Irreen dargaggootaa bulchiinsa qawwee burkuteesse nagaafis diriiruu qaba

Finfinnee: Irreen bulchiinsa qawwee burkuteesse nageenya amansiisaa biyyaa qabatamaan mirkaneessuuf akka diriiruu  dargaggoonni ibsan.

Mariin nageenyaa dargaggoota naannoolee hirmaachise kaleessa Finfinnee, Wiirtuu Aadaa Biyyaalessaatti qaamota dhimmisaa ilaallatu waliin kan gaggeeffame yoo ta’u, injifannoo argame itti fufsiisuuf qabsoo dargaggoonni taasisan cimuu akka qabudha hirmaattonni kan dubbatan.

Dargaggoota marii kanarratti argaman keessaa dura taa’aa ittaanaan Waldaa Dargaggoota Oromiyaa, Dargaggoo Taarikuu Taakkalaa akka jedhetti, qabsoo qaalii dargaggootaan taasifameen injifannoon argame hundumaa kan gammachiisedha. Humni dargaggootaa kaleessa sirna balaafamaarratti injifannoo argamsiise har’a kallattii qabsoosaa jijjiiruun sochii hawaas dinagdee biyyaa itti fufsiisuuf tumsuu qaba.

Qabsoo kana booda taasifamu keessatti shoorri dargaggootaa itti fufuu akka qabuufi rakkoo nageenyaa harcaatota mul’atni siyaasaa harkaa badeen mudachaa jiru to’achuuf mootummaa cina hiriiruu akka qabanis dhaameera.

Dur dargaggoonni farreen nageenyaa jedhamanii yakkamaa turan har’ammoo humna jijjiiramaa ta’aa jiru kan jedhe ammoo Naannoo Amaaraa, Godina Gondar Kaabaa, Magaalaa Dabaarqirraa kan dhufe Dargaggoo Salamoon Mulaawu.

Humna qawween biyya bulchaa ture hundeedhaa diiguuf irreen dargaggootaa diriire bu’aa buuseera kan jedhu dargaggoon kun yeroo ammaattis nageenya biyyaa eegsisuuf mootummaa waliin hiriiruun barbaachisaa ta’uu dubbata.

Mootummaan qawween biyya bulchaa ture “ija harbuu miti dhagaadhaan aangoorraa hinbu’u” jechaa turus qindoomina dargaggootaan dhabamsiifamuu kan hime ammoo Jiraataa Godina Harargee Lixaa, magaalaa Ciroo, Aanaa Arbarakkattee irraa kan dhufe Dargaggoo Jundii Siraajidha.

Humnoonni badii kun iddoowwan garagaraatti rakkoo nageenyaa uumaa jiraachuu kaasee, nageenya argame kana itti fufsiisuuf dargaggoonni mootummaa waliin dhaabbachuu akka qaban dubbata.

Kan mootummaa jalaa miliqe qeerroo jalaa akka hinmiliqne kan himu Dargaggoo Jundiin, sochii qaamota nageenya booressan to’achuuf mootummaan taasisu jajjabeessuun dirqama dargaggootaa ta’uu akka qabu dhaameera.

Dargaggoonni sabaaf sablammiilees lagaafi sanyiin osoo wal hinqoodiin humnoota badii kanarratti tokkummaan qabsaa’uu akka qabaniifi ilaalcha xixiqqaan walqooduun hattootaaf karra saaquu waan ta’eef dammaquun barbaachisaa ta’uu himeera.

Waltajjii marii kanarratti haasaa kan taasisan Ministirri Ministeera Nageenyaa Aadde Mufaariyaat Kaamil gamasaaniin, dargaggoonni ergamtoota nageenyaa waan ta’aniif shira humnoota badiin burjaaja’uu hinqaban jedhu. Injifannoon aragame bu’aa dargaggootaa ta’uu eeranii, mootummaa misoomawaa dargaggoota hirmaachise kana waliin dhaabbachuun ammayyummaa ta’uu himu.

Bora’uun nageenyaa rakkoo hawaas-dinagdee qaqqabsiisuurra darbee jiruufi jireenya dubartootaa yaaddoo keessa galcha kan jedhan Aadde Muufaariyaat, dargaggoonni nageenya haadholiifi biyyasaaniif waardiyyaa dhaabachuu akka malan dhaamu.

Mariin nageenyaa dargaggoota waliin taasifame kun cimee akka itti fufuufi nageenyi waaraa akka mirkanaa’uuf haadholiin ergamtoota nageenyaatti fakkeeffaman 21 kutaalee biyyittii keessaa baba’an imaanaa dargaggootatti kennuun marichi goolabameera.

Waasihun Takileetiin

Recommended For You

12 Comments to “Irreen dargaggootaa bulchiinsa qawwee burkuteesse nagaafis diriiruu qaba”

  1. Pingback: Food Recipe Video
  2. Pingback: pump diaphragm
  3. Pingback: link
  4. Pingback: jav
  5. Pingback: SEO Las Vegas

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *