“Omishni qamadii qonnaan bultootni Baalee Omishan Oromiyaa bira darbee ummata biyya kanaa hunda sooruu kan danda’uudha. Lafa omishnisaa naannoo bira darbee biyya sooru kanatti daandiin omishaaleen gabaa ittiin geeffamu dhabamuunsaa immoo fudhachuuf kan ulfaatudha.
“Waan ta’eefis rakko bu’uraalee misoomaa Baaleefi walitti hidhamiinsi gabaa qonnaan bultootaa kanaaf akka uumamuuf mootummaan naannichaas ta’e federaalaa xiyyeeffannoo gahaa ta’e ni kennina”
Haasaa Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa daawwannaa ooyruu qonnaan bultoota Baalee irratti taasisani.
Godinni Baalee omisha garbuufi qamadiitiin akka Oromiyaattis ta’e akkuma biyyaattuu kan beekamtu yemmuu ta’u, keessattuu gama omisha qamadiitiin hektaara tokkorraa kuntaala 20 omishuudhaan dorgomaa hinqabani.
Osoo qamadiin kana fakkaatu biyya keessatti omishamu immoo biyyattiin qamadii qulqullina gahaa hinqabne biyya alaa irraa bituun seenaa ta’uu qaba.
Baalee dabalatee Oromiyaa guutuutti omishaafi omishtummaan dachaan dabaluudhaan waggaarraa gara waggaatti daballiin jiru ammas itti fufee jira.
Barana akka naannoo Oromiyaatti omisha callaa kuntaala miiliyoonni 170 argamuu akka danda’u ragaan Biiroo Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaarraa argaman ni ibsu.
Naannichatti omisha bara 2010/11tiif lafti hektaarri miiliyoona jaha ta’u midhaan gosa adda addaatiin misoomsuuf karoorfame keessaa hektaarri mil. 5.9 misoomuusaa kan himan biirichatti Daarikterri Misooma Midhaaniifi Eegumsa Biqiltuu Obbo Dajanee Hirphaati. Omisha kanarraas callaa kuntaalli miiliyoona 170 akka argamu tilmaama sabsii duraatiin beekamuusaas dubbatu.
Hanga ammaattis lafa hektaara miiliyoona 2.6 ta’u irraa omisha sassaabameen callaa kuntaalli miiliyoona 14 argamuusaa kan eeran Obbo Dajaneen, kan hafes akkuma gaheen walduraa duubaan sassaabamaa jiraachuu himu.
Midhaan gahes rooba yeroo malee roobuun akka hin mancaane duulaan sassaabamaa jiraachuusaafi bara kana callaan omishuuf karoorfame sababoota garaagaraatiin haala karoorfameen raawwachuu baatus omishini bara kanaa kan bara darbeerra dhibbantaa 15 hanga 20n caalmaa akka qabu eeru.
Omishaafi omishtummaa qonnaa dabaluu keessatti teknoloojii ammayyaatiin fayyadamuun shoora olaanaa kan qabu yemmuu ta’u, wayitii ammaa kanatti qonnaan bultoota naannichaa keessaa dhibbantaan 30 tekinoloojii qonnaa fayyadmaa jiraachuu ibsu.
Haa ta’u malee irra caalaan qonnaan bultootaa harka qalleeyyii waan ta’aniif, teknoloojii fayyadamaa hin jiran waan ta’eef omisha eegamu argachuuf mootummaan qonnaan bultoota kanneen haala deggarsa garaagaraa itti argatan mijeessuun akka hojjetuuf kan akeeku ta’uu dubbatu.
Haalli qilleensaas omisha barbaadamu argamsiisuu keessatti gumaacha olaanaa qaba kan jedhan Obbo Dajaneen, keessattuu yeroo adda addaa rooba cabbiin makatee roobuufi lolaa, ilbiisotaafi hanqina roobaatiin omishni kan hir’atu ta’uu himu.
Akka ibsa Obbo Dajaneetti, itti fayyadamni callaa guddistuus xiyyeeffannoo guddaa kan barbaadu ta’uusaafi hanqinni gama dhiheessii callaa guddistuu keessumattuu xaa’oon, Yuuriyaa jedhamu adeemsa bittaasaarraa eegalee fedhii qonnaan bultootaa jiddu galeessa godhachuun raabsamaa hinjiru. Kunimmoo hatattamaan kan furamuu qabudha.
Rakkoo kana furuuf ammumaa jalqabee qindoominaan hojjetamaa akka jiruufi dhiheessiin keemikaala farra aramaafi ilbiisotaas hanqina guddaa akka qabu eeru. Keemikaalonni biyya alaarraa galanis daldaltoota seeraan alaa harka waan galaniif qaal’iinsi gatii akka mudatu godheera. Kanarraa kan ka’e qonnaan bultoonni harka qalleeyyii waan itti hin fayyadaminiif omisha eegamu argachuurratti hanqinni uumamaa jiraachuu ibsu.
Rakkoon kun omisha bara dhufuurrattis dhiibbaa akka hin finneef ammumaa eegalee karaa qindoomina qabuun hojjetamuu akka qabus himu.
Walumaagalatti, omishaafi omishtummaa biyya keessaa cimsuudhaan qamadii alaa bitamu dhaabsisuun kan danda’amu yoo ta’u, kana galmaan gahuuf ammoo rakkooleen qonnaan bultootaa xiyyeeffannoo mootummaa argachuu qabu.
Bayyanaa Ibraahimiin
8 Comments to “Omishtummaa dabaluun midhaan alaa bitamu dhaabuuf”