“Raayyaan Ittisaa diinaaf sodaa, Itoophiyaanootaaf ammoo Gaachana” – Doktar Abiyyi Ahmad

Finfinnee: Raayyaan Ittisaa Biyyaa (RIB), diinaaf sodaa Itoophiyaanotaaf ammoo gaacha ta’uu Ajajaan Humnoota Waraana Waliigalaafi Ministirri Muummee ibsan.

Ajajaan humnoota waraanaafi ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad, guyyaan RIB torbaffaa kaleessa istaadiyeemii Adaamaatti kabajamerratti argamuun haasaa taasisaniin, raayyaan ittisaa gaachanaa biyyaa ta’e jijjiirama keessa seenuun jijjiirama akka biyyaatti taasifamaa jiruuf aantummaasaa agarsiisaa jiraachuu ibsaniiru.

Raayyaan ittisaa rakkoo kamuu keessatti amanamummaan heeraafi biyyaaf qabu kan hinjijjiiramne ta’uu yeroo biyyi rakkoo keessa galtetti mul’isuusaa eeranii, dhaabbatichi siyaasa kamirraayyuu bilisa ta’ee aantummaafi quuqama biyyaatiin qofa kan socha’u waan ta’eef, paartiileen siyaasaa ilaalcha dogoggoraa RIB dhaaba biyya bulchu qofaaf dhaabbate jedhu dagachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Raayyaan ittisaa aantummaa ummataa mirkaneessuuf to’annaa siiviiliirratti hojjechuu akka qabu eeranii, kunis jaarmiyaaleen siyaasaa filannoodhaan ummataafi biyya tajaajiluuf taayitaatti yommuu ba’an bilisa ta’uun heeraafi biyya itti fufsiisuun akka mirkanaa’u addeessaniiru.

Akka Doktar Abiyyi jedhanitti, hojii guddaan hojjetamuu qabuufi hojjetamaa jiru humnuma jiru teknolojiidhaan cimsaa deemuu malee diiganii ijaaruun jijjiirama barbaadamu fiduu hindanda’amu.

Riifoormiin raayyaa ittisaa keessatti eegalames bu’uuruma kanaan adeemaa jiraachuus ibsanii, dabalataanis dargaggoonni ogummaa garaa garaa qaban dhaabbatichatti makamuun deeggarsa gochuu akka qaban waamicha dabarsaniiru.

Hawaasni raayyaa ittisa biyyaa uffata seeraa uffatee jiru kamiifuu iddoo deemeetti dursa kennuu, kabajaaafi aantummaa raayyichaaf qabu agarsiisuu akka qabuufi qaamoleen miidiyaafi aartii kabajaafi jaalala raayyaa ittisaarratti hojjechuun gahee isaanii bahachuu akka qaban dhaamaniiru.

Shuumiin Itaamaajorii Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa, Janaraal Sa’aara Mokonnon gamasaaniin, dhaabbannisaanii amantummaa heeraafi ummataaf qabu cimsee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru. Riifoormii raayyaa ittisaa keessatti eegalameenis RIB humna haaraa dabalatee ijaaramaa jiraachuu eeruusaanii miidiyaaleen garagaraa gabaasaniiru.

Qindeessituun Saamraawiit Girmaa

Recommended For You

One Comment to ““Raayyaan Ittisaa diinaaf sodaa, Itoophiyaanootaaf ammoo Gaachana” – Doktar Abiyyi Ahmad”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *