Har’as akkuma kaleessaa injifannoo boonsaa

Addunyaarratti akaakuuwwan Ispoortii jaalatamaafi hordoftoota baay’ee qaban keessaa tokko ispoortii atileetiksiiti. Itoophiyaans sadarkaa biyyoolessaattis ta’u Afrikaatti maqaa olaanaa kan qabdu ispoortiidhuma kanaani.

Sababnisaas atileetonni ishee dirreewwan Olompikii, shaampiyoonaa atileetiksi addunyaas ta’u kan Afrikaarratti wayita hirmaatu korniyaawwan lameeniinuu injifannoo dachaa gonfachuudhaan addunyaa mara dinqisisaa waan jiraniifi.

Jaarraa kana keessa hirmaanaan Itoophiyaan damee kanaan qabdu hunda caalaa lammiileeshiifi kan Afrikaa itti boonaa jiru. Kanaafuu wayita dorgommiin atileetiksii biyyoolessaa gaggeeffamu bakka atileetonni Itoophiyaa hinjirretti dorgommiin hinmiidhagu kan jedhamuuf.

Atileetonni Itoophiyaan yeroo baay’ee dirreewwan atileetiksii kanarratti wayita hirmaatan atileetota biyyoota biroo osoo of jidduu hin galchiin tartiibaan tokkoffaadhaa hanga sadaffaa ba’uun ofiisaaniif badhaasaafi olaantummaa, biyyasaanii ammoo kabaja olaanaa gonfachisaniiru.

Atileetonni keenya Dilbata darbes qopheesumaa Federeeshinii Atileetiksii addunyaatiin dorgommii maaraatoniifi walakkaa maaraatoniin biyyoota adda addaatti adeemsifamanitti akkuma kanaan dura mi’eefatan tartiibaan galuudhaan injifannoo olaanaa gonfataniiru.

Fiigicha maaraatonii Ameerikaa, magaalaa Hoostanitti dubartoota jidduutti adeemsifametti Itoophiyaanonni Biriktaawit Dagafuu sa’aatii 2:23.28, Balaayinash Fiqaaduu sa’aatii 2:26.41, Masarat Ballaxaa sa’aatii 2:26.56n tokkoffaadhaa hanga sadaffaa ba’uudhaan yoo mo’atan, Bizu Dirribaafi Fittaalee Dalaasee afraffaafi shanaffaa bahaniiru.

Fiigicha walakkaa maaraatooniin ammoo Shuraa Qi’eessaa sa’aatii 1:00.11n, Jamaal Yimar sa’aatii 1:00.14n tokkoffaafi lammaffaa yoo bahan, dubaraan ammoo atileet Ruttaa Aagaa sadaffaa taateetti.

Dorgommii maaraatoonii Hindii, Magaalaa Mombaayitti adeemsifameen ammoo Warqinash Alamuu sa’aatii 2:25.45n, Amaanee Goobanaa sa’aatii 2:26.09n, Birqee Dabalaa 2:26.39n tokkoffaadhaa hanga sadaffaa ba’uun mo’ataniiru.

Fiigicha walakkaa maaraatoonii Ispeen, Magaalaa Maadiriiditti gaggeeffameen ammoo Gabree Irqiyihun sa’aatii 1:03.20n Xirunah Biraasaa sa’aatii 1:03.54n tokkoffaafi lammaffaa yoo bahan, dubaraan ammoo Abbabach Mulugeetaa sa’aatii 1:11.05 tokkoffaa ba’uun injifataniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Recommended For You

2 Comments to “Har’as akkuma kaleessaa injifannoo boonsaa”

  1. Pingback: researchers

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *