“Injifannoon argame aartiidhaan yoo deggarame bu’aansaa olaanaadha” – Artisti Gammadoo Jamaal

Oromoofi aartiin hidhata guddaa qabu. Geerarsa hibboo, sheekoofi oduu duriifaa dabalatee duudhaalee aartii wajjin hidhata qabaniifi daran gabbatoo ta’aniin dhalasaa qaroomsaafi ga’oomsaa tureera.

Ummatichi beekumsaafi aartii kana barumsaan yookiin leenjiidhaan argatee osoo hintaane kennaa uumamaatiin ibsataa ture. Namoonni hojii aartiirratti hirmaatan hedduun “Utuu qabeenyaan aartii Oromoo kun barnootaafi leenjiidhaan deggarame silaa akkuma biyyoota guddatanii indastirii guddaa ta’uun dingadee biyyattiis ni utuba ture” jechuun waltajjiiwwan garagaraarratti ibsaa turan.

Kanuma hubachuufi jaala olaanaa aartiif qaburraa ka’uun Artisti Gammadoo Jamaal Awustiraaliyaarraa dhufuun Magaalaa Adaamaatti tibbana Inistiitiiyuutii Aartii Oromiyaa isa jalqaba hundeesse tibbana bakka abbootiin Gadaafi keessummoon adda addaa argamanitti eebbisiiseera.

Kanuma ilaalchisuun gaafdeebii Gaazexaa Bariisaa waliin taasiseen akka ibsetti, inistiitiyuutichi kan hundaa’ee aartii Oromoo sadarkaa tokkoo fuuldurratti guddisuu, addunyaarratti beeksisuun dorgomaa taasisuu akkasumas, aartiistota ogummaadhaan hojii aartii hojjetan baay’inaan horachuuf yaadame ta’uu dubbata.

Aartiin karaawwan ittiin qabsoo adeemsisaniifi finiinsan keessaa isa ijoo ta’uu eeree, injifannoo siyaasaa amma biyyattiitti argameefis qoodnisaa olaanaadha jedha. Kanaafuu injifannoon argame aartiidhaan yoo deggarame bu’aansaa olaanaa waan ta’eef aartii Oromoo ammayyeessuufi beekumsaan cimsuun barbaachisaa ta’uusaatiin inistiitiyuutichi ga’eesaa ba’achuuf akka tattaafatu ibsa.

Kana malees dargaggoonni utuu kennaa qabanii haala ittiin hojjetan wallaalanii yeroosaanii akka hintaanetti dabarsanis leenjii kan itti fudhataniifi of ga’oomsan ta’uu addeessa.

Gaggeessaan hojii inistiitiyuutichaa Artisti Beenyaa Dhaabaa gamasaatiin, inistiitiyuutichi hojilee aartii hundarratti namoota fedhiifi humna qaban leenjisuun waraqaa ragaa kan kennu yoo ta’u, hojiilee pirodaakshiniis dameewwan garagaraatiin kan hojjetu akka hojjetu eera.

Yoo xiqqaate waggaatti agarsiisawwan afur, tiyaatira lama, dokimantariiwwaniifi kilippiiwwan baay’inaan hojjechuufis yaadee kan hundaa’ee ta’uu hima. Kanaafis meeshaalee ammayyaa hunda guuttachuun hojii eegaluuf qophaa’uusaa kaasa.

Kana malees namni insitiitiiyuticha seenee leenji’u kamuu sirna gadaa akka ‘common course’ tokkootti fudhatee kan ba’u yoo ta’u, sirna qubeessaarratti leenjiin addaa akka kennamu ibsa. Fuuldurrattis radiyoofi televizyinii aadaafi aartii qofarratti hojjetu banuun hojjechuuf kan karoorfate ta’uu eeree, akka waliigalaatti inistiitiyuutichi guddaafi sadarkaa aartii Oromoo fuuldurratti kan siqsu akka ta’eedha kan eerame.

Saamraawiit Girmaatiin

Recommended For You

3 Comments to ““Injifannoon argame aartiidhaan yoo deggarame bu’aansaa olaanaadha” – Artisti Gammadoo Jamaal”

  1. Pingback: hihuay
  2. Pingback: steenslagfolie

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *