Manneen barnootaa Gaara Guuriifi Burqaa Wayyuu eebbifaman

Magaalaa Finfinnee keessatti manneen barnootaa Afaan Oromootiin barsiisaa jiran keessaa, Gaara Guuriifi Burqaa Wayyuu tibbana Dhaabbata Al Maktuumiitiin eebbifamuusaanii waldaan ‘Charity Development Association (CDA’) ibseera.

Walitti qabaan boordii waldichaa, Obbo Mohaammad Alii ibsa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, Dhaabbatni mitmootummaa, Al Maktuum (kan lammii Imireetota Arabaa Walta’anii) bara 1998 irraa kaasee Magaalaa Finfinnee keessatti manneen barnootaa Afaan Oromoo akka banamaniif hojjechaa tureera.

Rakkooleen hedduun waan turaniif, waggoota kudhanii booda garuu baasii qarshii miliyoona soddomaan manneen barnootaa Afur magaalittiitti  ijaaramuun akka banaman ta’uusaas ibsaniiru.

Manneen barnootaa kunneen bara 2010 irraa kaasee hojii baruu barsiisuu eegaluusaaniis ibsanii, manneen barnootaa Gaara Guurii (kan addabaabaayii Hayaatitti argamuu)fi Burqaa Wayyuu (Labuutti argamu) Wiixata darbe bakka hogganaan dhaabbatichaa, Mistar Meerzi Huseen Asiir argamanitti eebbifanuusaanii himaniiru. Manneen barnootaa kanneeniif meeshaaleen baruu barsiisuus guutamaa jiraachuu himanii, mindaan barsiisotaas dhaabbatichumaan kaffalamaa jiraa jedhaniiru.

Sirna eebbichaarratti hoggantootni Ministeera Barnootaa, Biiroo Barnoota Oromiyaafi Finfinneefi keessummootni biroon kan argaman yoo ta’u, Mistar Meerzi Huseeniif fardi, gaachanniifi eeboon  kennamuu hubatameera.

Takkaalliny Gabayyootiin

 

 

Recommended For You

4 Comments to “Manneen barnootaa Gaara Guuriifi Burqaa Wayyuu eebbifaman”

  1. Pingback: this website
  2. Pingback: ltobet
  3. Pingback: steenslagfolie

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *