Bulchiinsichi qabiinsa mirga namoomaarratti jijjiirrama fidaa jiraachuu beeksise

Qabiinsa mirga namoomaarratti jijjiiramni galmaa’aa jiraachuu Bulchiinsi Manneen Sirreessaa Federaalaa beeksise.

Daarektari olaanaan bulchiinsichaa Obbo Jamaal Abbaasoo ibsa kaleessa miidiyaaleef kennaniin haalli qabiinsa mirga namummaa fooyya’aa jiraachuu eeranii, Bulchiinsicha jala kan jiran manneen sirreessaa jaha qofa ta’uu himaniiru.

Manneen sirreessaa kanneenis, Qaallittii, Qilinxoo, Ziwaay, Shawaa Roobiit, Dirree Dawaafi Manneen Sirreessaa Dubartootaa Qaallittiiti jedhanii, eegumsa mirga namoomaarratti xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuus beeksisaniiru.

Kanaanis baatiiwwan jahan darbanitti fooyya’iinsi qabiinsa mirga namoomaa mul’achuu Obbo Jamaal eeranii, sirna haqaa bulchiinsichaa fooyyessuuf hoggansawwan gubbaadhaa amma jalaatti jiran 103 irratti hojiin bakka buusuu hojjetameera jedhan.

Labsii hundeeffama manneen sirreessaa dabalatee labsiiwwan biroo, qajeelfamootaafi dambiiwwan 34 irratti qorannaan gaggeeffamee dhiyeenyatti ni raggaasifamu jedhaniiru.
Baatiiwwan jahatti sirreeffamtoonni 6,504 jijjiirrama amalaa agarsiisaniin hawaasatti akka makaman taasifameera jechuusaanii eeruun kan gabaase Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaati.

Recommended For You

3 Comments to “Bulchiinsichi qabiinsa mirga namoomaarratti jijjiirrama fidaa jiraachuu beeksise”

  1. Pingback: hihuay

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *