Komii qonnaan bultoota Baalee furuuf hojjatamaa jiraachuun himame

Rakkoo walitti hidhamiinsa gabaatiin walqabatee komii qonnaan bultootni Baalee aanaa Madda Walaabuu qaban furuuf hojjatamaa jiraachuu Biiroon Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa beeksise.

Biirichatti Qindeessaan Sagantaa Jallisiiwwan Xixiqqaa Hirmaannaa Ummataatiin ijaaramanii, Obbo Andinnat Daggafaa ibsa dheenagdda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin, sagantaa kanaan jiruufi jireenya hawaasa horsiisee bulee jijjiiruu irratti xiyyeeffatamee hojjatamaa jiraachuu himanii, hawaasni gara qonnaan bulaatti dhufu kun immoo rakkoo gabaatiif akka hinsaaxilamneefis qophiin taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.

Hawaasa horsiisee bulaa ture kana gara qonnaan bulaatti deebisuun hojii salphaa akka hintaane himanii, aadaa hojii qonnaa keessattuu misooma jallisiitiin kuduraafi mudura omishuu keessatti qaawwi mul’achuunsaa waan hinoolle ta’uusaa ibsu.

Warreen pirojeektota jallisii dhiheenyatti isaaniif ijaarametti fayyadamuudhaan kudura omishuu eegalan tokko tokko rakkoo gabaa qabaachuusanii komii sirrii ta’uusaafi kunis yeroo dhihoo keessatti furmaata akka argatuuf qooda fudhattoota waliin kan hojjatan ta’uu himu.

Akka ibsa Obbo Andinnatitti, omishni kuduraa kun yeroo dhihootti kan jalqabameefi daldaltootni hedduu odeeffannoo kan hinqabne ta’uun, bu’uraaleen misoomaa keessattuu daandiin aspaaltii jiraachuu dhabuun, fageenyi naannoon sun giddugala biyyaa irraa qabuufi muuxannoon qonnaan bultootaa cimaa ta’uu dhabuun rakkoolee gabaan walqabatanii uumamaa jiraniif sababoota gurguddoodha.

Kudurri qonnaan bultootni omishan kun hanga gabaan gaariin isaaniif argamutti akka hinbanneef mankuusaafi mana dilaleessaa (cold house) kudurri osoo hinbadiin yeroo dheeraa tursiisuu danda’u isaaniif ijaaruudhaaf karoorfameera jedhaniiru.

Qonnaan bultootni kunniin gabaa gaarii ta’e argachuuf immoo yeroo walfakkaataatti kudura walfakkaataa akka omishaniifi yeroo sana immoo daldalaan iddoo tokkotti kudura walfakkaataa argannaan yeroo barbaadametti dhufee isaan irraa fudhachuu akka danda’u ibsaniiru.

Torbaan darbe qonnaan bultootni aanaa Madda Walaabuu kudura omishanii nama isaan irraa bitu dhabuusaaniitiin rakkachaa jiraachuu maxxansa keenya Amajjii 3 bara 2011n gabaasuun keenya ni yaadatama.

Bayyanaa Ibraahimiin

Recommended For You

6 Comments to “Komii qonnaan bultoota Baalee furuuf hojjatamaa jiraachuun himame”

  1. Pingback: grote blote tieten
  2. Pingback: blote tieten

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *