kan himan komiishinarichi, nageenya, fayyaafi nyaata buqqaatotaa eeguufis sektaroota adda addaa waliin hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Gargaarsi akaakuuwwan adda addaas marsaa marsaadhaan bakka buqqaatonni jiranitti taasifamaafii jira. Sababa rakkoo geejjibaafi nageenyaa irraa kan ka’e gargaarsa taasifamu dafanii buqqaatota biraan gahuu irratti hanqinni kan mul’atu ta’uus himaniiru.

Buqqaatota kunneen deebisanii dhaabuuf lakkoofsi herrega baankii banamee hanga ammaatti qarshiin biiliyoona 1.3 walitti qabameera kan jedhan Obbo Mokonnin, kana keessaa qarshiin ijaarsa manaafi gargaarsawwan adda addaatiif qarshiin miliyoona 600fi kuma 774fi 987 (%44) hojiirra ooluusaa ibsaniiru.

Buqqaatota naannoo Somaalee irraa buqqa’anii magaalota adda addaa 11 keessa qubatan kuma 41fi 053f qubatan tajaajila ibsaa akka argataniif qarshii miliyoona 87.5, carraa hojii uumuuf maallaqni miliyoona 264fi kumni 100 qarshii walitti qabame keessaa baasii ta’eera. Qarshii baankiitti walitti qabame biiliyoona 1.3 keessaa yeroo ammaa qarshiin miliyoona 752fi kuma 735fi 520 akkaawuntiirra kan jiru ta’uu himaniiru.

Qubattoonni kunneen erga buqqa’anii wggaa tokkoofi ji’a shan ta’uu kan eeran komiishinarichi, gargaarsi adda addaa mootummaan naannichaafi federaalaa akkasumas ummatni, abbootiin qabeenyaafi dhaabbileen mitmootummaa hanga ammaatti buqqaatotaaf taasisan qarshiidhaan yoo tilmaamame biliyoona 10 ta’a. Buqqaatutni kunneen gargaarsa jalaa baasuufi gara qe’ee isaaniitti akka deebi’an taasisuuf hojii raawwachaa jiru jajjabeessaa ta’uu himaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

Bariisaa Guraadhala 15/2011

Recommended For You

2 Comments to “Buqqaatota deebisanii dhaabuurratti hojii jajjabeessaan raawwatamaa jiraachuun ibsame”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *