Rakkoon kubbaa miilaa Itoophiyaa maali?

Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa erga hundeeffamee waggoota 75 lakkofsiseera. Waggoottan kanneen keessatti miseensa Waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaa, Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaafi Federeeshinii Kubbaa Miilaa Biyyoota Afrikaa Bahaafi Giddugaleessaa ta’uudhaan shaampiyoonaawwan biyyooleessaarratti hirmaachaa jira.

Biyyoota Afrikaa kanneen waancaa kubbaa miilaa Afrikaaf bu’uura ta’an keessaas isa jalqabaa ta’uudhaan ga’ee olaanaa taphachuusaa seenaan ni ibsa.

Itoophiyaan Waancaa Kubbaa Miilaa Afrikaarratti adda durummaadhaan beekamtuus ispoortii kubbaa miilaashee garuu xiqqoollee fuulduratti siiqsuu hindandeenye. Sababiin isaa ammoo akkaataan gurmaa’ina federeeshinii kubbaa miilaa biyyattii rakkoo waan qabuufi.

Erga federeeshiniin kubbaa miilaa biyyattii hundeeffamee yeroo lama mootummaansi geeddarameera. Haa ta’u malee, ispoortiin kubbaa miilaa geeddaramuuf carraa hinarganne. Ispoortichas hudhee kan qabe seera federeeshinichaa ta’uu oggeessonni kubbaa miilaa yeroo yeroodhaan dubbachaa turaniiru.

Barreessaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Obbo Salamoon Gabrasillaasee, rakkoo kubbaa miilaa Itoophiyaa wayita ammaa mul’atu ilaalchisuun tibbana Gaazeexaa Bariisaaf ibsa kennaniiru.

Garee biyyaaleessaa cimaa ijaaruuf kilaboota bu’uura cimaarratti hundeeffaman horachuun murteessaa ta’uu eeranii, biyyattiin garee cimaas ta’u kilaboota ciccimoo horachuu hindandeenye jedhu. ‘FIFA’n yeroo yeroodhaan seerasaa fooyyeessuun biyyoonni haala yerootti jijjiiruun hojiirra akka oolchan taasisuus, Itoophiyaan garuu hojirra oolchuu akka hindandeenyes ni himu.

Waldaan Kubbaa Miilaa Addunyaa ALA bara 2014 qo’annoo taasiseen federeeshinnoonni kubbaa miilaa kilaboota isaan jala jiran galiin of danda’anii socho’u qabu akka jedhu kaasanii, haata’u malee Itoophiyaan kilaboota liigii piriimeerii, kilaboota liigii biyyaaleessaa caasaa haarawaan gurmeessitus seerri liigichaa sochi kilabootaa hudhee qabe malee faayidaa wayitu hinfinne jedhu.

Gurmaa’inni kubbaa miilaa liigichaa gubbaadhaa kaasee hanga gadiitti karaa maraanu diriirfamuu malee kilaboota liigii piriimeerii qofa qabatee hojii kubbaa miilaa “nan hojjedha” jechuun fidu akka hinqabnes ni addeessu.

Akka Obbo Salamoon jedhanitti, federeeshinichi seeraafi danbii walmorkiiwwan ittiin gaggeessu waan hinqabneef hirmaannaan kilabootaa gadaanadha. Dandeettiin amaataroota kubbaa miilaaf tajaajila kennanii xiqqaadha. Akkasumas, maallaqni beeksisa teleevizyiniin seeraan utuu hinsassaabamiin qisaasamaa jira.

Kana malees, federeeshinichi al tokko illee tasgabaa’ee hojiisaa waan hingaggeessineef yeroo baay’ee walmorkiiwwan addaan cituun sagantaan waggaa waggaan adeemsifamuun isarra ture waggaa itti aanuutti waan ce’uuf shaampiyoonichaaf gufuu ta’aa turusaa Obbo Salamoon ni addeessu.

Kanumarraa kan ka’e gareen biyyaaleessaas ta’u, kilabonni walmorkiiwwan biyyooleessaarratti hirmaatan yeroon shaakalaa waan itti gabaabbatuuf ga’umsi isaan dorgommiirratti mul’isan gadaanaa waan ta’uuf yeroodhumaan mo’amanii biyyatti akka deebi’an ta’uusaa dubbatu.

Biyyoonni hedduun fakkeenyaaf kanneen akka Jarman, Biraaziil, Faransaayiifi Xaaliyaan Afrikaarraammoo Tuniziyaa, Kaameeruniifi Kotidivaar gurmaa’insi kilabootasaanii cimaa waan ta’eef kilabonnifi gareen biyyaaleessaasaaniis cimaadha jedhu.

Biyyoonni kunneen liigii biyya keessaaf ilaalcha guddaa waan qabaniif walmorkiiwwan isaanii yeroomaan jalqabanii waan xumuraniif gareewwan biyyaaleessaa cicciimoo horachuun addunyaarraa biyyoota duraa ta’uu danda’uusaanii Obbo Salamoon ni kaasu.

Itoophiyaan garuu walakkaa jaarraa tokkoo oliif ispoortii kubbaa miilaa gaggeessitus hirmaannaan ala qabxiin ishee xiqqaa ta’uufi kanaaf ammoo ga’een mootummaafi ummataa yeroodhaa gara yerootti laafaa dhufurraa kan ka’een ispoortichi dadhabaa dhufuu dubbatu.

Kubbaan miilaa ispoortiiwwan addunyaarratti jaalatootaafi hordoftoota hedduu qaban keessaa biliyoona 5.6 ol qabaachuun jalqabarratti kan argamu yoo ta’u, Itoophiyaatti garuu dadhabaa dhufuun isaa rakkina gurmaa’insa liigii biyyattii ta’uu Obbo Salamoon ni himu.

Wayita ummanni addunyaa harka walqabatee guddina ispoortiif ciminaan hojjechaa jiru kanatti, kubbaan miilaa biyyaa keenyaa qucaraa deemun isaa dhaloota dhufu damee kanaan abdii kutachiisu akka ta’uu kaasanii, kanaafuu kubbaa miilaa biyya keenyaa cimsuun yoo barbaadame mootummaan, ummanni, dhaabbileen mootummaafi miti mootummaa, waldaaleen ispoortiifi kilaboonni kubbaa miilaa harka walqabatanii deeggaruu akka qaban hubachiisu.

Tahoomaa Qadiidaatiin

Recommended For You

3 Comments to “Rakkoon kubbaa miilaa Itoophiyaa maali?”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *