Waraanni WBO zoonii Lixaa hawaasaan simatamaa jiru.

 

Bu’uuruma koreen teeknikaa fi araaraa akkasumas Gumiin Abbootii Gadaa waamicha dhiyeessaniin loltootni Adda Bilisummaa Oromoo zoonii Lixaa guyyaa kaleessaa irraa eegalee deebi’aa jiru.

Guyyaa kaleessaa aanaa Manasibuu ganda Harawweetti qaama mootummaa fi Abbootii Gadaatiin simatamaniiru.

Guyyaa har’aas bifuma walfakkaatuun aanaa Beegii, Giddaa Ayyaanaa fi Baabboo Gambeelitti simannaan itti fufuu odeeffanneerra.

Guyyoota Sadan kanatti simannaan erga taasifameefii gara kaampii qophaa’efiitti kan galan ta’uus Walitti qabaan Gumii Abbootii Gadaa Bayyanaa Sanbatuu BBC Afaan Oromootti himaniiru.

Abbaa Gadaa Bayyanaa Sanbatuu akka himanitti Zoonii Lixaarraa qofa loltootni WBO Kuma 10 ol kan simataman ta’uu ibsaniiru.

 

Recommended For You

2 Comments to “Waraanni WBO zoonii Lixaa hawaasaan simatamaa jiru.”

  1. Pingback: sex ấu dâm

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *