Waadaan seename diigamnaan akka waan foon walii nyaatanitti abaaramu

Bu’uura waliigaltee ABO Jaal Daawud Ibsaatiin hogganamuufi mootummaa gidduutti taasifameen kaleessa Magaalaa Ambootti kormi qalamee nageenyi labsameera.
Koreen tekinkii dhimma kana hordofuuf Kibxata darbe hundeeffames yeroo gabaabaa keessatti hojiisaa xumuruun labsii labseera; ajajas dabarseera.

Barreessaan korichaa, xiinxalaan siyaasaa Obbo Jawaar Mohaammadis bu’uura aangoo korichaan kennameefiin qabxiilee hatattamaan raawwataman beeksisaniiru.

Haaluma kanaan kaleessarraa kaasee waraanni Oromiyaa keessatti bifa kamiinuu taasifamu akka dhaabbatu, WBOnis guyyoota 20 gidduutti hidhannoosaa hiikkatee ummatatti akka makamu korichi murteessuusaa iftoomsaniiru.

Haala kanaan guyyoonni 10n jalqabaa yeroo qophii, kurnan hafan ammoo yeroo WBOn simatamee kaampii seenuu akka ta’u kan eeran xiinxalaan siyaasaa kun, kanaafis koreen barbaachisu sadarkaalee hundatti akka dhaabbatuufi mootummaanis deggarsa barbaachisu akka taasisu waadaan seenamuusaa addeessaniiru.

Kana booda humni waraanaa ajaja kana hinfudhanneefi haala kamiinuu ummatarratti waraana banu beekamtii akka hinqabneefi Oromoo biratti fudhatamummaa kan hinqabne ta’uu beeksisaniiru.

Gochaa osoo waraana keessa jiranii raawwataniif ammoo dhiifamni kan taasisfameef ta’uu himaniiru. Haala qabiinsa humna waraanaa ilaalchisees, waraanni kaampii kan turu yoo baayyate ji’oota lamaaf yoo ta’u, isa booda leenjiin barbaachisu kennameefii kaan qaama nageenyaatti, kaan ammoo hojii dhuunfaatti akka fedhiisaaniitti kan bobba’an ta’uu ibsaniiru.

Kanaafis mootummaan deggarsa barbaachisu hunda akka taasisu dubataniiru. Gama mootummaatiinis erga WBOn kaampii seenee booda Raayyaan Ittisa Biyyaa ummata gidduudhaa ba’uuf korichi ajaja dabarsuusaa Obbo Jawaar ibsaniiru.

Gama mootummaatiin miseensi Koree Giddugaleessaa ODP, Obbo Mogas Eda’ee akka jedhanitti, ifajjii abbootii Gadaafi hayyoonni rakkoo kana hiikuuf taasisaniif mootummaan beekamtii ni kenn. Hojiirra oolmaasaafis waan irraa eegamu hunda ni bahata. Hojichis yeroo jedhameef utuu hinga’iiniyyuu akka xumuramuuf tumsa barbaachisu hundi ni taasifama.

Ifaajjii yeroo dheeraa booda bu’aa kanarra ga’aamuunsaa injifannoo olaanaa ta’uufi hangam sirni Gadaa fudhatamummaa akka qabu kan mul’isu ta’uusaatiin daran akka gammadan Abbaan Gadaa Gujii Jiloo Maandhoo Gaazexaa Bariisaatiif ibsaniiru.

Qaamoleen lamaan kormi qalamee araara buusanis kana booda waadaasaanii akka hindiigneefi kana yoo ta’e foon walii akka nyaatanitti ilaaluun kan abaraman ta’uu ibsu. Erga labsiin labsamee booda bakka buutonni paartiilee siyaasaa Oromoo tiruu korma qalamee walgorshuuniifi laaqana maaddii tokkorraa nyaachuun araarasaanii cimsaniiru.

Saamraawiit Girmaatiin

Recommended For You

3 Comments to “Waadaan seename diigamnaan akka waan foon walii nyaatanitti abaaramu”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *