Korma Qaluu: Duudhaa Araaraa Oromoo

Akka aadaa Oromootti yeroo araaraa kormi qalamee tiruun nyaatama. Tiruu nyaatanii nuti tiruu tokko jedhanii, foon nyaatanii nuti foon tokko jedhanii, lafee walirratti cabsanii nuti lafee tokko jedhanii araaramu. Kana jechuun Oromoon tiruu walii hin nyaatu, foon walii hin nyaatu, lafee walii hincabsu.

Sirna kanaan dura ammoo araarri kan milkii ta’uu adda baafachuuf moora korma qalametu jaarsooliin ilaalama. Yoo moorri qulqulluu ta’e, araarri tole jedhamee waan amanamuuf gara tiruu nyaachuutti deemama.


Namni kanarra darbee argame akka sirna Gadaatti abaarsa qaba. Akkasumas, namni kanarra darbe seera Gadaarra darbee Oromoo waraane, Oromoo dhiiga jigse jedhamee abaarama. Abbootiin Gadaa walitti dhufanii kan kanarra darbe danuu hinta’iin, namni lafee Oromoo cabse lafee haa ta’u, namni dhiiga Oromoo jigse dhiignisaa haa jigu jechuun abaaru.”
– Abbaa Gadaa Jiloo Maandhoo

Bariisaa Amajjii 24/2011

Saamraawiit Girmaatiin

Recommended For You

One Comment to “Korma Qaluu: Duudhaa Araaraa Oromoo”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *