Finfinnee: Walga’ii guyyoota dheeraafi obsa fixachiisaa akkasumas falmisiisaa booda Bitootessa 24 bara 2010 aangootti kan dhufan Ministirri Muummee Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmad erga aangootti dhufanii har’a Amajjii 24 bara 2011 Qaam’ee dabalatee guyyoonni 305 lakkaa’amaniiru.
Guyyoota kanneen keessatti hojiileen isaan hojjetaniifi dubbiiwwan isaan dubbatan dinqisifannaa ummataa qofa osoo hintaane kan addunyaa argachuun badhaasawwaniifi beekamtiiwwan garagaraa argataniiru. Dureewwan biyyoota dureeyyiis namni cimaan si’anaa kun biyyootasaanii akka daaw’ataniif kara karaan afeerraa dhiheessaniiruuf.
Guyyoota 300 keessatti hojiilee kuma 300 ol hojjetan jedhamanii kan jajaman Doktar Abiyyi, yemmuu magaalaa xiqqittii, Aggaaroo keessatti dhalatan guddina isaanii ilaalanii hiriyyoonniifi firoonni isaanii akka isaan bakka guddaa ga’an shakkii hinqaban turan. Keessumaa harmeen isaanii gaafa isaan daa’ima waggaa torbaa jiraniidha akka isaan gaggeessaa biyyaa ta’an kan raaganiif.
Bu’aa ba’ii jireenyaafi qabsoo cimaa booda sadarkaalee hoggansa garagaraa keessa darbuudhaan guyyaa 300n har’aa yemmuu ministira muummee ta’aanii muudaman biyyittiin sadarkaa diigamuurra geessee waan turteef namoonni heddu Itoophiyaa deebisanii ijaaruun itti ulfaata jechuun ija shakkiitiin ilaalaa turan. Hedduunis har’a maaltu ta’a, boru hoo jechuun ija shakkiin ilaalaas turan.
Ta’us qaxalummaan kan itti dhalatan kan ta’e Doktar Abiyyi yeroo gabaabaa keessatti jijjiiramoota siyaas-dinagdeefi hawaasummaa fidaniin jajamuuf yeroo hinfudhanne. Tarkaanfii qabatamaa isaan yeroo gabaabaa keessatti fudhachuu eegalan abdachiisaa ta’uu kan hunate ummanni biyya keenyaa miliyoonotaan lakkaa’amu hiriira ba’uun deggarsaafi jaalala qabuuf mul’iseera.
Keessumaa waltajjii deggarsaa Finfinnetti Waxabajjii 16 bara 2010 geggeeffamerratti nama jijjiiramaafi abdii biyyaa ta’e kana galaafachuuf boombii darbatame dargaggeessi tokko ofiisaa aarsaa taasiseeraaf.
Walumaagalatti hojii saan guyyoota 300 keessatti hojjetan maxxansa tokkoon dhiheessuun ulfaataa ta’us dhimmoota daran guguddoo ta’an irratti xiyyeeffachuun damee siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaatiin kan isaan hojjetan gabaabsinee dhiheessina. Dubbistoonni keenya hubachuun kan qaban hojiileen ijoo jedhamanis akka bishaan galaanaa fal’aanaan qicuutti haala gaazexaa keenyaaf ta’uun daran qicamanii kan dhiyaatan ta’uusaati.
Siyaasaafi dippilomaasii
– Akkuma gara aangootti dhufaniin otoo oolanii hinbuliin Naannoo Somaalee, Magaalaa Jigjigaarraa eegaluun ummata abdii isaan irratti gate bira deemanii naannolee hundatti kutaalee hawaasaa gara garaa wajjin mari’atan.
– Jibuutiirraa eegaluun gara biyyoota ollaa deemuunis hariiroo siyaas dinagdeerratti mari’atan.
– Hidhamtoota siyaasaa biyya keessaa kanneen waggaa dheeraa hidhamaniifi murtiin du’aa itti murteeffame akkasumas, lammiilee Itoophiyaa sababoota addaddaatiin biyyoota biroo keessatti hidhaman hiiksisan.
– Labsii yeroo hatattamaa biyyattiitti labsamee ture mana maree bakka bu’oota ummataatiin kaasisan.
– Muudama ministirootaafi ajajaa waraanaa kennan.
– Kaabineesaanii bifa haaraadhaan harka %50 dubartoota muuduun hundeessa.
– Akkasumas pirezdaantii biyyattii, pirezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaafi Walittiqabduu Boordii Filannoo Biyyaalessaa akka hoggananiif dubartoota muudan.
– Humna Raayyaa Ittisa Biyyaa hidhatee mootummaasaanii fonqolchaaf gara masaraatti qajeele ‘push up’ hojjechisanii tasgabbeessanii bilchinaafi gamnummaa ummata biyyattiifi addunyaa ajaa’ibsiiseen geggeessan.
– Labsii shororkeessummaa ABO, Arbanyooch Ginboot Sabaattiifi Adda Bilisummaa Biyyaaleessaa Ogaadeen irraa kaasisan. Hoggantoonni isaaniis nagaan biyya galanii akka hojjetan ifaan waamicha taasisan.
– Miidiyaaleen ugguramanii turan uggura jalaa akka ba’aaniifi waajjirasaanii Itoophiyaatti bananii akka socho’an taasisan.
– Waldhabdee Itiyoo-Eertiraa waggoota 20 lakkoofsise hiikuun biyyoota walirraa citanii turan walitti fidan. Isaanififi Pirezidaantiin Eertiraa, Isaayaasa Afawarqiin haala bareedaadhaan dabareefi irra deddeebiidhaan biyya walii dahaqanii daawwatan.
– Imala mataduree “Dallaa jibbiinsaa diiguun riiqicha jaalaalaa haa ijaarru” jedhuun gara biyyoota Ameerikaatti taasisaniin hawaasa diyaaspooraa wajjin marii bu’aa qabeessaafi daran ajaa’ibsiisaa ta’e taasisan.
Dinagdee
– Dhaabbileen misoomaa mootummaa harka mootummaa turan abbootii qabeenyaa biyya keessaafi alaatti gartokkeeffi guutummaan dabarsuuf kallattii kaa’an. Miseensota boordii hojicha hordofanis muudan. Gara biyyoota Awuroppaa deemuun daawwii hojiifi marii dureewwan biyyootaa waliin taasisuun deggarsa yuuroo miliyoona 130 argatan. Kana malees yeroowwan gara garaatti dhaabbileen maallaqa addunyaa deggarsa maallaqaafi liqii taasisuuf waadaa akka seenan godhan.
– Abbootiin qabeenyaafi gaggeessitoonni biyyoota gara garaa Itoophiyaatti invasti akka godhaniif waamicha taasisanii, biyyattiis daaw’achiisaniiru. Yemmuu mootiin Saawudii dhufanis ofiisaanii konkolaataa oofuun simatanii daawwachiisan.
Hawaasummaa
– Waldhabdee hoggantoota bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa jidduu waggoota dheeraaf ture hiikan. Hoggansi bataskaanittii ala tures gara biyyaatti akka dhufu taasisan. Dura bu’aa hoggansa alaa dhufe kanaaf deggarsa wiilcharii kennan.
– Miseensota koree barbaadduu furmaata dhimma Islaamummaatiin walqabatanii hidhamanii turanis ni hiikan. Rakkooleen achi keessatti mul’achaa turanis mariidhaan akka hiikaman taasisan.
– Barattoota yunvarsiitiifi barattoota qaxalee wajjin mari’atan. Barattoonni kunniin bakka dhalootasaaniirraa gara naannoo biraa deemanii hojii tola ooltummaa hojjechaa hariiroo ummataa akka cimsan taasisan.
– Mana haadha hiyyeessaatti argamuun ciree nyaatanii, manni jalaa jiguuf jedhu akka ijaaramuufiif akkaafaafi doomaa qabatanii hojicharratti hirmaatan. Kanaanis tola ooltummaa bifa duulaatiin akka adeemsisamu taasisaniin harki qalleeyyiin hedduu akka gargaaramaniif ulaa banan.
– Ayyaanota da’eeffachuun maanguddootaafi dhukkubsattoota sammuu Wiirtuu Meeqodiniyaatti argaman akkasumas bakka guddisa daa’immanii Zawidituu daaw’achuun deggarsa taasisan.
– Miidhamtoota qaamaa waajjirasaaniitti waamuun wiilcharii ammayyaa kennan.
– Barattoota harka qal’eeyyii magaalaa Finfinnee keessa jiraatan waajjirasaaniitti waamuun deggarsa meeshaa barnootaa taasisan.
– Barattoota sadarkaa tokkoffaa naannolee biyyattii garagaraa keessaa babba’an mooraa waajjirasaaniitti simatanii haasofsiisan.
– Haadha waggoota hedduuf miidhama daa’imasheetiin Saawud Arabiyaatti dararamaa turte dhaqanii dubbisuun beenyaan barbaachisu akka kaffalamuufi gara biyyasheetti akka dhuftu taasisan. Eddii gara biyyaatti dhuftees hospitaala mucaansii itti wal’aanamaa jirutti argamuun gaafatan.
– Ogeessota aartii wajjin mari’ataniiru. Humna ogummichi ijaarsa biyyaa keessatti qaburratti ibsa bal’aa kennan. Otoo namuu quba hinqabaatiin akka tasaa Mana Tiyaatiraa Biyyaalessaatti argamuun aartii jajjabeessan.
Bariisaa Amajjii 24/2011
4 Comments to “Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad Guyyoota 300 keessatti hojiilee kuma 300”