Hammeenya raawwatanii dhokachuun haa ga’u!

Itoophiyaafi ummannishii baroota dhufaanii darbaniin sarbitoota mirgaafi saamtota maqaafi bifa jijjiirratanii, afaan damma dibatanii ittidhiyaataniin miidhaafi gidiraa argaa turaniiru.
Kanatu wayyutu dhufe oggaa jedhamu hammeenya raawwatamuun kan caalu ta’ee argamuun dabaree walfuraa biyyattii dhidhima hiyyummaafi wallaalummaa akka laayyootti keessaa bahuun hindanda’amnetti oofaa turaniiru.

Har’a biyyi keenya gonfoo xurii baroota dheeraaf irratti ligdaa’e dhabamsiisuuf imala jijjiiramaarratti argamti. Dhimmoota haala kanaan jijjiiraman keessaa tokko haala qabiinsa mirga namummaa lammiileeti.

Qabiinsi mirga namummaas ta’e mirgoonni dimokraasii biroon bu’uurarraa dhugoomuu kan danda’an namoota dhuunfaarra oggaa dhaabbilee fedhiin wajjummaa argamsiiseen hogganamuun eegalameedha.

Dhimma qabsiinsa mirga namummaafi saamtummaa biyya keenyatti raawwatame ilaalchisuun tibbana ibsa bal’aa kan kennan Ministirri Muummeen Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmad akka jedhanitti, haala dhaabbileen dimokraasiifi haqaa amanamoon hinhundoofne keessatti matayyoonni oggaa akka fedhan ta’an arguun ummatoota Itoophiyaatiif haaraa miti.

Ummanni yeroo kamuu taanaan sirna abbaa irree hunkuteessuuf oggaa qabsaa’uufi aarsaa kafalu hammeenyi akka dhaabatee haqni akka dhugoomuuf malee garajabeeyyii biroo bakka buusuuf miti.

Qaamoleen qabsoo ummataatiin aangoo qabatan garuu fedhii ofii malee kan ummataa guutuu hindandeenye. Ummanni kaleessarra har’a wayya jedhee obsaan yoo eegellee, irra deddeebiidhaan sagaleesaa yoo dhageessisellee rakkinichi fooyya’uurra hammaachaa dhufe.
Keessumaa dirreen dimokraasii dhiphachaa, lammiileen sababa sabummaasaaniifi ilaalcha siyaasaa qabataniin miidhaan irra gahu suukanneessaa ta’aa, sarbi mirga namummaa hammaachaa, malaammaltummaan biyyattii liqimsaa dhufe.

Ummanni keenya garaa tokkoon, akka waan jecha tokko dubbatuutti, ‘miidhaafi hammeenyi nu gaha’ jedhee akka ka’u kan taasises gidiraawwanuma kanneeni.
Akka isaan jedhanitti, kan hammeenya raawwate Afaan Oromoo yoo dubbate Oromoo, Tirgiriffa yoo dubbate Tigree, Naannoo Amaaraarraa dhalate yoo ta’e Amaaraa, yoo Sidaamaadhaa dhufe Sidaamaa namni komatu yoo jiraate inni nama dadhabaa seenaarraa hinabaranneedha.

Kanaaf yakkamtoonni eenyuyyuu haa ta’anii eenyu, saba kamuu keessa seenanii haa dhokatanii, qaamni kamuu yoo iyyeef hanga yakkaan shakkamanitti bakka jiranii adamsamanii seeratti dhiyaachuu qabu. Daangaan bulchiinsaas ta’e daangaan biyyoolessaa yakkamtoota seeratti dhiyeessuurraa waan hindhorkineef mootummaan kutattummaa gama kanaan eegale cimsee ittifufuu qaba.

romiyaattis sochiin meeteekota xixiqqoo seeratti dhiyeessuuf eegalame cimee ittifufuu qaba. Kanaanis keessumaa kanneen saamicha lafaatiin badii uumaa turan ragaarratti hundaa’uun hojiin to’annoo seeraa jala bifa qindaa’een itti deemamuu qaba.

Ummannis kiyyoo qaamolee kanneeniin qophaa’urraa of eegaa akka isaan seeratti dhiyaataniif qoodasaa bahachuu qaba malee haaluma kamiinuu golgaa ta’uu hinqabu.

Recommended For You

7 Comments to “Hammeenya raawwatanii dhokachuun haa ga’u!”

  1. Pingback: online chat rooms
  2. GLOBAL BUSINESS ELITE YOUR WHOLESALE SUPPLIER OF AGRICULTURAL AND INDUSTRIAL COMMODITIES

    We are a global company providing food, ingredients, agricultural solutions and industrial products that are vital for living. We connect farmers with markets so they can prosper. We connect customers with ingredients so they can make meals people love. And we connect families with daily essentials  from eggs to edible oils, salt to skincare, feed to alternative fuel. https://globalbusinessltd.co.uk/

    Global business elite
    copper cathode
    aluminium wire scrap
    scrap processor
    scrap cpus
    waste paper scrap
    fridge compressor scrap
    cable scrap
    scrap copper wire
    waste paper for sale
    ceramic cpu scrap
    icumsa 100
    cpu scrap
    wholesale sugar suppliers uk
    scrap processor
    scrap central processing units
    occ paper scrap
    occ waste paper scrap
    nut prosper globe
    ocopper cathode specifications
    sachet water filling and sealing machine
    insulated copper wire scrap
    waste paper supplier
    recycled copper wire
    copper scrap wire
    occ waste paper suppliers in uk
    processor gold recovery
    waste paper supplier
    ccopper wire scrap millberry

  3. GLOBAL BUSINESS ELITE YOUR WHOLESALE SUPPLIER OF AGRICULTURAL AND INDUSTRIAL COMMODITIES

    We are a global company providing food, ingredients, agricultural solutions and industrial products that are vital for living. We connect farmers with markets so they can prosper. We connect customers with ingredients so they can make meals people love. And we connect families with daily essentials  from eggs to edible oils, salt to skincare, feed to alternative fuel. https://globalbusinessltd.co.uk/

    Global business elite
    copper cathode
    aluminium wire scrap
    scrap processor
    scrap cpus
    waste paper scrap
    fridge compressor scrap
    cable scrap
    scrap copper wire
    waste paper for sale
    ceramic cpu scrap
    icumsa 100
    cpu scrap
    wholesale sugar suppliers uk
    scrap processor
    scrap central processing units
    occ paper scrap
    occ waste paper scrap
    nut prosper globe
    ocopper cathode specifications
    sachet water filling and sealing machine
    insulated copper wire scrap
    waste paper supplier
    recycled copper wire
    copper scrap wire
    occ waste paper suppliers in uk
    processor gold recovery
    waste paper supplier
    ccopper wire scrap millberry

  4. Pingback: pigspin

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *