Atileetonni keenya Vaaleenshiyaatti olaantummaa gonfatan

Waggaa waggaadhaan Ispeen, Vaaleenshinyaatti kan adeemsifamu dorgommiin qaxxaamura biyyaa kiiloo meetira 10n baranas Dilbata darbe haala miidhagaadhaan gaggeeffameera.

Dorgommii kanarratti namoonni kuma 13 hirmaataniiru. Isaan keessaa kumni 10n sarara dorgommichaa irra ce’aniiru. Atileetonni beekamoon biyyoota adda addaas korniyaawwan lameeniinuu hirmaataniiru. Dorgommii kanatti atileetonni Itoophiyaa akkuma kanaan dura mi’eeffatan kornyaawwan lameeniinuu olaantumaadhaan xumuraniiru.

Qopheessummaa Waldaa Federeeshinii Atileetiksii Biyyoolessaa (”IAAF”)n kan gaggeeffamuufi sadarkaa nahaasaatti kan beekamu dorgommii kiiloo meetira kudhanii kan dubartoota jidduutti adeemsifame kanatti qilleensisaa diilallaa’aa Vaaleenshiyaa dandamachuudhaan tokkoffaa kan baate atileetii Itoophiyaa, Tsahaayi Gammachuuti.

Tsahaayi dorgommicha kan raawwate daqiiqaa 30:15 yoo ta’u, sa’aatii iddoo sanaa kanaan dura atileetii beekamtuu teenya, Xirunash Dibaabaatiin qabamee ture daqiiqaa 30:30 sakandii 15n foyyessiteetti.

Akkasumas atileetonni Keeniyaa, Gilooriiyaa Keetiin daqiiqaa 30:26 raawwachuun isheenis sa’aatii iddoo sanaa foyyessuun lammaaffaa, hiriyaan ishee Ivaaliirii Chiirchiir daqiiqaa 30:43n sadaffaa, atileetiin teenya, Hunanyaawu Yilmaa afraffaa taateetti.

Dorgommii dhiirota jidduutti gaggeeffameen ammoo atileet Caalaa Katamaa daqiiqaa 27:23n raawwatee sa’aatii iddoo sanaa foyyeesseera. Sa’aatiin inni foyyeesse kunis kanaan dura shaampiyoonaa atileetiksii Addunyaatti atileeti Maartiin Fiizin qabamee kan ture daqiiqaa 31:36 ta’uun beekameera.

Akkasumas Atitleetin Ugaandaa, Isteefan Kiirii daqiiqaa 27:24n lammaffaa, atileetin Keeniyaa, Viidiich Chiiryooch daqiiqaa 27:26n sadaffaa, atileetiin keenya Batasfaa Geetaachoo daqiiqaa 27:39 afraffaa ta’eera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

 

Recommended For You

2 Comments to “Atileetonni keenya Vaaleenshiyaatti olaantummaa gonfatan”

  1. Pingback: fuckboy

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *