Hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu Oromiyaattis cimee ittifufa

Finfinnee: Tarkaanfii mootummaan federaalaa hattootaafi sarbitoota mirga namaarratti fudhaa jirurraa ka’uun Oromiyaattis olaantummaa seeraa kabachisuun cimee kan ittifufu ta’uu Manni Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa ibse.

Abbaan Alangaa mana hojichaa Tashoomaa Girmaa gaafdeebii dheengadda Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin akka jedhanitti, haalumasadarkaa federaalaatti mul’ateen hattoonniifi sarbitoonni mirga dhala namaa Oromiyaa keessas waan jiraniif hojii qorannoo bal’inaan hojjetameen seeratti dhihaachuu eegalaniiru. Kunis cimee kan ittifufu ta’a.

Bu’uura Pirezdaantiin Oromiyaa, Obbo Lammaa Magarsaa “Meeteekonni xixiqqoon Oromiyaa keessa jiru. Isaanis dhiheenyatti seeraan gaafatamu” jedhaniin hojiin qorannoo duraan eegalame cimee kan itti adeemame ta’uu kaasanii, torban kanarraa eegalee keessumaa kanneen saaminsa lafaafi malaammaltummaarratti hirmaachuun ragaan irratti argame to’annoo seeraa jala oolfamuusaanii addeessaniiru.

Manni hojichaa Fulbaana 28 irraa kaasee bifa haaraatiin irra deebi’ee hundaa’uusaa kan ibsan abbaan alangichaa, hanga yoonaa hojii gurmaa’iinsaafi humna namaa guutuurratti waan xiyyeeffatameef hanga barbaadame akka hinhojjatamne dubbatu. Kana jechuun dhimmicharratti hojjetamaa hinturre jechuu osoo hintaane quufsaa miti jechuu ta’uu hubachiisaniiru.

Hojiin yakka qorachuu walxaxaafi yeroo bal’aa kan barbaadu waan ta’eef hojii biraa waliin yommuu hojjetamu harkifannaa uumuu akka malu eeranii, wayita ammaa manni hojichaa ramaddii hojjettootaa waan xumureef torban muraasa booda guutummaatti hojiitti seenuun hojii yakkamtoota seeratti dhiheessuu bal’inaan akka hojjetu Abbaa Alangaa Tashoomaan dubbataniiru.

Hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu ariitiidhaan itti adeemamuu baannaan rakkoo nageenyaa ta’uunsaa akka hinoolle kaasanii, waldhabdeewwan daangaa fakkaatanii Oromiyaa keessatti mul’achaa jiraniifis kallattiidhaan ta’uu baatus sababa ta’uu akka malu himaniiru.

Namoota akka federaalaatti to’annaa jala oolaa jiran ilaaluun hojii hattummaafi mirga dhala namaa sarbuu hojjetaa kan ture dhalataa saba tokko qofa jedhanii yaaduun sirrii akka hintaane kaasanii, yakkiifi yakkamaan sanyii waan hinqabneef bakkawwan hunda jiraachuusaanii ibsaniiru.

Kanneen seeratti dhiheessuun ammoo hojii mootummaadhaan qofa hojjetamu waan hintaaneef hawaasniifi miidiyaaleen qoodasaanii akka ba’ataniif waamicha dhiheessaniiru.

Saamraawiit Girmaatiin

Recommended For You

2 Comments to “Hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu Oromiyaattis cimee ittifufa”

  1. Pingback: 123auto

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *