“ Gaafan biyyaa ba’e nan deebi’a jedhee abjo’adheeyyuu hinbeeku ” – Artisti Ilfinash Qannoo

Seenaa qabsoo Oromoo keessatti dubartiin cimtuu aartiidhaan akkasumas waraanatti dabalamuudhaan harka caalaa umriishee dabarsiteefi onnee Oromoo hunda keessa jirtu jirti. Artistiin kun ijoollummaadhaan qabsootti kan seente yoo ta’u maatiikoo, ijoolleekoo akkasumas, qe’eekoo osoo hinjedhiin gidiraan ummata bal’aarra ga’uu boqonnaa dhawwinaan aartiidhaan qabattee qabsootti seente.

“Qabsoon haadhoftuudha” akkuma jedhamu sana quuqqaa ummata Oromoo sirbaan ibsuusheetiif dararaa guddaan irra ga’eera. Reebamteetti, hidhamteetti, rifeensi gogaatti irraa haadameera, beelofteetti, dheebotteetti, lafeen duugdaashee miidhamee ulee qabattee deemuuf dirqamteetti, hunda caalaammoo biyyashee jaallatturraa godaantetti.

Qabsooftuun garuu wanti irra ga’e hamileeshee kan cabse osoo hintaane kan ishee cimsee ta’uudha yeroo heddu kan dubbattu. Yoomiyyuu fuullishee seeqaafi gammadduudha. Nama hunda kolfiteefi ofitti qabdeetu kan dubbistu. Yommuu nama dubbistuus fuullasheerra jaalala Oromummaafi haadhummaatu dubbifama.

Qabsooftuufi aartistiin kun turtii waggoota 20 booda ammaan tana biyyasheetti deebiteetti. Kutaan qophii keenyas seenaa isheefi jireenya qabsoosheerratti gaafdeebii waliin taasiseera. Kunis akka armaan gadiitti dhihaateera.

Bariisaa: Mee dura dubbistoota keenyaan walbari.

Ilfinash: Ani Ilfinash Qannoo Galdaasaan jedhama. Kanin dhaladhee guddadhe Wallagga Bahaa, aanaa Guutoo Giddaa, Ganda Qonnaan Bulaa Barsiisaatti. Barumsa koos hanga kutaa lamaatti mana barumsaa Makkoo Guutuu jedhamtuttiin baradhe. Sanaa booda garuu gara Magaalaa Naqamteetti dhufuun kutaa sadii kaasee mana barumsaa Burqaa Beekumsaafi Burqaa Jaatoo jedhamuttin baradhe.

Bariisaa: Yoom gara sirbuutti dhufte?

Ilfinash: Utuun kutaa shanaffaa barachaa jiru hawwisoon aanaalee Wallaggaa hirmaachisu hundaa’e. Kana jechuun bara 1969. Anis yommusuman hawwisoo Biqiltuu Bultii Wallaggaa jedhamutti makame.

Bariisaa: Ijoollummaadhumaan fedhii sirbaa qabda turte moo?

Ilfinash: Ani dura waa’ee sirbaa hinbeeku; abbaan koos sirbatti na hinergu. Garuu namoota naannawaakooti qonna qotaniifi buna funaanan waliin geerarsan dhaggeeffadha. Yommuu dhiironni geeraran baay’een dhaggeeffadha. Kanaaf ijoollummaa kootii kaasee geeraraan boqqolloo cabsa, qoraan funaana, aramaan arama, meesin meesa; bakkuman deemeettin dhiirota duukaa geerara.

Kanarraa ka’uun yeroosaa sirriitti yaadadhuu baadhus bara 1964 Wasillikoo yommuu fuudhu cidhasaarratti geerrarraan teeppiidhaan na waraaban. Turtii waggoota afurii booda utuun kutaa shan baradhuu Doktar Zalaalam Bantii (amma Landan jiraata) kan jedhamu sagaleekoo dhaga’ee waan tureef barsiisaa koo eeyyamsiisee dhufee kutaa keessaa na fuudhee mana qopheessaa magaalaa Naqamteetti na geesse.

Yommuu sana Zarihuun Wadaajoofaa, Ittaanaa Tolasaafaa, Amantee Dojaafaafi kanneen biroo achi tataa’u. Achitti Obbo Tasammaa Nagarii nama cimaa eenyummaa Oromoo beekan “Maal gochuu dhufte, ni sirbita moo?” jedhanii na gaafatan. Anis “Hinsirbu nan geerara malee” jedheen. Yeroo sanatti akka aadaatti dubartiin hingeerartu.

Isaanis “Mee geerari” naan jennaan keessaan fuudhe. Irra na deebisiisanii al sadii na geerarasiisan. Baay’ee gammadanii fuullisaanii ife. Yommuun sirbee gadi ba’u qarshii 100 harka keessa na kaa’an; ani isa dura qarshii 100 maal akka fakkaatu argee waanin hinbeekneef qabdheen dhaqee Zariihuunfaa bira taa’e. Qabaan koo kan itti hintolle Zariihuunis “Kun qarshiidhaam sirriitti qabadhu” naan jennaan shaashiikootti guduunfadhe. Isarraa kaasee geerarsi natti mi’aawaa dhufee gara sirbaatti na geesse. Sagalee qabaachuu koofi sirba danda’uu koos yommusiin bare.

Bariisaa: Geerarsa yeroo jalqabaa geerarte sana walaloosaa ni yaadattaa?

Ilfinash: Eeyyee, maal jetti seete?
Mee ka’ee geeraruuree?
Yoon geerare maal qabaa?
Eessakootu didaa qabaa?
Gudar gubbaan lafaaree?
Dubartummaan fafaaree?
Yoo dhiirri hidhate ka’e anatu tellaatti hafaaree?
Takkan irraa jijjiigsaa akka maasaa dinnichaa
Saba intala dibichaa
Mee takkan raajii raaja
Unkuroon buqqee raaja farsoon dinnicha raaja
Lafti ka’ee hinijaajju hamma qabu raaja
Nadheen areeda hinbaaftu kan haadhoo reettii raajaa
Durbi dur hingeerartuu kan Ilfee Qannoo raajaa, jedheen geeraree ture.

Bariisaa: Ergasii guutummaatti gara sirbaatti seente moo?

Ilfinash: Eeyyee, yommuun geeraru namni baay’ee jaal’ata ture. Anis kanumarraa ka’een sirbuus eegalee; innis naa jaallatamnaan, edaa sirbuu nan danda’a jedhee sirbuus nan eegale. Isatti aanseeni sirba “Qawwee maaltu bilisa nu buusa” isa jedhu kanin sirbe. Ummannis yommuu sirba kana dhaga’u wayita iyyaniifi walcaccabsan ana jaallataniitun se’a; edaa siyaasichaaf ture.

Bariisaa: Maatiin kee barumsa dhiistee sirbatti seenuukee fudhataniiru?

Ilfinash: Abbaan koo hinbeeku ture; haadhakootti garuu himeera. Isheenis “Abbaan kee si ajjeesa” naan jennaan innoo baadiyyaa jira nan argu jedheen itti fufe.

Bariisaa: Erga hawwiisootti makamtee Naqamteedhuma turtee?

Ilfinash: Naqamtee baay’ee hinturre. Achumatti shaakalaa erga turree booda baruma sana (1969) agarsiisaaf gara Tiyaatirii Biyyaaleessaatti kutaalee biyyattii addaddarraa babbaanee dhufne. Yommuus Alii Birraa, Fandii Sayyoo, Haloo Daawwee, Gaaddisaa Abdullaahii, Zarihuun Wadaajoofi kanneen biroo hedduu waliin turre.

Gaaf tokko tiyaatira biyyaaleessaadhaa yommuun sirbee ba’u waa na mudate. Obbo Tasammaa Nagarii waa na barsiisanii turan. “Yogguu sirbitu, warri Finfinnee amaariffa dubbatu malee ijoollee Oromooti yommuu si dubbisan sirriitti dubbisi” naan jedhanii turan. Anis kana sammuu keessaa qaba. Jennaan dargaggoonni lama dhufanii natti amaariffaan na dubbisan. Tokko natti marmee na hammatee na dubbisa, tokkommoo ‘zambiilii’ Amboodhaa bitadhee wayyaakoo keessa ka’aadhe ture keessa waa kaa’a. Ani sababan sirbituu beekamtuu ta’eefin se’e. Edaa isaan shira biraatti jiru.

Erga isaan deemanii baasii keessa seennee yommuun ‘zambilii’koo ofirra kaa’u ol guuteera. Eenyuutu wayyaa natti dabale jedheen dheekkame. Yoo kan Zarihuun “Atimmoo waanuma xinnoo aarta, maal ta’aree yoo sitti dabalan? Mee baasi kan eenyuuti?” naan jennaan yommuu wayyaa baasuu jalqabu waan waraqaa adiidhaan marame agarre. Yommuu ol fuunee ilaalu sagalee waan akka waa gubatuu dhageessisa. Zarihuun “Nan bade hindhumne” jedhee dafee na harkaa butee bu’ee kufama bishaanii keessa buuse. Nutis naannawaa sanaa deemne.

Yommuu agarsiisa keenya xumurree gara biyya keenyaatti deebinu keellaa keellaarratti sakkatta’iinsa cimaatu ture. Artiistoonni baay’eenis ni ajjeeffaman. Kaniin yaadadhu mucaa Harargee tokko sirba “Kan jimaan daraaree karaaran tursaaree, bilisummaan kan koo suman na mararee” jettee sirbitu tokko yommuu isheen Harargeetti deebitu ni ajjeesan. Kan Baaleerraa dhuftee “Baarzaafii garaa Bachoo tokko muranii tokko bal’aadha, danaa yizdilinyi hinbeekuu akkam ooltanii ani Oromoodha” jettee sirbitus ni ajjeesan. Nuti warri gara Naqamteetti deebinemmoo dhiira saddeetiifi ana hidhaatu nu mudate.
Garee keenya keessaa badanii hanga yoonaa jiruufi hinjirree isaanii kaniin hinbarreefi iyyaafadhee dadhabemmoo dargaggoota Nigaatuufi Tashoomaa (Fooloosoo jennaan nuti) jedhamanidha.

Bariisaa: Yeroo dheeraa hidhamtanii?

Ilfinash: Lakki. Namni saddeet xiqqoo hidhamnee baane. Zarihuun garuu turee ba’e. Akkuma hidhaadhaa baaneen bara 1971 anaafi Abbitawu gara Finfinneetti badne. Yommuu biyyaa badnu karaa garagaraa dhufne. Ani ijoollee ergaa deemtu fakkaadheen naxalaa uffadheen miilaan hamma magaalaa Siree (Naqamteerraa kiloomeetira 50 ol)tti guyyaa laman deeme. Achii namoonni na beekan Finfinneetti na ergan.

Erga Finfinnee dhufnee takka sabboontota bira turree nama rakkisuun nutti ulfaannaan baane. Anaafi Abbitawu Kabbadaa yeroo rakkinaa hedduu waliin dabarsine. Waan nyaannu illee dhabnee agabuu bulaa turre. Isaa booda namoonni nageenya koof jedhanii kutaa muuziqaa kaampii Poolisitti na galchanii qarshiin 50n qacarame.

Achuma bulaa hojjechuutti ka’us kaampichi irrisaas keenyan isaas dhagaa waan tureef baay’ee qorra. Waaniin uffadhee buluu hinqabu; nyaanni hinjiru. Asmiin hanga har’aatti na rakkisu kun achii na qabe.

Yeroos daabboon tokko farankaa sadiin (15), lamaan ishee ammoo saantima 25n bitamti. Anaafi Abbitawu garuu saantima qusachuuf jecha daabboo tokko lamatti nyaanneefaa oolla turre. Yommuu namni cidha nu waamummoo nan yaadadha inni surree lama qaba. Kan koo immoo moofooftee daalachoofteetti. Kanaaf ani isa kansaa tokko uffadheen cidha deemna turre.

Bariisaa: Kanaa booda turee kan biyyaa baate?

Ilfinash: Maal kana qofaree, kana boodayyuu gidiraa baay’eetu narra ga’eewoo. Biyyan itti hinhidhamiin na gaafadhu. Ergasiiyyuu aniif Zarihuun chaarataratti makamne. Yommuu chaartara keessaa baanu namni ofitti nu butu dhibnaan waraana duukaa bosonatti galle. Waraana duukaa gara Suluultaa bosanatti kan nu erge Jaal Nadhii Gammadaa ture.
Waraana waliin Shawaa keessa naannoofnee guyyaa torba lollee, guyyaa torbaffaatti qabamne. Ergasii Finfinne keessatti lolli hinlolamne. Inni du’e du’ee, inni qabame qabamee, inni badummoo bade.

Aniifi Zarihuun erga qabamnee, Incinnii, achii Holataa, achii Amboo nu geessan. Achi guyyaa murtaa’e erga buufatatti  nu hidhanii karchalleetti nu dabarsanii ji’a ja’aa hidhamne. Achii nu fuudhanii Bilaattee, achirraa Dhidheessa nu geessan. Achimmoo gara ji’a saddeetii nu hidhan. Achii baanee Finfinneetti galle.

Lammaffaa ammoo Jaal Ibsaa Guutamaa Finfinneetti hidhamanii waan turaniif Jaal Leencoo Lataafaa hiiksisuu dhufan jennaan dhaddacha dhaggeeffachuu deemne; achii nu qabanii Sandaafaatti nu hidhan. Achitti mataakoo gogaa narraa haadan. Isa booda Maa’ikalaawwii na fidan. Achii ‘soostanyaa’, achii karchallee na geessan.

Kanaa booda nan ba’e. Jireenyi garuu jireenya miti; hojjechuu hindanda’u. Kellaa darbuu hindanda’u, na basaasu, akka garaakootti socho’uu hindanda’u. Ollaakoodhaa namoota Kaappiteen Xilaahuun Bantiifi Jaal Taammiraat Gammadaa (qopheessaa gaazexaa Sayifa Nabalbaal) qaban.

Dhumarratti gidiraan natti hammaannaan ammas na qabatu jedheen ijoollee koo Daangaa waggaa saddeetii, Daangaa waggaa 11fi Margee Waggaa 14 dhiiseen ALA bara 1998 Moyyaaleerraan Keeniyaa gale.

Kanas sabboonaa Bantii Oliiqaa jedhamu amma Awustiraaliyaa jiraatutu yommus konkolaataa kireeffatee tureen Moyyaalee na geessan. Yommus haadha manaa abbaa konkolaatichaa Faaxumaa jedhamtu fakkeessanii na miliqsan. Yommuu kellaarra geenyu warra sakkattaa’aniin Faaxee dhukkube jechaa na dabarsan.

Moyyaaleettis mana dubartii tokkoodhaa buna dhugeen darbe. Ergasii dubartiitti qaban. Isheenis nama ergitee “qodaa sana dafaa gama ceesisaa” jettee koodiidhaan bakkan ciisee jirutti namoota na waliin turanitti dhaamte. Battaluma dukkana keessa baanee Moyyaalee Keeniyaa seenne.

Ganamasaa ejensii wayiitu ture, achitti xiyyaara yaabbachuuf yommuun jedhu na qabu dhufan. Yoona Booranni tokko ijaan mallatto naa kennee isa hordofeen deeme. Konkolaataan ‘pickup’ qophooftee turte isa keessan seene. Haala kanaan ALA bara 1998 Keeniyaa gale. Achittis ijoolleekoo eegeen ji’a 10 turee 1999 Noorway seene.

Bariisaa: Mee erga kana hunda keessa dabartee of duuba deebitee yoo yaaddu qabsoon hin ulfaatuu?.

Ilfinash: Ni ulfaata garuu ati seenaafi eenyummaa kee beeknaan waa tokko sitti hinfakkaatu. Kaayyoo qabaannaan gidiraan sirra ga’u akka seexooftu si godha. Ani dhimma horiis, dhimma manaas hinqabu. Ani kaayyitti isheen ganama manaa ba’eef sana, bilisummaa Oromoo ishee jettu sanan yaada malee argadhus dhabus dhimma hinqabu. Utuun miidhama koo yaade hinmilkaa’uun ture. Wanti narra ga’ee hundi na cimse malee boodatti nan deebisne.

Bariisaa: Garaan haadhummaafi qabsoonoo, waliin hinulfaatu?

Ilfinash: Ani ijoolleekoo waggaa lamatti akkasaan hinsaaxilamneef namoota afaan hinbeekne ollaa jiran biratti dhiiseen qabsoo seene. Sababiin isaa bilisummaa hincaalu. Dhalli kee gabrummaa keessatti guddachuurra loltee yoo duutes duutee, yoo biraan geessees geessitee isaanitti dabarsuu qabda. Sodaattee mana kee teessee gabrummaadhuma sana keessatti uruursita taanaan kun jireenya miti.

Bariisaa: Maatiikee gaafuma barumsaaf biraa baatee hawwisootti akkuma makamteen adda baatee haftee?

Ilfinash: Eeyyee, ani deebi’ee hindeemne. Abbaafi haatikoo garuu hidhamuukoo dhaga’anii na barbaacha Naqamtee dhufanii turan. Guyyaa sadii sadiittis daabboos ta’u biddeena naa fidaa na gaafataa turan. Ergasiis abbaan koo takkaa iyyaafatee Karchallee Ambootti na gaafachuu dhufnaan reeban. Ergasii eenyuunuu hinagarre. Abbaakoo nyaachisanii konkolaataa qabsiisanii hanga biyyaatti kan geeggeessan ummata Ambooti. Carraa kanaan ummata Amboof jaalalaafi kabajaa guddaan qabu ibsuun barbaada. Erga kaasuun koo hinoollee gidiraa narra ga’aa ture keessatti ummanni Arsiis yaadannoo guddaa na biraa qabu. Isaanis yeroo rakkina koo na bira dhaabbataniiru. Waliigalatti sabboontonni hedduu anas ijoolleekoos harka qabaa turaniiru.

Bariisaa: Amma haatikeefi abbaankee jiruu?

Ilfinash: Hinjiran; abbaan koo utuman biyya kana jiruu du’e. Dhaqee awwaallachuun dadhabe malee. Haati koommoo utuun Noorwayiin jiruu waggaa sadii dura boqatte; garuu agabuu bulee ofitti hir’isee gargaaraan ture. Obbolaa koos gaafachaan ture. Isan dhufees walagarreerra.

Bariisaa: Erga Noorway galtee jireenyi akkam ture?

Ilfinash: Ergan Noorway galee homaa hojjedhee hinbeeku; mootummaa dhumatu na jiraachisa. Qabsoo keessatti reebichaan dugdikoo waan miidhameef amma ulee qabadheen deema; akka garaakoo socho’uu hindanda’u. Harka caalaa jireenyakoo hospitaalumattiin dabarsa. Akkasuma ta’ee garuu qabsoorraa dhaabbadhee hinbeeku. Akkasuma ta’een wiilchariidhaan oofamaa xiyyaara yaabbadheen yommuu Noorwayii cabbii ta’u waraana bira dhaqa.

Bariisaa: Jireenya kee keessatti guyyaan ati baay’ee itti gammaddeefi gaddite yoomi?

Ilfinash: Jireenya koo keessatti kaniin gammade guyyaan biyyatti deebi’ee biyyakoofi ummatakoo ijaan argeedha. Kaniin gaddemmoo yommuu Oromoon Oromoorratti ka’ee argu, yommuu qomoom qomoo wallaalee dhiiga dhangala’e gatii dhabsiiseedha. Yommuu waljibbu, yommuu walajjeesu, yommuu waldadhabu, yommoo waldhaga’uu didu gaafan arguus yeroo marayyuu nan gadda.

Bariisaa: Akka qabsooftuu tokkotti kun akka hintaane maal ta’uu qaba jetta?

Ilfinash: Jaarimiyaaleen Oromoo waan sabni Oromoo fedhurratti hundaa’uun waldhaga’uu qabu. Waan hunda kan murteeffatu ummata; kanaaf waan jiru ummatatti dhiheessuun mariisiisuu barbaada. Rakkoo jiru qawweedhaan hiikuuf yaaluun sirrii miti. Wal ajjeesuu, walbalaaleeffachuufi walhidhudhaan waan dhufu hinjiru. Kanaaf waldhaga’uun yaada ummata Oromoo waliin deemuu barbaachisan jedha.

Bariisaa: Maddi waldhaga’uu dhabuu kanaa maalidha jettee yaadda?

Ilfinash: Holola diinaati. Namoonni utuu Oromoo hinta’iin Afaan Oromoo dubbachaa, kan Oromoof yaade fakkaatanii Oromoorratti kan hojjetantu jira. Nuti garuu kanneen adda baafannee hinbeeknu. Raammoo gadhee nu gidduu jiru kana hubannaadhaan adda baafachuu qabna.

Bariisaa: Ilfee, gaafa biyyaa baate deebi’ee ummatakoofi biyyakoo nan arga jettee yaaddee beektaa?

Ilfinash: Tasumaa; ani kan abjo’adheeyyuu hinbeeku.

Bariisaa: Kun dhugaa ta’ee yommuu achii as kaatu miira akkamiitu sitti dhaga’ameeree?

Ilfinash: Kun waan guddaadha. Ifa xiqqoo argamteen saaqannee seenuun waan guddaadha. Kun yoo keessa jiraatte siif gala. Ani kan jedhee gammachuu natti dhaga’ame ibsachuun natti ulfaata.

Bariisaa: Amma haala akkamiirra jirta?

Ilfinash: Ani waa’ee rakkina koo haasa’uun natti ulfaata. Garuu ergan dhufee hoteeluma keessan jira. Ummannis mootummaanis akkan dadhabduufi dhukkubsattuu ta’ee beeka. Kan hamma yoonaa gargaaraa na turse Obbo Dinquu Dayyaasi. Namoonni tokko tokkos hamma humna isaanii inuma na deggaru. Ani saba bal’aa kana keessatti akkamittiin akkas ta’e kan jedhu natti dhaga’ama. Ana hambaa riibichaa maaliif callisanii na ilaalu; mootummaas ta’u Oromoon anaaf bakka jireenyaa na kennuu dadhabaayi kan jedhu natti dhaga’ama. Gaafan kana jedhu garuu warra na deggaran gatii dhabsiisuukoo osoo hintaane waanuman argadhe hoteelaaf kennuurra waan dhaabbataa osoon qabaadhe jechuufi.

Bariisaa: Dhiheenya kana konsartii qopheessitee turte, akkam ture?

Ilfinash: Baay’ee bareedaadha. Ummanni Oromoo na boonse. Qeerroon, qarreen, anga’oonni, jaarsi hinhafne. Reefuun Oromiyaa keessatti dhaladhee akkan jedhu na taasisan. Konsartiin kun kan jalqabaa kooti; guyyaa jireenya kootti hindagamtamne naaf ta’eera.

Bariisaa: Ijoolleen kee lama hojiikee akka hordofan, tokkommoo faarfattuu akka taate quba qabna. Mee warri lamaan akkamiin hojiikee hordofan?

Ilfinash: Ijoolleen maatiisaanii fakkaatu. Fakkeenyaaf mana keessaatti waa’eedhuma siyaasaa yoo haasofta ta’e siyaasa baranii guddatu. Kanaaf ani nan sirba waan ta’eef sirba baranii guddatan; waa’ee siyaasan haasa’a isa baranii guddatan.

Bariisaa: Ijoolleen kee afaan Oromoo sirriitti haasa’u, ijoollummaatto biyya sana deemanii akkamiin harkaa hinbadne?

Ilfinash: Ani Ingiliffas hindanda’u. Afaanuma biyyasanaayyuu ittumaan buna dhuguuf malee hindanda’u. Ijoolleen koo afaan Noorwayis, Ingiliffas bareechanii haasa’u. Ana waliin mana keessatti garuu Afaan Oromoo qofaan waliigalu. Ani seera tokkoon qaba. Balbala manaa achiitti waan barbaaddan haasa’uu dandeessu. Balbalaa asitti garuu afaan biraa haasa’uun hindanda’amu kan jedhu. Kun Oromiyaa gaafuman jiru kaaseeti. Yoo isaan seera kana cabsan ijoollummaasaaniitti daabboo firnoo jaallatu turan; isan dhawwadha. Noorwattis kanumatu itti fufe. Akkasittiin barsiifadhe.

Bariisaa: Ilfeen kana booda Oromiyaadhuma jiraatti moo, Noorwayitti deebiti?

Ilfinash: Ani haalonni yoo naa mijatan biyyuma koo jiraachuun yaada. Dhiheenyatti garuu wal’aansaaf deemeen deebi’a.

Bariisaa: Dhumarratti ummata Oromoof maal dhaamta?

Ilfinash: Ifa injifannoo argame kunuunfachuu kan qabu numa. Diina keenya beeknee of eeggachuu qabna. Waldhageenyee biyya keenya guddifachuutu nurraa eegama. Dhiiga dhangala’eefi ol adeemaa karaatti hafe yaadachuun tokkummaadhaan biyya keenyaaf hojjechuu qabna. Tokko tokkorratti ka’uuniifi walyakkuun ummatarratti yakka hojjechuudha; kanaaf waliigaluun dirqaman jedha.

Saamraawiit Girmaatiin

Recommended For You

2 Comments to ““ Gaafan biyyaa ba’e nan deebi’a jedhee abjo’adheeyyuu hinbeeku ” – Artisti Ilfinash Qannoo”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *