“Mana kitaabaa guddichatu cufame”

– Pirezidaanti Saahilawarqi Zawudee

Finfinnee: Waggoota 12 Pirezdaantii mootummaa RFDI ta’uun biyyasaanii amanamummaan tajaajilaa kan turan Obbo Girmaa Waldagiyoorgis, Mudde 5 halkan addunyaa kanarraa du’aan boqotanii sirni awwaalcha isaanii Roobii darbe Finfinnee, Bataskaana Qiddisti Sillaaseetti raawwatameera.

Sirnicharrattis firoonnisaanii, ministirri muummee RFDI, hoggantootni olaanoon mootummaa federaalaafi naannoleefi dippilomaatonni biyyoota addaddaa irratti argamuun abaaboo kaa’aniiru.

Pirezdaanti Saahilawarqi Zawudee sagantaa sirna gaggeessaa awwaalchasaanii galma Barkumeetti qophaa’erratti argamuun haasaa taasisaniin akka jedhanitti, Obbo Girmaan sirna mootummaa Hayilasillaasee irraa kaasee hanga har’aatti biyyasaanii amanamummaa, qajeelummaafi ittigaafatamummaa guddaan tajaajilaa turan.

Baroota tajaajilaa turan keessatti naamusa lammummaa qabaachuusaanii qabatamaatti kan mul’isan yoo ta’u, keessumaa dhalootni jaalala biyyaa akka horataniif fakkeenya gaarii ta’uusaanii ibsaniiru.

Bara 1994 hanga 2006tti pirezdaantii mootummaa RFDI ta’uun marsaa lamaan biyyattii wayita gaggeessaa turanitti waa’ee jaalalaa, nageenyaafi araaratti dhimmamanii saboota, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa hubachiisaa turaniiru jedhan.

Wayita ittigaafatamummaafi ogeessa ta’anii hojjechaa turanitti hojiilee eegumsa naannawaarratti xiyyeeffannoo guddaa kennuufi deggaruun dirqama lammummaa bahachuusaaniis eeraniiru. Kanaanis mootummaa Itoophiyaafi dhaabbilee addunyaarraa beekamtii argachuusanii himaniiru.

Hojiileen isaan hojjechaa turanis biyyattiif bu’aa guddaa kan buuseefi labata boruu kan qajeelchuudha jedhanii, biyyattii jalaa garuu ‘mana kitaaba guddichatu cufame’ jechuun ibsaniiru. Kunis muuxannoon isaanii hangam ijaarsa Itoophiyaa haaraaf fayyadaa akka ture kan mul’isu ta’uusaati.

Takkaalliny Gabayyootiin

Recommended For You

4 Comments to ““Mana kitaabaa guddichatu cufame””

  1. Pingback: Apartheid

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *