Shaampiyoonaan atileetiksii adeemsifamaa jira

Finfinnee:Waggaa waggaadhaan kilaboota Atileetiksii Itoophiyaa jiddutti kan adeemsifamu shaampiyoonaan atileetiksii, baranas Kibxata darbeerraa kaase istaadiyooma Finfinneetti adeemsifamaa jira.

Shaampiyoonaa kanarratti kilaboota 23 irraa atileetonni 604 korniyaa lameeniinuu hirmaachaa kan jiran yoo ta’u, kanneen keessaa 352 dhiirotaa, 252 ammoo dubartoota ta’uunsaanii beekameera.

Ogeessi kominikeeshinii Federeshina Atileetiksi Itoophiyaa Obbo Silashii Bisiraati akka ibsanitti, dorgommiin shaampiyoonaa atileetiksii fiigicha gabaabaa, giddu galeessaafi tarkaanfiidhaan atileetota hirmaatan gidduutti haala naamusa qabuun adeemsifamaa jira. Kunimmoo atileetonni dorgommicharratti hirmaatan kutannoofi naamusa ispoortiin qaban kan agarsiisu waan ta’eef, haaluma kanaan itti fufuu akka qabu dubbataniiru.

Guyyaa shaampiyoonaan kun itti jalqabame kana dorgommii fiigicha meetira kuma sadii kan dubartoota jidduutti adeemsifameen, Mastaawot Amaarech kilaba magaalaa Hawaasaarraa, Loomii Mul’ataa kilaba magaalaa Buraayyuurraa, Buzaayyoo Mahaammad ammoo kilaba Manneen Sirreessaa Feederaalaarraa akkuma walduraa duubaan tokkoffaadhaa hanga sadaffaa ba’uun mo’ataniiru.

Akkasumas dorgommii utaalcha dheeraa lafarraa kan dubartoota jidduutti gaggeefameen kilaba Baankii Daldalaa Itoophiyaarraa Ariyaati Diiboofi Kiruu Umaan tokkoffaafi sadaffaa, Buna Sidaamaarraa ammoo Ulunkaan Damoogaa lammaffaa ba’uun isaanii beekameera.

Dorgommii ‘darbannaa Diskasii’ kan dhiirota jidduutti taasifameen ammoo Bunni Sidaamaa, Baankiin Daldala Itoophiyaafi Raayyaan Ittisaa akkuma walduraa duuba jiranitti mo’achuudhaan badhaasa meedaaliyaa warqii, meetiifi nahaasaa badhaafamaniiru.

Dorgommiin shaampiyoonaa atileetiksii kun haala ho’aafi naamusa qabuun kan adeemsifamaa jiru yoo ta’u, bor ni xumurama jedhameetu eegama.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Recommended For You

5 Comments to “Shaampiyoonaan atileetiksii adeemsifamaa jira”

  1. Pingback: w69

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *