Qabxii kilaboota shaampiyoonaa liigii piriimeerii Itoophiyaa

Shaampiyoonaan kubbaa miilaa kilaboota liigii piriimeerii Itoophiyaa kan marsaa duraa torban kurnaffaa sanbataafi Dilbata darbees magaalota naannolee adda addaatti itti fufee yoo oolu, sadarkaan kilabootaa geeddarameera.

Walmorkiiwwan adeemsifamanitti Qiddus Giyoorgis Raayyaa Ittisaa 5-1n yoo gaggeessu, Baahiir Daar Dadabit 2-0n, Maqaleen Hawaasaa, Adaamaan Dirree Dawaa qabxii walfakkaatu 1-0n mo’ataniiru.

Taphawwan birootti ammoo sadarkaa tokkoffaarra kan ture Bunni Itoophiyaa Buna Siidaamaa wajjiin, Walaayitaa Dichaan Walwaaloo, Poolisiin Kibbaafi Shireen haaluma walfakkaatuun 1-1n adda galaniiru.

Bulchiinsi magaalaa Faasil Dadabit 2-1n mo’achuudhaan sadarkaasaa fooyyeffateera. Kilabni magaalaa Faasil kan torban darbe sadarkaa saglaffaarra ture tapha Kibxata darbeetti mo’achuutiin sadarkaa shanaffaarra qubateera.

Walmorkiiwwan hanga torban kurnaffaa kanatti Bunni Itoophiyaa qabxii 19n dursuurratti argama. Akkasumas Hawaasaan qabxii 17n lammaffaa yoo ta’u, torban darbe sadarkaa arfaffaarra kan ture Qiddus Giyoorgis qabxii 15niin sadaffaa ta’eera.

Kilaboonni Amaaraa Baahir Daarifi magaalaan Faasiil galchaan walcaalanii walqixa qabxii 15n arfaffaafi shanaffaarratti argamu. Maqaleen, Adaamaafi Bunni Siidaamaa ammoo garaagarumaa galchaan walcaalanii qabxii 14n, Walwaaloon qabxii 13n Walaayitaan qabxii 10niin sadarkaa jahaffaadhaa hanga kurnaffaarratti argamu.

Dirree Dawaan qabxii sagaliin, Raayyaan Ittisaa saddeetiin, Jimmaa Abbaa Jifaariifi Shireen jahaan, Poolisiin Kibbaa shaniin, Dadabit ammoo qabxii sadiin sadarkaa 11ffaadhaa hanga 16ffaarratti argamu.

Sagantaan walmorkii 11fa Ayyaana Cuphaa sababeefachuudhaan as butamuun har’a kan adeemsifamu yoo ta’u, Walwaaloon Baahir Daar wajjin, Dirree Dawaan Qiddus Giyoorgis wajjiin, Polisiin Kibbaa Buna siidaama, Bunni Itoophiyaa Hawaasaa wajjin, Maqaleen Shiree wajjin, Faasiil Walaayitaa Dichaan wajiin magaalota addaddaatti taphatu.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Recommended For You

5 Comments to “Qabxii kilaboota shaampiyoonaa liigii piriimeerii Itoophiyaa”

  1. Pingback: here
  2. Pingback: แผ่น HPMC

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *