Seerota qabsoo farra malaammaltummaa fooyyessuun xiyyeeffannoo barbaada

Finfinnee: Malaammaltummaan farra nageenyaa, misoomaafi dimokiraasii waan ta’eef biyyootni addunyaa qindoominaan ittisuuf hojjechaa turaniiru; wayita ammaas waloodhaan hojjechuurratti argamu. Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii ALA bara 2003tti sanada waliigaltee farra malaammltummaa walfakkaataa ta’e qopheessuun biyyootni addunyaa akka mallatteessan godheera.

Itoophiyaanis waliigaltee qophaa’e kana fudhachuun baruma san kan mallatteessite yoo ta’u, keessumaa seerota gocha malaammaltummaa ittisan baasuufi hojiirra oolchuun tattaafachaa turteetti. Kanaanis hanga barbaadamu ta’uu baateyyuu fooyya’insa fiduu dandeesseetti.

Ta’us, seerotaafi hojmaata farra malaammaltummaarratti qaawwi hedduun jiraachuusaa Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii gabaasasaa keessatti eeruusaa Komishiniin Naamusaafi Farra Malaammaltummaa Federaalaa ibseera.

Komishinarri ittaanaa komishinichaa Ataakiltii Gidayi gabaasa Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii bara darbe dhiyeesserratti Roobii darbe waltajjii marii qophaa’erratti akka jedhanitti, gochi malaammaltummaa farra nageenyaa, misoomaafi dimokraasiiti. Itoophiyaan gocha kana ittisuufi gama danda’ameen ammoo dhabamsiisuuf hojiilee guguddoo hojjetaa turte jedhanii, kanaanis hawaasni biyyattii haalaan hubannoo akka argatu gochuun danda’amuusaa eeru.

Haa ta’u malee, gocha kana ittisuuf seerota biyyattiin baastee itti fayyadamaa jirtu qabsoo farra malaammaltummaa finiinsuu hindandeenyee jedhanii, hojmaatni Komishiniin Naamusaafi Farra Malaammaltummaa Federaalaafi naannolees rakkoo waan qabuuf akkaataa barbaadamuun ittisuun kan hindanda’amne ta’ee turuu ibsan.

Gocha farra malaammaltummaa ittisuuf ykn dhabamsiisuuf seerotaafi hojmaata biyyattiin hordofaa jirturratti Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii madaaluun gabaasa dhiyeesseera kan jedhan Komishinar Ataakiltiin, kanneen fooyya’uufi sirreeffamuu qaban fudhachuun hojiirra oolchuuf kutannoon hojjechaa akka jiran ibsaniiru.

Obbo Girmaa Warquu ammoo Gorsaa Komishinar Komishinii Naamusaafi Farra Malaammaltummaa Federaalaa yoo ta’an, Itoophiyaan gochoota malaammaltummaa ittisuuf ykn dhabamsiisuuf seerotaafi hojmaata akka addunyaatti istaandaardii isaanii eeggatan qabaachuushee eeru. Ta’us, yeroodhaa yerootti tooftaan hattootaafi saamtotaa jijjiiramaa waan deemuuf, haguuggii seeraafi hojmaata hordofamuu qabu ammayyeessuun murteessaadhaa jedhu.

Kanaaf ammoo Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii biyyootni addunyaa marti seeraafi hojmaata walfakkaatuun akka waliin hojjetaniif xiyyeeffannoo kenneeraa jedhan. Kunimmoo hawaasni addunyaa yaadaafi ejjennoo tokkootiin gochoota yakkaa akka ittisaniif haala mijaawaa kan uume ta’uu himaniiru. Qaawwawwan seerotaafi hojmaata biyyattiirratti mul’atanis fooyyessuuf ykn sirreessuuf qaamoleen hunduu gaheesaanii bahachuu akka qaban yaadacahiisaniiru.

Obbo Gabruu Gabayyoo ammoo ogeessa seeraa komishinichaa yoo ta’an, Itoophiyaan gochoota malaammaltummaa ittisuuf sanada waliigaltee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin qophaa’e fudhachuun ALA bara 2003tti mallatteessuushee dubbatu.

Haa ta’u malee, seerotaafi hojmaata kanneenirratti hir’inootni hedduun jiraachuusaanii Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii sakatta’uun biyyattiif duubdeebii kennuu danda’eera jedhan. Kanaanis ogeessota yakka ykn gocha malaammaltummaa qorataniif haguuggiin seeraa kennamuu dhabuu, qaamoleen gocha malaammaltummaan shakkamanii wayita seeratti dhiyaatan giddugalli qaama sadaffaa ykn mootummaa jiraachuun, murteen ykn adabbiin kennamu laafaa ta’uun, hoggantootni qabeenya ummataafi mootummaa saaman haalaan gaafatamuu dhabuufi kkfn hir’inoota seerotaafi hojmaata farra malaammaltummaarratti mul’atan ta’uu kaasaniiru.

Kanaaf ammoo ALA jalqaba bara 2019 irraa kaasee fooyya’insiifi sirreeffamootni barbaachisan taasifamuu akka qaban kallattiin kennamuusaa ibsaniiru.

Takkaalliny Gabayyootiin

Recommended For You

One Comment to “Seerota qabsoo farra malaammaltummaa fooyyessuun xiyyeeffannoo barbaada”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *