Seeneet Gizaachoo umriidhaan daa’ima waggaa 10 taatus yaadni ishiin kennituufi bilchinni sammuushii kan hayyuutiin qixxeedha yoon jedhe dubbii arbeessuu hinta’u. Mucaan xiqqittiin tun oggaa waltajjiirratti walaloo dheeraa sammuutti qabatte walaleessitu hordofe dinqisiifannaa kan ka’e imimmaan harcaasee boo’a.
Gaazexaan Bariisaas akkuma kanaan dura namoota hojii cimaa hojjetan iyyaafatee dhiyeessaa ture maxxansa kanaani gaafdeebii kutaa qopheessaatti mucaa xiqqittii haasaa, hubannaafi gorsishii lafeerra malee lafa hinbuuneefi akka dammaa mi’aawu wajjin taasise akka armaan gadiitti dhiyeesseera.
Bariisaa: Eeynurraa, yoom, eessatti dhalatte?
Seeneet: Ani abbaa koo Obbo Gizaachoo Waldatsaadiqiifi harmee koo Aadde Saraawwit Makonnin irraa, Mudde 7 bara 2001 Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Jalduu, Ganda Goojjoo 01tti dhaladhe.
Bariisaa: Barumsa yoo jalqabde?
Seeneet: Umrii koo waggaa afurittin barumsa jalqabe. ABCD…maatiidhuma kootu manatti na lakkoofsise. Mana barumsaattis sirnaan baradheera.
Bariisaa: Barana kutaa meeqaffaa barachaa jirta?
Seeneet: Barana kutaa afraffaan barachaa jira.
Bariisaa: Barumsa keerratti akkami?
Seeneet: Barumsa koorratti barattuu sadarkaati. Kutaa keessaa tokkoffaan baha jechuudha. Oggaan kutaa sadaffaadhaa gara afuriitti ce’u 100 keessaa qabxii 99.9n galmeessise.
Bariisaa: Manni barumsaa kee maal si badhaasee beeka?
Seeneet: Manni barumsaa koo barruuleefi kobbee (peennaa) na badhaase.
Bariisaa: Manni barumsaa kee maal jedhama?
Seeneet: Duraan Aanaa Jalduutti Mana Barumsaa Biiftuu jedhamuttin barachaa ture. Amma ammoo Mana Barumsaa Intalleekchuwaal Itiyoo Tarkish jedhamu kan Magaalaa Sabbataati argamuttin barachaa jira. Abbaan qabeenyaa Obbo Sa’id Daamxoo jedhaman oggaan waltajjiilee adda addaarratti bahee walaloo dhiyeessu na arganii waan natti gammadaniif ispoonsaara naaf ta’anii na basriisaa jiru.
Bariisaa: Barumsa keessaa kam caalaatti jaalatta?
Seeneet: Barumsi hunduu natti tola. Barumsa keessaa kanin hinjaalanne hinjiru. Barumsa kana hinjaaladhu jedhee addaan baasuu hindanda’u. Hundumtuu natti tola, qixxumas naa gala.
Bariisaa: Keessumaa barumsa Afaan Oromoo akkamitti ibsita?
Seeneet: Afaan Oromoo sirriittin danda’a, beeka, nan jaaladhas. Oggaan Afaan Oromootiin barreessuu qubee tokkollee hindogoggoru. Sirumayyuu oggaa namoonni dogoggoranii barreessan akka sirreessaniif ittin hima. Jechoota laafan, jabaataniifi dheeratan otoo hudhaan hinhafin sirnaanin addaan baasee beeka.
Bariisaa: Ati maatii keetiin mucaa meeqaffaadha?
Seeneet: Maatii kootiif intala lammaffaadha. Obbolaa dubaraa laman qaba jechuudha. Hangafti koo Giiftii Gizaachoo kutaa 8fatti qabxii olaanaa waan fiddeef dorgomtee Mana Barumsaa Bultii Addaa WMO, Adaamaatti argamu seentee kutaa 10fa barachaa jirti. Anis achi galuuf barumsa koo ciminaanin hordofaa jira. Waan barsiisonni kiyya jedhan qalbiidhaanin sirriitti hordofa. Anis qabxii gaarii fidee mana barumsaa sana galuun qaba. Isheen quxisuun koo ammoo Heeraan Gizaachoo jedhamti.
Bariisaa: Seeneet nyaata aadaa keessaa maal jaalatti, kan ammayyaa keessaa hoo?
Seeneet: Nyaata aadaa Oromoo keessaa kanin jaaladhu caccabsaa, cuukkoo, qoriifi marqaa fa’i. Foon murachuus nan jaaladha. Dhugaatii keessaa ammoo aannan nan jaaldha.
Bariisaa: Foon sumatu murata moo? Daa’imni hoo foon dheedhii ni nyaatti Seeneet?
Seeneet: Kolfaa…lakki warra kootu na murachiisa. Daa’imni foon dheedhii nyaachuu baattus ani waanin foon jaaladhuuf nan muradha.
Bariisaa: Kennaan kee maalinni, maalfaa dandeessa jechuu kooti? Seeneet?
Seeneet: Ani walaloo dubbisuu, beeksisoota hojjechuu, fiilmiirratti hirmaachuufaa nan danda’a. Hirmaannaa fiilmiirratti amma seenaan jira.
Bariisaa: Hanga ammaatti waltajjiilee meeqarratti walaloo dhiyeessite?
Seeneet: Waltajjii meeqarratti akkan walaloo dhiyeesse hangana jedhee lakkaa’ee hinbeeku. Garuu waltajiilee danuurratti dhiyeesseera.
Bariisaa: Eebbas akkuma maanguddootti raawwattaa kana hoo akkamitti barte?
Seeneet: Eeyyee, nan eebbisa. Eebbisu obboleettii koo hangafarraan bare. Isheen eebbisuu sirriitti beekti. Walaloos hojjechaa turte. Walaloo eebbichaas ishumarraan baradhe.
Bariisaa: Mee duudhaalee eebbaa natti himi mee?
Seeneet: Eebbi duudhaa matasaatii qaba. Eebbi dhaabatamee malee taa’amee hinkennamu. Abbaan Gadaa duudhaasaa eeggatee, haati siiqqees duudhaashii eeggattee eebbisuu qabu.
Bariisaa: Dubarri ykn dubartiin ni eebbiftii?
Seeneet: Eeyyee sirna Gadaa keessatti ni eebbisti. Kunis waajjira aadaafi turizimiitiin qoratamee mirkanaa’eera. Yeroo siidaan Calanqoo eebbifamu dubartiitu eebbise. Kanaaf dubartiinillee eebbisuu ni dandeessi.
Bariisaa: Oggaa eebbi kennamu maaltu harkatti qabatama?
Seeneet: Haati siiqqee, siiqqeefi ciicoo qabachuu qabdi. Ani duudhaasaa hunda guuttadheen eebbisa. Abbaan Gadaa ykn maanguddoonni ammoo coqorsafaa harkatti qabachuu qabu.
Bariisaa: Waa’ee nageenyaarratti ni gorsitaatii kana hoo eessaa barte? Siif nageenyi maalinni?
Seeneet: Nageenyi akka dhufuuf jalqabarratti murteessaan ummata. Ummanni waliigaluu baannaan, walajjeesa taanaa, walrukuta taanaan, dhiiga namaa lolaasa taanaan nageenyi dhufuu hindanda’u. Kanaafuu hundi keenya tokko ta’uu qabna. Nageenyi akka dhufuuf tokko taanee mari’achuu qabna. Ammallee Oromiyaa iddoowwan tokko tokkotti lolli baay’inaan ka’aa jira. Kanaafuu yoo lola kana dafnee dhaabuu baannee biyyi keenya ni jigdi. Dhiigni qeerroofi ummata baay’een ni lola’a. Kana waliigallee mari’annee nagaa buusuu qabna.
Bariisaa: Paartiilee siyaasaatiif maal dhaamta?
Seeneet: Ani paartiilee siyaasaatiif kanin dhaamu walqoqoduu akka dhaaban, yoo walqoqqoodne namni gara dhaqu dhabee duuti, walrukutuufi qabeenya biyyaa barbadeessuun uumama. Kanaafuu hundi keessan tokko taatanii biyya keenyas tokko taasistanii waliigaltanii hojjechuu qabdun jedhaan. Nuti daa’immanillee nagaa barbaadnan jedhaan. Lola kana keessatti daa’imman, haadholiin, jaarsoliin biyyaa, abbootiin, abbootiin Gadaafi amantii, jajjabdoonniifi qeerroon keenya dhumaa jiru. Lolli kun akka dhaabatuuf hundi keenya tokko ta’uu qabna. Araaramnee walammachuu qabna. Lola amma adeemsifamaa jiru dhaabuu qabna.
Bariisaa: Dhimma nageenyaa kanaan walqabatee Ministira Nageenyaa, Aadde Mufariyaat Kaamiil wajjin mari’atteettaa maal siin jedhan, ati hoo maal jetteen?
Seeneet: Aadde Mufariyaat, “Atillee biyya kana nagaa gochuuf tattaafadhu, akka kanatti ittifufnaan ati biyya walitti araarsitaa” naan jedhan. Waltajjiin waa’ee nageenyaarratti ergaa dabarsu akka naa mijeessaniifi na hirmaachisan natti himan. Akka biyya kana araarsituuf nutillee si gargaara naan jedhaniiru.
Bariisaa: Ati maal jetteen?
Seeneet: Anis waltajjiilee adda addaarratti argamee ummata araarsuu akka barbaadu waadaa gaaleeraaf.
Bariisaa: Biyyi keenya gama nageenyaatiin maal, akkam akka taatu barbaadda?
Seeneet: Biyyi keenya akka nagaa taatuufi ummannishii tokkoomu, wajaalachaa akka jiraannun barbaada.
Bariisaa: Biyya keenya keessaa eenyu dinqisiifatta?
Seeneet: Ani kanin dinqisiifadhu Ministira Muummee Itoophiyaa, Doktar Abiyyi Ahmad, Obbo Jawaar Mahaammad, Pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Lammaa Magarsaati.
Bariisaa: Maaliif dinqisiifatta?
Seeneet: Isaan biyya keenya tokkoomsuuf, nagaa akka bu’uufi ummanni araaramuuf waan tattaafataa jiraniifin dinqisiifadha. Keessumaa Doktar Abiyyi namoota biyya keenya bulchuuf filataman hundasaaniirra daran natti tolaniiru. Isaan tokkummaadhaaf hojjetaafi tattaafachaa jiru. Akka biyyi keenya nagaa taatu, hundi keenya waljaalannee jiraannuuf hojjetaa waan jiraniifan dinqisiifadha.
Bariisaa: Dandeettii kanaaf hiriyoonni ykn barsiisonni kee maal siin jedhanii beeku?
Seeneet: Barsiisonnis ta’e hiriyonni koo hojii guddaa hojjetaa jirtaa jabaadhu, ittifufi naan jedhu.
Bariisaa: Ati walaloo barreessuuf karoora hinqabduu?
Seeneet: Walaloo barreessuuf karoora qaba malee. Dhimmuman argadherratti walaloo barreessuuf shaakaluu eegaleera. Walaloo barreessee guyyoota lama mana barumsaa kootti barattootaaf dhiyeesseera. Raadiyoofi televizyiniirrattis nan hirmaadha.
Bariisaa: Ennaa ati waltajjiileerratti walaloo dhiyeessuuf asiifi achi jettu barumsi si jala hindarbuu?
Seeneet: Duraan dursee barsiisota koorraan hayyama fudha. Isaanis fedhiifi dandeettii koo waan beekaniif barumsa na darbe qofaatti na waamanii naa ibsu.
Bariisaa: Gara fuulduraatti maal ta’uu barbaadda?
Seeneet: Ani waantota sadiin ta’uu barbaada. Isaanis tokkoffaa ministira muummee ta’ee biyya keenya balchuu, waan iji koo na dhukkubuuf guddadhee namoota akka koo dhukkubsatan wal’aanuuf ispeeshaalistii ijaa ta’uufi hojii aartii kana cimsuu barbaada. Ogummaa artiirratti bobba’ee hawaasaaf fakkeenya ta’uun fedhii kooti.
Bariisaa: Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad otoo argattee maal jettaan?
Seeneet: Tattaaffii ammaan tana biyya tokkoomsuuf taasisaa jirtan cimaatii ittifufaan jedhaan. Anis waltajjiilee adda addaarratti walaloo dhiyeessuufi ergaawwan adda addaa dabarsuudhaan biyya keenya araasru waanin danda’uuf isinin gargaaraa na hirmaachisaan jedhaan.
Bariisaa: Waltajjii isaan argamanirratti walaloo dhiyeessitee beektaa?
Seeneet: Bakka Doktar Abiyyi argamanitti dhiyeessee hinbeeku. Garuu qaamaan itti siqee argachuu baadhus bakka Obbo Lammaan argamanitti walaloo dhiyeessee beeka.
Bariisaa: Yeroo jalqabaatiif waltajjii kamirratti walaloo dhiyeessite?
Seeneet: Yeroo jalqabaatiif Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti waltajjii fayyaa federaalaarratti walaloo otoo hintaane akkanumatti saaqumsa waltajjiirratti afaanota sadiin jechuunis Afaan Oromoo, Amaariffaafi Ingiliffaanin yaada baniinsaa dhiyeesse; afaanota sadanuu sirriittin waanin danda’uuf.
Bariisaa: Ijoollee Afaan Oromoo sirriitti hinbeekneen maal jetta?
Seeneet: Magaalaatti amma namoonni tokko tokko Oromoollee ta’anii ijoolleensaanii gonkumaa Afaan Oromoo hindandeenye, hindubbanne, hindhageenye jiru. Isaan kun warra maatiinsaanii safuusaanii gataniidha. Duudhaas hinbeekneedha. Maatiin daa’immansaanii Magaalaa Finfinnee keessatti manneen barnootaa Afaan Oromoo kanneenJeneraal Taaddasaa Birruu, Jeneraal Waaqoo Guutuufaa banamaniiru. Maatiin ijoolleesaanii manneen barnootaa kanneenitti barsiifachuu qabu. Ijoolleensaanii safuufi duudhaasaanii akka beekan gochuu qabu.
Bariisaa: Ati hoo daa’imaa odeeffannoo akkanaa eessumaa argatta?
Seeneet: Maatii koorraas odeeffannoo nan argadha. Miidiyaas na hordofa.
Bariisaa: Barumsaa kee yeroo akkamii qo’atta?
Seeneet: Yeroo qo’annoo, boqodhu, hojmanee itti hojjedhu karoorfadheen qaba. Kana maatiin koos ni beeku. Ijoolleen kaanis muuxannoo koo kana fudhachuu qabu. Maatiisaanii wajjin ta’anii karoora akka baafatanin gorsa.
Bariisaa: Gaafa walaloo dhiyeessuuf jalqaba nama fuulduratti baate hinsodaannee?
Seeneet: Hinsodaanne, galmi jalqaba walaloo irratti dhiyeesse namootaan guutamee ture. Garuu waan tokkuyyuu hinsodaanne. Isumayyuu yeroon ani walaloo dhiyeessuuf waltajjii koru namni waltajjii beeksisaa ture daa’ima maatiin jalaa badde itti fakkaadhee qabee na buusaa ture. Ani ammoo isuma jalaa dideen maayikii fuudhee walaleessuu jalqabe.
Bariisaa: Gaaffii gaafachuu jaalatta jedhan?
Seeneet: Eeyyee nan jaaladha. Sababiinsaas waanti naa hingalle tokko yoo yeroo sanatti na jala darbe yeroo biraa argachuu waanin hindandeenyeef yeroon argadhe sanatti daddafee gaafachuun barbaada. Yoo naa galuu dide irra deddeebi’een gaafadha malee callisee hindhiisu.
Bariisaa: Walaloo yoo xiqqaate hanga daqiiqaawwan 20 fudhatu akkamiin sammuutti qabachuu dandeesse?
Seeneet: Eeyyee daqiiqqaawwan dheeraafin waltajjiirratti walaleessa. Walaloo kana guyyoota sadii keessattin qabadha. Guyyaa jalqabaa nan dubbisa. Guyyaa lammaffaatti sammuu keessa naa gala. Guyyaa sadaffaatti sirriittin beeka. Waan tokko sammuutti qabachuuf waan sana jaalachuu qabna. Jaalachuu baannaan waan tokkoyyuu qabachuu hindandeenyu, waan sammuun keenya hinbarbaadneef. Gaarummaa waan sanaa dursinee sammuu keenya amansiifachuu qabna. Anis karoorfadheen waan naa kenname sana qabadheen dhiyeessa jechuudha.
Bariisaa: Waan qo’ate sana oggaa waltajjiirratti dhiyeessisu jecha tokkollee keessaa hinhambsistuu?
Seeneet: Lakki, hinhanbisu. Akka hinhambisneef sirriittin qo’adha, shaakala.
Bariisaa: Walaloo dhiyeessitu eenyutu sii barreessa?
Seeneet: Walalicha kan naa barreessu abbaa kiyya, Obbo Gizaachoo Waldatsaadiqi. Anis isuma wajjin taa’een kun otoo akkan ta’ee, sun akkas ta’ee bareeda jedheen akka sirreessuuf yaada kennaaf.
Bariisaa: Namni biraa walaloo sii kennaa beekaa?
Seeneet: Eeyyee, yeroo jalqabaatiif walaloo kan naa kenne waloo Lataa Qana’iiti. Inni akka dhiyeesuufiif kan na afeerre sagantaa eebba kitaabaasaa Finfinnee, Giddugala Aadaa Oromootti geggeeffamerratti. Kitaabasaa keessaa walaloo guddaa matadureesaa, “Miila kaayyoo” jedhun dubbise. Kitaabichis kan moggaafame matadureedhuma kanaani.
Bariisaa: Matadureen walaloo waltajjii fayyaa federaalaarratti dhiyeessite maal jedha ture?
Seeneet: Walaloon dhiyeessaa tureen namni kana itti dabalate kana ammoo irraa hir’ifte naan jedhe hinjiru. Guutummaattin dhiyeessa malee keessaa gatees itti dabalees hinbeeku. Ennaan walaloo dhiyeessu sochii qaamaatiin waa’elcheefi yadaloo itti uumeen miidhagsa. Kanarrattis dura manatti kun as haa galu, sun achi haa galu jennee waliigalla, nan shaakala. Sochii qaamaa garuu ofumaafin itti dabala. Iddoon itti sagalee ol kaasee dubbisu, yadaleessuufi sochii qaamaatiin waa’elchu tasumaa na harkaa hinbadu.
Bariisaa: Ergaa qabdaa?
Seeneet: Eeyyee, daa’immaniif ergaan qaba. Daa’imman umriinsaanii barnootaaf gahe barachuu qabu. Warris barsiisuu qabu. Yoo maatiin karratti hubannoo hinqabaanne ollaan maatii sanatti himee ykn gorsee daa’imman akka baratan gochuu qaba. Ijoolleenis barumsa jaalachuu qabu.
Jaalachuu baannaan wanti barsiisaan jedhu waan isaanii hingalleef barumsa jaallachuufi qo’achuu qabu. Waan hingalleef barsiisaasaanii gaafachu qabu. Maatiinis gargaaruufi hordofuu qabu. Yeroosaanii tapha qofarratti dabarsuu hinqaban, daandiirratti taphachuu hinqaban. Daa’imman dhugaatii namoonni guguddoon dhugan fayyadamuu hinqaban. Barumsaaniirratti xiyyeeffachuu qabu.
Biyyaafis ergaan qaba. Biyya keenyatti keessumaa Oromiyaatti lola guddaatu adeemsifamaa jira. Lolli sun ammoo dhiiga lammiilee tasatti lolaasaa jira. Qabeenya biyyaallee barbadeessaa jira. Lolli kun akka dhaabatuuf hundi keenya tokko taanee mari’annee, waliigallee, waljaalannee nagaa buusuu qabna. Walajjeesaa, dhiiga walii dhangalaasaa nagaa buusuun waan hindanda’ameef kanarratti hojjechuu qabna.
Amma Oromiyaa keessatti obbolaadhumatu walajjeesaa jira. Kanaafuu kun amma dhaabachuu qaban jedhan. Hundi keenya tokko taanee biyya keenya tokkoomsuu qabna. Paartiilee siyaasaatiin walqoqqooduu otoo hintaane paartii muraasa uumnee biyya keenyaaf hojjechuu qabna.
Charinnat Hundeessaatiin
I think that is one of the so much vital information for
me. And i’m glad studying your article. But should
commentary on few general issues, The site style is perfect,
the articles is really great : D. Just right process, cheers