Waajjiraaleen raawwii gadaanaa qaban hatattamaan tarkaanfii sirreessaa fudhachuu qabu jedhame


Pirezidaantiin BMNO Obbo Lammaa Magarsaa Manneen hojii Mootummaa ji’oota jahan darban keessa raawwii hojii gadiaanaa galmeessisan hatattamaan tarkaanfii sirreessaa fudhachuu akka qaban hubachiisan.

Obbo Lammaam kana kan hubachiisan qorannaa raawwii hojii waajjiraaleei mootummaa ji’oota jahan darbanii dheengadda Galma Waajjira Pirezidaantiitti, geggeeffameen booda kallattii hojii wayita kennanitti.
Manneen Hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaa kilaastaroota hojii sadiin gurmeeffaman Misooma Qonnaafi Bu’uuraalee Misooma Baadiyyaa, sektara Hawaasummaafi Misooma Magaalaa gabaasa raawwii hojii ji’oota jahan darbanii dhiheessuun qoratameera.

Gamaaggama kanaan waajjiraaleen kilaastara hawaasummaa raawwii hojii gaarii qabaachuu keessatti ilaalameera. Manneen hojii kilaastara qonnaas gama oomisha qonnaa guddisuutiin sochiin taasifamaa jiruun barana callaa kuntaala miliyona 167 argachuuf karoorfamee kuntaalli mil. 171 argameera.

Raawwiin jiru karooraa ol ta’uu agarsiisullee ammas gama dhiheessii ekisteeshinii qonnaatiin jiru hanqina guddaa qabaachuu gamaaggamni kun mul’iseera. Omishni amma argamaa jirus carraa naannichi qabuun walbira qabamee yoo ilaalamu gadi aanaadha jedhameera. Rakkoo kana furuuf qorannoowwan adda addaa geggeeffamanii bara dhufu hojiirra kan oolan ta’uus eerameera.

Misooma qonnaa naannichaa sadarkaa olaanaatti ceesisuuf dhiheessiin tajaajila Meganaayizeeshinii xixiqqaa hanaga gurguddaatti jiraachuu akka qabu, Tekinooloojiwwan humna qonnaan bulaatiin hojiirra ooluu qaban baay’inaafi qulqullinaan dhiheessuu, akkasumas dhiheessii guddistuu callaa sadarkaa barbaadamuun dhihaachuu akka qabu ilaalameera. Omisha argacuu icnaatti rakkoon qulqullinaan oomishanii gabaaf dhiheessuu akka jirus eeramee xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu akka qabus kallattiin kaa’ameera.

Dhangaggummaa biyyoo naannichatti lafa hektaara 1.7 irratti jiruus yaaddoo guddaa qonnaan bultootaa waan ta’eef asiidummaa biyyoo hir’isuuf toftaan nooraan fayyadamuu cinaatti fala waaraa fiduuf qorannoon sadarkaa addunyaa eeggate geggeeffamuu akka qabu kallattiin kaa’ameera.

Dinagdee naannichaas ta’ee biyyattii guddisuuf misooma qonna baadiyaarratti xiyyeeffachuun sadarkaa duraatti hojjetamuu akka qabuufi ogeessonni qonnaas ogummaa qabaniin tajaajlila irraa eegamu sadrakaa olaanaan kennuu akka qaban eerameera. Sadrkaa kanatti carraa hojii babal’suuf xiyyeeffannaan keennames cimee akka itti fufu ibsameera.

Raawwii hanga kurmaana kanaatti jiruun carraan hojii dhaabbii %45 akka ta’e gamaaggamichi agarsiiseera.
Raawwiin gama bu’uuraalee misoomaatiin jirus gadi aanaa ta’uu gamaaggamichi adda baasee kallattii furmaataa kaa’eera. Piroojektoonni fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf akka ijaaraman mootummaan baajata Qar. Bil. 3 qabeef keessaa hanga yoonaatti %16 qofti raawwatamuu ibsameera. Kunimmoo sababoota rakkoo siyaasa biyyattii fi nageenya naannichatti mul’atuun akka wal qabatu xuqameera. Haa ta’u malee sababa kanaan kan wal hin qabanne Caalbaasii Piroojektootaa hanga ammaatti raawwatamuu dhadhabuun akka hanqina guddaatti fudhatamee hatattamaan tarkaanfiin sirreessaa akka fudhatamu kallattiin kaa’ameera.
Piroojektoonni Bishaan dhugaatii waggoota 10 ol lakkoofsisan Ginbichuu Fantaallee fi Faadis

dabalatee Proojektoonni 10 kan xumuraman yoo ta’an yeroo gabaabaa keessatti eebbifamanii tajaajilaaf banaa akka ta’an, Piroojektoonni 89s %90 raawwatamanii baruma kana keessa xumuruuf hojjetamaa akka jiru ka’eera. Piroojektoonni lama kanneen akka Arsii Nageellee, Shiraaroo Shaallaa deggarsa addaa akka barbaadus ka’eera.
Qabannaa fi qubannaa seeran alaa baadiyyaatti babal’achaa waggoota 20n darban keessa geggeeffamaa ture, akkasumas ijaarsa seeran alaa magaalota keessatti babal’achaa jiru sirnaan seera qabsiisuuf qorannaan adda bahe haala duree tokko malee hojiitti hiikamuu akka qabus kallattiin kaa’ameera.

Tajaajila gama paabilik sarviisiitiin jiru fooyyessuuf caasaan haaraa hojiirra oolchuuf tarkaanfiin fudhatame bu’aasaa gara fuukla duraatti ilaaluun kan danda’amu ta’ullee ummanni ammas rakkoo bulchiinsa gaaritiin dararamaa jiraachuun ilaalameera. Hoggantoonniifi Hojjettoonni mootummaa humna guutuufi qajeelummaan hawaasasaanii tajaajiluurratti rakkoon qindoominaan hojjechuu jiru hiikkachuu akka qabu ibsameera.
Akka waliigalaatti ji’oottan jahan darban keessa waajjiraaleen raawwiinsaanii gadi aanaa ta’e sababoota tarreessuu keessaa bahanii ija fayyadamummaa ummataatiin ilaalanii tarkaanfii hatattamaa fudhachuun ji’oota hafanitti raawwachuu akka qaban Obbo Lammaan hubachiisaniiru.

Recommended For You

6 Comments to “Waajjiraaleen raawwii gadaanaa qaban hatattamaan tarkaanfii sirreessaa fudhachuu qabu jedhame”

  1. Pingback: Dan Helmer
  2. Pingback: vapes for sale
  3. Pingback: 꽁머미

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *