Haa ga’u nagaan koo qilleensarra balali’ee galaanarraa dhangala’ee tulluufi hawaa qaxxaamuree qabsaa’aa ilmakoo Qeerroo Nageessootiif. Shiraafi harqoota gabrummaa lammii keenyarratti fe’amee jiru qarxam godhee cabsuuf qabsoo hidhannoo taasisuuf jecha siif haadha keerraa ergan adda bahee waggoota dheeraatu lakkaawame.
Akkuma ani, abbaan kee, Nageessoo Odaa qabsoo hidhannoo taasisaa ture atis umriin kee ijoollummaatti dhagaa qabattee diddaa sirna hattootaafi saamtotaaf qabdu agarsiisaa turuu kee suuraa keefi kan hiriyyoota kee ati toora marsariitii hawaasaarratti maxxansiturraa argeen dirree qabsoorra taa’ee imimmaan roobsaan ture.
Qabsoo diddaa sirna balaafamaarraatti atiifi hiriyoonni kee taasisaa turtan har’a ija godhatee hudhuusaatiin gammadeera. Qabsoon hudhe kun daraaree ija godhatee akka irraa nyaatamuufis tumsi anis ta’e siifi fakkaattota keetiin taasifamu kan har’aafi kaleessaarraa adda addummaa qabaachuu mala.
Qabsoon gahumsaafi xiyyeeffannoon yoo hoogganamuu firiinsaa akka yaadame ta’uu dhiisuu waan dandahuuf sochii taasifamu mara keessatti xiyyeeffannoon barbaachisaadha.
Ani, abbaankees harqoota gabrummaa lammii keenyarratti barootaaf fe’ame qolachuuf ija mukaa irbaata, bakka bultii bosona ergan godhadhee barootni hedduu lakkaawamanis biiftuun bilisummaa bahuu waan eegalteef qabsoo hidhannoorraa gara kan yaadaan caalanii argamuutti cehuuf aniifi fakkaattonni koo biyyatti deebihuuf jirra.
Haatikee, Yaadannoo Qilxuus sirna balaafamaa kanaan hacuucamaa gabaa sagal dhaabattee isin guddisuuf mogoleen jalatti qal’atee saruura dhabdee (lafatti qal’atee) darbuu baraa eeggachaa waaqa uumaa ganamaa kadhachaa asiin isin geesseetti.
Qabsoo isheen isin guddisuuf taasisaa turte qabsoo warraaqsa hidhannoo ani taasisa aturerraa wanti adda taasisu hinjiru. Kunis hamaafi gaarii garaatti baachaa deega isheerratti duufe ofirraa fonqolchuuf kufaa ka’aa biiftuu bilisummaa har’aa kana ijaan arguu dandeesseetti.
Hacuuccaafi gadi qabaa mootummaan mitdimokraatawaan harmeekeerraan gahaa tureen dabbasaan (rifeensi) irratti guftaa’ee, darsa uffattee, mogoleen jalatti qal’atee, qoraan dugdatti baachaa xinnaafi guddaaf gadi jechaa isin guddisaa jiraachuushii keettoodhaanin dhagaha.
Yaadannoo Qilxuu intala nama guddaa turte. Abbaanshii Qilxuu Jaarraa goota qabsaa’aafi misoomaa hiyyeessaaf mana galmaa ta’e ture.
Maal godharee saamtuun biyyatti naqamtee qabeenyasaa fixxe. Ilmaansaa mancaastee kaan biyyaa baaste, kaanimmoo deegaaf saaxilte, kanneen deegaaf saaxilaman keessaa haatikee, Yaadannoo Qilxuu ishii tokko.
Umriishii ijoollummaan deegaaf kan saaxilamte haatikee har’a qal’attee lafatti salphattee darbuu baraa eeggachaa jirtu tun, bara durbummaashii qalbii dargaggoota meeqaa hawachaa turteetti. Ani, abbaan kees dargaggeessa meeqaan loleen akka butaa allaattii harkaa baafadheen abbaa Qeerroo Nageessoo ta’uu dandahe.
Barri gooba saree nama gooti jedhama mitiiree. Yaadannoo Qilxuu kaleessa ija dargaggoota hedduu keessa turte har’a caccabdee darsa uffattee wayita deemtu kara deemtuu fakkaatti. Irrishii dhumus keessishii rasaasa baata. Yaadannoo Qilxuu ana, abbaakee Nageessoo Odaatiif yaadannoo jireenyaati.
Dirree qabsoorra taa’een suurashii bara dargaggummaafi kan kee ilaalaa darbuu baraa eeggachaan ture.
Kunoo dukkanni nu marsee ture kan darbe fakkaata. Deegniifi darsi isin uwwise mulqamuuf yeroon kan geesse fakkaatti. Oromoon ija banatee dubbachuurra darbee siyaasaan caalee argamaa kan jiru yoo ta’u, atiifi haati kee achi keessatti qooda fudhachuu keessaniif isinitti booneera.
Olaantummaa siyaasa Oromoo yeroo ammaa akka biyyaatti galmaahaa jiruuf haatikee qabsaa’ota hundaan qixa shoora olaanaa taphatteetti jechuun nidandahama.
Harmeen kee Yaadannoo Qilxuu gadi qabaa sirnoota hamaa kanneenii garaatti baattee dadhabe, mudhuke osoo hinjedhiin garaatti eeloftee mar’ummaanshii martee qabsoo taasisaa turteen har’a boquunshii ol jechuu eegaleera.
Ilmakoo, Qeerroo egaa qabsoon kaleessa karaa cufuun, dhagaa darbachuun siifi hiriyyoota keetiin taasifamaa ture ba’aa harqoota gabrummaa siif lammiikeerratti fe’amee ture cabsee waan argameef kallattiin qabsoo keenyaa kana boodaa jijjiiramuu akka qabu siif ibsuun barbaada.
Kunis warraaqsa siyaasaa kaleessaafi dheengadda akkasumas waggoota dheeraaf taasisaa turreen olaantummaan kan keessa baane yoo ta’u, inni kana boodaa bu’aa argame kana akka agartuu ijaatti kunuunfachuun dimokraasiifi bulchiinsa gaarii lafa qabsiisuudha. Dimokraasiifi bulciinsi gaarii yeroo gabaabaa keessatti lafa qabsiisuun ulfaataa ta’us dhawaata dhawaataan milkeessuun gara warraaqsa dinagdeetti cehuun barbaachisaadha.
Kun waan ta’eef qabsoo dhagaa darbannaan kaleessa jalqabamee har’a ija godhate kana atis ta’e hiriyyoonni kee kallattiisaa jijjiiruu qabdu.
Bu’aan qabsoo keessanii erga ija godhate tikfachaa dhagaa darbannaarraa gara yaada ijaarsaa darbannaatti cehuutu fala. Yaadaan caallee yoo argamneen alatti injifannoo keenya itti fufsiisuun dimokraasii daa’imummaarra jiru guddisuun dirqama keenya.
Kun ta’us humnoonni injifannoo cululuqaa galmeessisne maseensuuf yaalan kufanii ka’anii shira xaxaa waan jiraniif atiifi hiriyoonnikee mootummaa wajjin hiriiruun injifannoo keessan kana tikfachuun kan isinirraa eegamu yoo ta’u, shira humnoota badii kanaan raafamtanii bu’aa qabsoo keessan of jalaa dabarsitanii akka hinlaanneef akeekkadhaa.
Shirri diinaa kun hundeensaa akka hinjabaanneefi joolleen madda walaabuu ilmaan Booranaafi Baarentuu sabootaafi sablammiilee biroo nageenyaafi dimokraasii babal’isuuf hojjetan waliin qindaahuun mootummaa haaromsaa kana akka tikfattan isiniifan dhaama.
Qeerroo, qabsoon kana booda anis ta’e ati taasisnu akka isa kanaan duraa hadhaahaafi obsa fixachiisaa ta’uu baatus ija ogummaatiin deeggarmuu qaba.
Sababnisaas sirnoonni kaleessaafi dheengadda nu hacuucaa turan har’as harqoota gabrummaasaanii nutti fe’uuf shira xaxaa waan jiraniif nama ogummaa ta’uun barbaachisaadha.
Ilmakoo Qeerroo, ani abbaankee Nageessoo Odaa jiruufi jireenya bosonaa fixadhee ijaarsa sirna dimokraasii mootummaa haaromsaan jalqabame kana itti fufsiisuuf humnaafi beekumsa qabutti fayyadamee itti fufsiisuuf gara biyyaatti dhufaan jira.
Jireenyi deegaafi hacuuccaan kaleessaa akka nutti hindeebineef ilaalcha humnoota badii awwaalle dirree dimokraasii bal’atetti fayyadamuun yaada mo’ataadhaan caallee argamuuf yeroon itti qabsoofnu amma.
Hunduu qabsoo dimokraatawaa filatee hidhannoo hiikkatee galaa jira. Anis kanuma bu’uura godhadheen dhufaa waanan jiruuf obsaan na eegaa.
Qabsoon keenya caalmaa yaadaatiin argamu akka ija godhatuuf gamnumaa of qopheessuun barbaachisaa waan ta’eef siyaasa bilchaataafi biyya jijjiiruu dandahu galaafadhee dhufa. Hanga ijaan walarginutti nagaan naaf turaa.
Waasihun Takileetiin
3 Comments to “Xalayaa jijjiirraa kallattii qabsoo”