Finfinnee: Lakkaawwiin ummataafi manaa marsaa 4fan Bitootessa 29m hanga Ebla 20 bara 2011tti kan geggeeffamu ta’uu Ejansiin Istaatiksii Giddugaleessaa beeksise.
Daarektarri olaanaa ejansichaa, Obbo Birraatuu Yiggazuu ibsa kaleessa kannaniin akka jedhanitti, hojii kanaaf haaldureen barbaachisu hundi xumurameera.
Lakkaawwiin ummataafi manaa baranaa kan darberraa adda kan taasisu teknolojii dijiitaalaa fayyadamuun kan raawwatamu ta’uus ibsaniiru.
Lakkwwichi iddoowwan hundatti yeroo walfakkaatutti kan raawwatamu yoo ta’u, hojichis afaanota shaniin kan geggeeffamu ta’uu Obbo Birraatuun eeraniiru.
Hojicha raawwachuuf naannolee hundaatti ogeeyyonni kuma 182fi ni hirmaatu jechuun kan gabaase Burqaa Oduu Itoophiyaati.
Bariisaa Amajjii 24/2011
4 Comments to “Lakkaawwiin ummataafi manaa Bitootessa 29 eegalama”