Itoophiyaafi Uraaguwaay hariiroosaanii cimsuuf waliigaltee mallatteessan

Itoophiyaafi Uraaguwaay hariiroosaanii cimsuuf waliigaltee marii siyaasaa mallatteessan.

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Doktar Warqinaa Gabayyoon gitasaanii Uraaguwaay Ruudoolf Niin Noovaan waliin mari’ataniiru.

Marichaanis hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf waliigalaniiru.

Doktar Warqinaa waliigaltichi hariiroo biyyoota lamaanii kan cimsuufi carraa bal’aa kan gama dameelee hedduutiin uumuudha jedhan.

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Uraaguwaay Ruudoolf Niin Noovaan gamasaanitiin, jijjiiramni Itoophiyaan taasisaa jirtu biyyisaanii Afrikaa waliin hariiroo akka uumtuuf carraa gaarii kan uumu ta’uu ibsaniiru.

Image may contain: 2 people, people smiling

Recommended For You

3 Comments to “Itoophiyaafi Uraaguwaay hariiroosaanii cimsuuf waliigaltee mallatteessan”

  1. Pingback: bk8

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *