“Biyya lammiilee maraaf haadha taate uumuuf hojjechuu qabna” -Obbo Tamaam Baatii

Finfinnee: Sirnoota darban keessa Itoophiyaan gama hawaas-dinagdeefi siyaasaatiin fedhii gareewwan dhuunfaa akka guuttuuf ijaaramaa turuushee ragaalee seenaarraa hubachuun ni danda’ama. Kanaaanis lammiileen marti haala walqixa ta’een fayyadamummaa isaanii mirkaneeffachaa akka hinturre hayyootni siyaasaafi kutaaleen hawaasa addaddaa qeeqaa turaniiru.

Kanarraa kan ka’e saboota, sablammootaafi ummattoota biyyattii karaa nagayaan waliin jiraachaa turan gidduutti walshakkiifi walitti bu’iinsa uumuun balaa guddaa geessiseera. Kanuma furuuf hoggansi jijjiiramaa tarkaanfiiwwan guguddoo fudhachaa kan jiru yoo ta’u, jaarmiyaaleen siyaasaas qoodasaanii akka bahataniif waamicha dhiyeessaa tureera.

Hogganaan dhimmoota dhaabaafi siyaasaa Paartii Biyyaalessaa Oromiyaa, Obbo Tamaam Baatii Wiixata darbe Bariisaa wajjin gaafdeebii adeemsisaniin akka jedhanitti, sirnoota darban keessa Itoophiyaan fedhii ummattootasheetiin ijaaramaa kan turte osoo hintaane fedhii garee namoota muraasaatiin qomoo tokkoof mijooftuu akka taatuuf hojjetamaa ture.
Kunimmoo sabootaafi sablammoota gidduutti walshakkii uumuun nagayaan waliin akka hinjiraanneef ka’umsa rakkoo ta’aa waan tureef, mootummaafi jaarmiyaaleen siyaasaa irratti hojjechuu qabu.

Paartiin Biyyaalessaa Oromiyaas tokkummaa Itoophiyaatti kan amanu ta’uu kan ibsan Obbo Tamaam, biyya lammiilee marti garaagarummaa korniyaa, halluu, amantii, sabaa, afaaniifi aadaa tokko malee haala walqixa ta’een keessummeessitu ykn haadha taatee jiraachistu uumuuf mootummaafi ummata waliin ciminaan kan hojjetan ta’uu addeessaniiru.

Paartiinsaanii mirgi sabootaafi sablammiilee Oromiyaa keessa akka eegamuufis xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uu eeranii, kaayyoofi ergama federeeshinii biyyattii bittinneessuu gonkumaa kan hinqabne ta’uu dubbataniiru.

Akka ibsa Obbo Tamaamitti, turtii waggaa tokko hinguutne keessatti jijjiiramootni biyyattiitti mul’achaa jiran daran kan nama gammachiisaniidha. Hoggansi biyyattii Doktar Abiyyi Ahmadiin durfamu tarkaanfiiwwan guguddoo fudhachaa kan jiru yoo ta’u, kunimmoo paartiilee siyaasaa jajjabeessuurra darbee ummattoota biyyattiif boqonnaa haaraa baneera jedhu. Jijjiiramootni galmaa’aa jiran akka duubatti hindeebineef hunduu deggaruu qaba jedhanii, paartiinsaaniis gama kanaan mootummaa cinaa hiriiree kan tumsu ta’uu ibsaniiru.

Oromiyaa keessattis ta’e guutummaa biyyattiitti nageenyi mirkanaa’uu akka qabu eeranii, sirna araaraa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)fi mootummaa gidduutti torbee darbe Ambotti raawwatames dinqisiifataniiru. Walitti bu’iinsi uumamu kamuu ummata biyyattii kan miidhu waan ta’eef, araarichi hanga dhumaatti kabajuu akka qabus hubachiisaniiru.

Paartiileen siyaasaa ummata Oromoofi saboota biroo bakka bu’uun hundeeffaman marti jiraachuufi socho’uu, akkasumas mootummaa ijaarrachuu kan danda’an biyya nageenyishee mirkanaa’e yoo uumamtee jedhanii, kana milkeessuuf ammoo lammiileen marti qoodasaanii bahachuu akka qaban ibsaniiru.

Bariisaa Amajjii 24/2011

Takkaalliny Gabayyootiin

Recommended For You

3 Comments to ““Biyya lammiilee maraaf haadha taate uumuuf hojjechuu qabna” -Obbo Tamaam Baatii”

  1. Pingback: web sunwin
  2. Pingback: Bauc14

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *