Waliigaltee Asmaraafi carraa Waraana Bilisummaa Oromoo-Koreen teknikii hojiisaa eegale

Finfinnee: Jijjiiramoota biyyattiitti mul’ataa jiran keessaa tokko jaarmiyaaleen siyaasaa kanneen akka Adda Bilisummaa Oromoo Jaal Daawudiin durfamuufi ‘Arbanyoochi Ginbot 7’ qabsoo hidhannoo gaggeessaa turan dhaabanii karaa nagaatiin akka qabsaa’an gochuudha.

Kanaanis Pirezidaantiin BMNO, Obbo Lammaa Magarsaafi Doktar Warqinaa Gabayyoo mootummaa Itoophiyaa bakka bu’anii Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Obbo Daawud Ibsaatiin hogganamu waliin magaalaa Eertiraa, Asmaraatti walii galtee kan raawwatan yoo ta’u, Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kabajaan qaamolee nageenyaa Oromiyaatti makuun qaama waliigaltee taasifame keessaa tokko ture.

Waliigaltee Asmaraarraa ka’uun hoggantootni ABO olaanaa gara biyyaatti deebi’anillee waraana mootummaafi WBO gidduutti walitti bu’iinsa uumamaa tureen lammiileen hedduun lubbuusaanii dhabaniiru; qabeenyis manca’eera. Kunimmoo jireenya hawaasa biyyattii keessumaa ammoo ummata Oromoo gaaga’aa waan dhufeef, Gumiin Abbootii Gadaa yeroo dheeraaf marii’achuu tibbana Ambootti si’a dhumaaf mootummaa Itoophiyaafi ABO gidduutti araarri akka bu’u godhaniiru.

Sirna araaraa Ambootti raawwaterratti Gumiin Abbootii Gadaafi Haadholeen Siinqee waliigaltee Asmaraa haaressuun guutummaatti hojiitti akka hiikamu gochuuf koreen teknikaa tokko akka hundaa’u ta’eera. Barreessaan Kongiransii Federaalistii Oromoo (KFO) Obbo Baqqalaa Garbaa, Xiinxalaafi qabsaa’aa siyaasaa Obbo Jawaar Mohaammad miseensota koree teknikaa yoo ta’an Kibxata darbe miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Akka Obbo Baqqalaan jedhanitti, Ambootti araara mootummaafi ABO gidduutti raawwatame hojiitti hiikuuf koreen teknikaa hundaa’e guyyoota lamaaf mari’achaa tureera. Dhimmi guddaanis Waraana Bilisummaa Oromoo(WBO) kabajaan ummatatti makuu yoo ta’u, kanumaaf haala mijeessuuf karoorri bahuusaa ibsaniiru.

Hojiin kun ammoo tumsa mootummaa malee galmaan gahuu waan hindandeenyeef, dhimmoota hundumaarratti Pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa waliin mari’achuu dandeenyeerra kan jedhan Obbo Baqqalaan, tumsa barbaachisu taasisuuf fedhii olaanaa qabuu jedhaniiru. Hawaasni martis deggarsa gochuu akka qaban gaafataniiru.

Obbo Jawaar Mohaammadis gamasaaniin akka ibsanitti, labsii Gumii abbootii Gadaa labsame osoo irraa hinhir’isiin hojiitti hiikuuf koreen teknikaa mari’achaa kan ture yemmuu ta’u, amma kallattii qajeelaa qabatee jira. Koreen kunis haaluma karoora baafateen torbee kanarraa eegalee carraa WBO murteessuuf Kaaba, Kibba, Lixaafi Giddugaleessa biyyattiitti kan bobba’u ta’uusaa ibsaniiru.

Waraana Bilisummaa Oromoo(WBO) kabajaan gara ummataatti makamuun akka simatamu gochuufi kaampii keessattis leenjii erga fudhatanii booda qaamolee nageenyaa Oromiyaatti akka makamaniif adda durummaan kan hojjetuudha. Jilli Gumii abbootii Gadaatiin durfamu kunis borirraa kaasee guyyoota kudha shan ittaananiif hawaasa bal’aa waliin kan hojjetaniidhaa jedhaniiru.

Waliigaltee mootummaan Itoophiyaafi ABOn Asmaraatti taasisan keessaa tokko WBOf leenjii kennuun fedhii isaaniin qaamolee nageenya Oromiyaatti makuu akka ta’e hubatameera. Kun garuu haala ifa ta’een ummataaf waan hin ibsamneef rakkoo uumaa tureera.

Bariisaa Amajjii 24/2011

Takkaalliny Gabayyootiin

Recommended For You

2 Comments to “Waliigaltee Asmaraafi carraa Waraana Bilisummaa Oromoo-Koreen teknikii hojiisaa eegale”

  1. Pingback: 365-kw.com

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *