Galiin daawwattoota alarraa argame dolaara biliyoona 1.4 ta’uu himame

Ji’oottan jahan darbanitti daawwattoota biyya alaarraa galiin dolaara Ameerikaa biliyoona 1.4 argamuusaa Ministeerri Aadaafi Turiizimii beeksise.
 
Ministirri Ministeerichaa Doktar Hiiruut Kaasaa, Ji’oottan jahan darbanitti turistoota biyya alaarraa dolaara biliyoona 2.7 walitti qabuuf karoorfame dolaara biliyoona 1.4 qofa walitti qabamuusaa gamaaggama raawwii hojii ji’oota jahaa ministeerichaa magaalaa Baahir Daaritti gaggeeffamerratti ibsaniiru.
 
Haaluma kanaan turistoonni biyya alaa lakkoofsan kuma 380fi 376 ta’an Itoophiyaatti argamuun iddoowwan hawwata tuuriizimii daawwataniiru.
 
Bu’aan kun karoora ministeerichaa keessaa %53 yammuu ta’u, hammi dawwii turistii biyyattii garuu %45 qofa ta’uu kaasaniiru.
 
Hammi daawwii turiistii biyyattii kan baroota darbaniin yammuu walbira qabamu, fedhiin dabalaa dhufuu Doktar Hiiruut ibsaniiru.
 
gama biraatiin hambaalee turistii 26 bara baajata 2011tti suphamuuf karoorfaman keessaa; Bataskaana Lallibalaa, Maasara Mootii Jimmaa Abbaa Jifaarii fi Siidaa Aksumiif dursi kan kennamuuf ta’uun ibsameera.

fa.

Recommended For You

2 Comments to “Galiin daawwattoota alarraa argame dolaara biliyoona 1.4 ta’uu himame”

  1. Pingback: Visit Your URL

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *