Dhaabbatni mirga lammiilee eegsisuuf hundaa’e utubaa gaafa rakkoo ta’aa jira

Dhaabbatni ‘Global  Alliance for The Right Of Ethiopians’ dhaabbata miti mootummaa sarbama mirga Itoophiyaanotaa akka addunyaatti qaqqabaa ture maqsuuf ALA bara 2013 Itoophiyaanotaan kan hundaa’e yoo ta’u, loogii tokko malee  aantummaa lammiileef qabu agarsiisaa tureera.

Mirga lammiilee sarbamaa ture falmuun alatti rakkoolee namtolcheefi uumamaan qaqqaban  dandamachiisuuf deggarsa maallaqaas taasisaa tureera.

Pirezidaantii ittaanaan  dhaabbatichaa, Obbo Batruu Gabragzaaber sochii dhaabbatasaanii ilaalchisee gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin akka jedhanitti, dhabbatichi sarbama mirga lammiilee Itoophiyaaf falmuun alatti namoota balaa namtolcheefi uumamaan hubamaniif deggarsa maallaqaa taasisuun utubaa gaafa rakkoo ta’aa jira.

Keessumattuu raafama siyaasaa waggoota 27f Itoophiyaa keessatti qaqqabaa tureefi hacuuccaa lammiileerratti qaqqabaa ture Mootummoota Gamtoomaniitti beeksisuuf warraaqsa guddaa taasisaa turuusaa ibsaniiru.  Lammiilee biyyaa baafaman deebisanii hundeessuuf maallaqa Itoophiyaanota biyya alaa jiraatanirraa walitti qabuun deggarsa olaanaa taasisaa turuusaaniis himaniiru.

Osoo mootummaan jijjiiramaa kun hin hundaa’iin dura lammiilee balaa garagaraan biyya keessatti hubamaa turan deggaruuf haalli siyaasa biyyattii mijataa akka hinturre kan himani Obbo Batruun,   karaa dhaabbilee amantii addaddaa bifa dhoksaa ta’een gargaarsa barbaachisaa taasisaa tureeraa jedhaniiru.

Wareegama aarsaa guddaa gaafatuun sirni qawweetiin biyya bulchaa ture cabuusaan har’a lammiilee balaan qaqqabeef gahuu dandeenyeerra kan jedhan ammoo miseensa boordii Dhaabbata ‘Giloobaal Alliyaansi’  Doktar Achaamyallee Dabalaati.

Akka isaan jedhanitti, dhaabbatni kun gaazexeessitoota sagalee ummataa dhageessisuu isaaniitti biyyaa arii’amaniif  deggarsa addaddaa gochaa tureera.

Balaa hongee mudateen lammiilee rakkatan  dandamachiisuuf dhaabbata ‘World Vision Ethiopia’ jedhamu waliin ta’uun qarshii miliyoona torba arjoomuusaanii himaniiru. Maatii lammiilee Itoophiyaa Liibiyaa keessatti qalaman 30 jajjabeessuuf sosochii sassaabbii maallaqaa taasifameen qarshiin  kuma 280 ittiin gahamuusaa ibsaniiru.

Kanamalees atileetota dorgommii Olompikii fiigicha Ri’oorratti cunqursaa Itoophiyaa keessa jiru addunyaaf beeksisuun alatti hafan ijaaruuf deggarsi maallaqaa kuma 700 dhaabbatuma kanaan taasifameeras jedhan.

Lammiilee Oromoo naannawaa Sumaaleerraa buqqa’an deebisanii hundeessuuf sosochii maallaqa sassaabbii taasifamaa tureen gargaarsi qarshii kuma 700 kennamuus himaniiru. Magaalaa Finfinnee keessatti sababa sigigaachuu kosiitiin maatii lammiilee Qosheetti du’an jajjabeessuuf, hongee Ogaadenitti qaqqabee ture jalaa baraaruufi kkf deggarsa maallaqaa olaanaa taasisaa tureera.

Dhaabbatichi  biyya alaatti kan hundaa’e waan ta’eef, biyya keessattis cimsuuf koreen hundaa’uusaa ibsaniiru. Kanaanis Obbo Ammahaa Mokonnon Dura taa’aa korichaa ta’uun kan filataman yoo ta’u, sosochii biyya keessatti taasifamaa jiru adda durummaan gaggeessaa kan jiran ta’uus eeraniiru.

Obbo Ammahaa  Mokonnonis gamasaaniin akka jedhanitti dhaabbatichi siyaasa kamirraayyuu bilisa ta’ee jijjiiramni eegalame kun akka itti fufuufi lammiileenis mirgasaanif akka dammaqan kan hojjetuudha. Biyya keessatti hundaa’uunsaa  ammoo balaa akka tasaa lammiilee mudatu sadarkaa biyyaatti dursee deggarsa barbaachisaa taasisuuf  kan gargaaruudha jedhaniiru.

Kaaayyoon dhaabbata kanaas lammiileen mirgisaanii osoo hinsarbamiin biyyasaanii keessatti bilisummaan socho’uun jiruuf jireenyasaanii akka fooyyeffataniif, akkasumas wayita balaan tasaa mudatu akka walbira dhaabataniif kan gargaaru ta’uusaa dubbataniiru.

Waasihun Takileetiin

 

 

 

 

 

 

Recommended For You

2 Comments to “Dhaabbatni mirga lammiilee eegsisuuf hundaa’e utubaa gaafa rakkoo ta’aa jira”

  1. Pingback: steenslagfolie

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *