
Oromiyaa Lixaatti rakkoon nageenyaa hammaachaa ture tarkaanfii qaamoleen nageenyaa naannichaafi federaalaa walta’insaan hawaasa, abbootii Gadaafi amantii mariisisuun fudhataniin tasgabbaa’aa jiraachuushee Komishinarri Komishinii Poolisii Oromiyaa Jeneraal Alamaayyoo Ijjiguu Roobii darbe miidiyaaleef ibsaniiru.
Baatiiwwan darban keessa qaamoleen lubbuu balleessaa turan, qaamaafi qabeenyarratti balaa kan geessisan keessumaa godinaalee Qellamiifi Lixa Wallaggaa keessatti walitti bu’iinsa uumaa kan turan deggarsa hawaasaatiin to’atamaa kan jiran ta’uu dubbataniiru.
Gujii Lixaa, Horroo Guduruu Wallaggaa, Iluu Abbaa Booraafi Bunnoo Baddallee bakka tokko tokkotti rakkooleen walfakkaataa turaniyyuu wayita ammaa tasgabbaa’aa jiraachuu eeraniiru.
Itti gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaafi Nageenya Godina Qellam Wallaggaa Obbo Tsaggaayee Waaqjiraa Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, haalli waliigala nageenya godinichaa baatii afuriif rakkoo hammaataa keessa tureera. Rakkooleen uumamaa turaniifi jiranis bifa sadiin kan ibsaman yoo ta’u, kunneenis fedhiin siyaasaa, gareefi dhuunfaa walitti bu’iinsota keessaan mul’achuusaaniiti jedhu.
Godinichatti walitti bu’iinsi qaamolee nageenyaa mootummaafi hidhattoota godinicha keessa sosocho’an gidduutti gaggeeffamaa kan tureefi har’as darbee darbee kan mul’atu ta’uusaa dubbataniiru. Kanarraa kan ka’e caasaaleen mootummaa hanga sadarkaa gadiitti jiran haalaan socho’anii hawaasaaf tajaajila akka hinkennineefi olaantummaan seeraa guutummaatti akka dadhabu taasisaniiru.
Caasaaleen mootummaa hanga gandaa jiran hojiilee isaanii haalaan gaggeeffachuu dadhabuurraa kan ka’e gochootni yakkaa kanneen akka saamicha baankiifi suuqii, waajjiraalee mootummaafi manneen barnootaa barbadeessuun raawwatamaa jiraa jedhu. Kunimmoo adeemsa keessa hawaasuma naannawaa sanii kan miidhu waan ta’eef gochoota fudhatama hinqabneefi balaaleffatamu ta’uusaa ibsan.
Qaamoleen magaalota godinichaa kanneen akka Gabaa Roobii, Machaaraa, Laaloo Qileefi kan biroo keessatti saamicha baankii raawwatan hanga ammaatti beekamuu dhabaniyyuu qaamoleen nageenyaa mootummaa naannoofi federaalaa, akkasumas raayyaan ittisa biyyaa shakkamtoota to’annaa seeraa jalaa oolchaa jiruu jedhu.
Raayyaan ittisa biyyaa haleellaa xiyyaaraa raawwachuun lammiilee nagaarratti miidhaa qaqqabsiisuufi dhiisuusaa garuu odeeffannoo ragaatiin mirkanaa’e akka hinqabne ibsaniiru. Mootummaan garuu qaamolee nageenya hawaasaafi biyyaa goolaa jiranirratti tarkaanfii fudhachuusaa quba kan qaban ta’uu himanii, lafoo moo xiyyaaraan ta’uusaa hinbeekuu jedhaniiru.
Ittaanaan itti gaafatamaa Waajjira Bulchiinsaafi Nageenya Wallagga Lixaa Obbo Waggaarii Qajeelaa haala nageenya godinichaa ilaalchisee ibsa kennaniin akka jedhanitti, ji’oota arfan darban keessa rakkoo nageenyaa hammaachaa ture guyyoota lamaan kana tasgabbaa’aa jira.
Manneen barnootaa magaalotaafi baadiyyaa keessatti yeroof cufamanii turan gara hojii baruu barsiisuutti deebi’uusaanii, sochiin daldalaa magaalotaas karaa ho’aa ta’een deebi’ee gaggeeffamaa jiraachuufi manneen hojii mootummaas banamuun hojjechaa jiruu jedhaniiru.
Qaamoleen nageenyaa mootummaa naannoo Oromiyaafi federaalaa karaa qindoomina qabuun hojjechaa waan jiraniif, rakkoon nageenyaa ture qabbanaa’aa jiraachuus dabalanii ibsaniiru.
Shakkamtootni saamicha baankiifi kanneen biroorratti bobba’uun hawaasa naannoo dararsaa turan to’annaa seeraa jala oolfamaa waan jiraniif, jiraattotni godinichaa marti tumsa barbaachisu gochuu akka qaban dhaamaniiru.
Ji’oota darban keessa qaamoleen meeshaalee waraanaa addaddaa hidhachuun daangaa naannolee Oromiyaa Lixaafi Beenishaangul Gumuzirratti walitti bu’iinsa uumuun lubbuu lammiilee nagaa galaafachaa turaniifi qabeenya barbadeessaa turan 835 to’annaa seeraa jala oolfamuusaanii BOI gabaaseera.
10 Comments to “Oromiyaa Lixaafi nageenyashee”