Warshaan qarshii mil. 95niin ijaarame sababa hanqina humna elektirikiin hojii hin eegalle

Bishooftuu: Warshaan Omisha Qoricha Bineensotaa qarshii miliyoona 95niin ijaaramuyyuu sababa hanqina humna elektirikiin hojiitti seenuu akka hindandeenye Inistitiyuutiin Eegumsa Fayyaa Bineensotaa Biyyaalessaa ibse.

Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Koreen Dhaabbii Dhimmoota Qonnaa, Horsiisee Bulaafi Eegumsa Naannawaa sochii waliigalaa inistitiyitichaa Wiixata darbe daawwataniiru.

Gaggeessituun hojii inistitiyutichaa Doktar Maartaa Yaamii akka ibsanitti, ijaarsi warshaa omisha qoricha bineensotaa kun bara 2008tti bajata dhaabbatichaan kan eegale yoo ta’u, ji’a Adoolessaa bara 2010tti xumuruuf karoorfamee ture. Wayita karoorfamus qarshii miliyoonni 75 kan qabame ta’ullee ijaarsasaa xumuruuf garuu qarshii miliyoona 95 fudhachuu danda’eera jedhan.

Ijaarsi warshichaa wayita ammaa guutummaatti kan xumurame ta’uyyuu sababa humna elektirikii dhabuutiin hojiitti seenuu akka hindandeenye himanii, rakkoo kana furuuf ammoo tiraanisfoormarii (1250KVA) bitachuuf Korporeeshinii Sibiilotaaf (meteekiif) qarshii miliyoona 3.6fi Tajaajila Elektirikii Itoophiyaaf ammoo qarshii miliyoona 1.2 kaffalamuusaa dubbatu.

Haa ta’u malee, kaffaltiin tajaajila elektirikii argachuuf barbaachisu raawwatamus hanga har’aatti fayyadamaa ta’uu hindandeenyee jedhan. Kanarraa kan ka’e warshichi omisha qorichaa waan hin eegalleef biyyattiin sharafa alaa dhabaa akka jirtu eeraniiru.

Miseensotni Mana Maree Bakka Bu’ootaas sochii waliigalaa inistitiyutichaa erga daawwataniin booda warshichi hanga ammaatti sababa humna elektirikiin hojiitti seenuu dhabuunsaa sirrii akka hintaane kaasaniiru.

Xiyyeeffannoon inistitiyutichaas gadaanaa ta’uusaa ibsanii, qaamoleen dhimmi ilaallatu (Tajaajilli Elektirikii Itoophiyaafi Korporeeshiniin Sibiilotaa) hatattamaan furuu akka qaban yaadachiisaniiru. Gama Koree Dhaabbii Dhimmoota Qonnaa, Horsiisee Bulaafi Eegumsa Naannawaatiinis hordoffiin cimaan ni taasifamaa jedhaniiru.

Itti gaafatamaan Tajaajila Elektirikii Oromiyaa, Obbo Geetuu Garramaa ammoo gamasaaniin akka ibsanitti, inistitiyutichi humna elektirikii argachuuf asiin dura kaffaltii raawwachuu danda’a. Kaffaltii yaa raawwatu malee meeshaaleen kanneen akka tiraansifoormariifaa waan hinguutamneef yeroo gabaabaa keessatti humna elektirikii argachuu akka hindandeenye dubbataniiru. Wayita ammaa garuu meeshaaleen barbaachisan marti bittaatiin guutamuuf adeemsa gaariirra jira jedhanii, hangasanitti obsaan eeguu qabu jechuun yaadachiisaniiru.

Tajaajila humna elektirikii argachuuf kaffaltii kan raawwate Inistitutii Omisha Qoricha Bineensotaa Biyyaalessaa qofa miti kan jedhan Obbo Geetuun, dhaabbileefi namootni dhuunfaa garagaraa bifuma walfakkaatuun deddeebi’anii komii dhiyeessaa akka jiran eeraniiru. Meeshaaleen barbaachisan marti bitamnaan garuu komiiwwan dhiyaachaa jiran marti ni furamuu jechuun abdii qaban ibsaniiru.

Warshaan omisha qoricha bineensotaa kun kaampaanii biyya Hindii kan ta’e ‘Fabtech Technology international LTD’ jedhamuun kan ijaarame yoo ta’u, lammiilee dhibba lamaa oliif carraa hojii kan banu ta’uusaa ibsameera.

Takkaalliny Gabayyootiin

Recommended For You

2 Comments to “Warshaan qarshii mil. 95niin ijaarame sababa hanqina humna elektirikiin hojii hin eegalle”

  1. Pingback: ruay

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *