Ejensiileen 900 ol hojidhabeeyyii mindeessina jechuun saamicha gaggeessaa jiru

Finfinnee: Ejensiileen 900 ol hojii barbaaddota mindeessina jechuun saamicha maallaqaa gaggeessaa jiraachuu Biiroon Dhimma Hojjetaafi Hawaasummaa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Ejensiileen hojii yakkaa kanarratti bobbahanaii jiran kunneen heeyyama seera qabeessummaa hojichaa kan hinqabne ta’uu Daariktarri Tajaajila Bobba’iinsaafi Babal’insa Hojii Biiroo Dhimma Hojjetaafi Hawaasummaa Magaalaa Finfinnee Obbo Kaasaa Siyyum himan.

Obbo Kaasaan marii Kibxata darbe qaamota dhimmisaa ilaallatu waliin galma bulchiinsa magaalattiitti adeemsifamerratti akka jedhanitti, hundeeffamni ejensiilee hojiif hojjetaa walqunnamsiisuuf kan akeeke ta’us madda galiin seeraan alaa itti sassabamu ta’aa jira. Babal’achuun seermaleessummaas hojibarbaaddotatti hudhaa guddaa ta’aa jiraachuu dubbatu.

Ejensiileen carraa hojii namootaaf banna jedhanii galmaa’an 454 ta’uu kan himani Obbo Kaasaan, isaan keessaa 128 eeyyamnisaanii akka haqamu ta’eera. Ejensiileen 23 ammoo fedhiisaaniitiin eeyyamasaanii deebisaniiru. Seermaleessummaan damicha keessatti hojjetamaa jiru hamaa ta’uus himaniiru.

Yeroo ammaa Ejensiileen eeyyama seeraqabeessaa of harkaa qaban 302 ta’uu kan himan Obbo Kaasaan, isaan keessaa qabatamaan beekamtii kan qaban 202 ta’uu eeraniiru. Ejensiileen hojiif hojjetaa walquunnamsiisan 81 eeyyama seera qabeessaa baafatanis hojii hannaarratti waan bobbahaniifi to’annoo ala waan ta’aniif eeyyamnisaanii akka haqamu ta’eera jedhu.

Seermaleessummaan kun akka malee babal’achuusaan abdii eebbifamtootni gahumsaan madaalamanii hojii qacaramuuf qaban akka quucaru taasisaa jira kan jedhan Obbo Kaasaan, hordoffii gama kanaan mootummaan taasisaa jiru cimaa ta’us akkaataa karoorfameen yakkamtoota kana to’achuun kan hindandahamne ta’uu dubbatu.

Akkaata Labsii keeyyata heera mootummaa 176 ibsutti, qaamni kamillee maallaqa fudhachuun qacarrii hojii raawwachuu akka hindandeenye akeekkachiisa jedhu Itti Aanaa Hoji Gaggeessaa Biiroo Dhimma Hojjetaafi Hawaasummaa Magaalaa Finfinnee Obbo Asaffaa Mabraatee. Kuni ta’us Ejensiileen hojiif hojjetaa walqunnamsiisna jechuun seeraan ala saamicharratti bobbahanii jiran 997 ta’uu himu.

Akka Obbo Asaffaan jedhanitti, ejensiileen kunneen hojmaata badaa hanna kanaan dura balaaleffatamu aadaa godhachuun qabeenyaaf xiinsammuu hoji barbaaddotaa irratti miidhaa geessisaa jira. Kana malees hojjetaan ga’umsaafi bilchina ogummaa qabu baayinaafi qulqullinaan horachuu irratti dhiibbaa geessisaa jira. Gocha badaa kana to’achuu dhabuun oomishaaf oomishtummaan akka hindaballe taasisaa jira jedhu.

Ejensiileen ergama isaanitti kenname haalan bahatanis jiraachuu himanii, haaluma kanaan bara baajataa 2008-2010tti hojidhabeeyyii nkuma 54fi 624f carraan hojii dhaabbii uumuun danda’ameera. Qacaramtoota kanneen keessaa dhiirri kuma 34fi 548 yoo ta’an, dhalaan ammoo kuma 20fi 076dha.

Ejensiileen hannaarratti bobba’an 900 ol kunneen hojii isin mindeessisna jechuun tokko tokkoo eebbifamtootaarraa qarshii 400-8,000 fudhachuun saamicha raawwachaa turuusaanii kan himan Obbo Asaffaan, eebbifamtootni hedduun qabeenya maatii isaanii gurgursiisuun seermaleessota badhaasaa, ofii isaanii ammoo rakkinaaf of saaxilaa akka turan dubbatu.

Ejensiileen kunneen teessoo isaanii yeroorraa yerootti geeggeeddarachuun hanna raawwachaa kan turan yoo ta’u, to’annoofis mijataa ta’ee hin argamne. Rakkoo qacarrii waliin walqabatee uumamu furuuf egzibiishiniin hojii gaggeeffamuu kan jalqabe ta’uu kan himan Obbo Asaffaan, hojmaata badaa kanaan dura ture maqsuuf hojjechaa jiraachuu himu.
Hirmaataan akka maqaansaa dhahamu hinbarbaanne tokko akka ibsetti, ejensiileen hannaaf saamicharratti bobba’an akkuma jiran kannen haqummaan hojjetanis jiru. Ejensiileen hannarratti bobba’an hedduunsaanii qaama mootummaarraa deeggarsa qabu. kunis hojibarbaaddonni baasii hinmalleef akka saaxilaman taasifamaa jira jedha.

Hudhaan gama kanaan jiru akka furamuuf mootummaan sirriitti of sakatta’uu qaba kan jedhan hirmaataan kun, haalichi hordoffii dhabee yoo itti fufe rakkoon hawaasummaa hoji dhabdootaa ta’uurra darbee rakkoo nageenyaa ta’uu waan danda’uuf damichaaf xiyyeeffannoon kennamuu qaba.

Recommended For You

3 Comments to “Ejensiileen 900 ol hojidhabeeyyii mindeessina jechuun saamicha gaggeessaa jiru”

  1. Pingback: 86kub

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *