Dorgommiin Bishooftuu miidhaginaan xumurame

Bishooftuu: Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa waggaa waggaadhaan kan gaggeessu dorgommiin atileetiksii kiiloomeetira 30 Dilbata darbe yeroo shanaffaaf Magaalaa Bishooftuutti adeemsifameera.
Chaayinoota dabalatee atileetonni naannoleefi kilaboota adda addaa korniyaawwan lameeniinuu hirmaataniiru.

Ummanni magaalattii ganama suubirraa kaasee naannawa Hora Horsadeefi Baabboogaayaa dabalatee daandiiwwan magaalattii dorgommiin irratti gaggeeffame bitaa mirga dhaabachuun sa’aatii dorgommichi itti jalqabu eegaati kan ture.

Tulluuwwaniin kan marfamteefi horowwan qilleensa mishaan uumamaan kan badhaate Bishooftuutti dorgommiin kan jalqabame dubartootaan ganama sa’aatii 1:40irratti ture.
Sadarkaa dorgommiitti baay’ee dadhabaa kan ture fiigicha dubartootaa kanarratti Atileetonni kilabootaa beekamoo Oromiyaa,Tigraayi,Uummattoota Kibbaa, Amaaraa, Finfinneefi Dirree Dawaa hirmaataniiru.

Dorgommii kanarratti Atileetii Manneen Sirreessaa Roozaa Darajee sa’aatii 1:46.33n dursitee yoo raawwattu,Atileetiin Manneen Sirreessaa Oromiyaa Taaddelechi Baqqlaa sa’aatii 1:46.44n,Atileetiin Poolisii Oromiyaa Zinnaash Mokonnon sa’aatii 1:46.53n lammaffaafi sadaffaa ba’uun mo’ataniiru.

Fiigicha cimaa dhiiroota jiddutti adeemsifameen ammoo Atileetiin Humna Ibsaa Tsidaat Abajjee sa’aatii 1:31.56n tokkoffaa ba’uun mo’ateera.Atileet Jigsaa Taadassaa Naannoo Oromiyaarraa sa’aatii 1:32.06 lammaffaa ta’uun yoo xumuru,Atileetin Poolisii Federaalaa Fiqiree Baqqalaa ammoo sa’aatii 1:32.09n sadaffaa ta’uun injifateera.

Dorgommii garee kan dubartoota jiddutti adeemsifameen atileetonni Oromiyaa kanneen biroo halaalatti gatanii galuudhaan qabxii 27n tokkoffaa ta’uun meedaaliyaa warqiifi waancaa badhaafamaniiru.

Polisiin Federaalaa qabxii 52n,Manneen Sirreessaa Ormiyaa qabxii 57n sadarkaa lammaffaafi sadaffaa argachuudhaan akkuma walduraa duuba jiranitti meedaaliyaa meetiifi nahaasaa badhaafamaniiru.

Dhiiraan ammoo gareen Poolisii Federaalaa qabxii 64n tokkoffaa ba’uun waancaafi meedaaliyaa warqii yoo badhaafamu Humni Ibsaafi Raayyaan Ittisaa walqixa qabxii 70n meedaaliyaa meetifi nahaasa fudhataniiru.

Dorgommii kiiloomeetira 30 kan daandiirratti gaggeeffame kanatti atileetonni dhunfaadhaan tokkoffaa ba’an qarshii kuma 30, lammaffaa kan bahan kuma 22, sadaffaa kan bahan ammoo kuma 16 badhaafamaniiru. Akkasumas Atileetonni hangafoonni umrii 50 olifi 50 gadii kan hirmaatan yoo ta’u, tokkoffaa kan bahan kuma sadii, lamaffaan kuma 1fi 500, sadaffaan kuma tokko badhaafamaniiru.

Fiigicha kiiloomeetira 30 kanarratti dubartootaan tokkoffaa ba’uun kan mo’ate Atileet Roozaa Darajjee shaakala cimaa taasisuun qabxii galmeessite kanatti gammaduushee addeessiteetti.
Kanaan dura fiigicha daandii biyya keessaarratti hirmaatete kan hin beekne Roozaan, dorgommii yeroo jalqabaaf irratti qooda fudhatte kanatti injifannoon ba’uusheetti abdiin gara fuula duraatti dorgommii biyyoolessaarratti qabdu olaanaadha.

Atileetiin kun gara fuuladurraatti dorgommii maaraatonii biyyoolessaarratti qooda fudhachuudhaan qabxii gaarii galmeessuun biyyashee kabajaan waamsisuuf abdii qabaachuushee addeessiteetti.

Dorgommiin kun haala miidhagaadhaan jalqabamee xumuramuusaatti Federeeshiniin Atileetiksi Itoophiyaas akka itti gammade Pirezidaantiin Federeeshinichaa, Koloneel Daraartuu Tulluu sirn badhaasa meedaaliyaarratti ibsiteetti.

Akka ibsa Pirezedaantittiitti ,miidhaginaafi haala tasgabbiidhaan dorgommiin kun akka gaggeeffamuf hirmaannaa qopheessituun dorgomichaa Bulchiinsi Magaalaa Bishooftuufi Uummata naannawichaa,koreewwan nageeyaafi poolisii magaalattii taasisaa turaniif galateeffataniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Recommended For You

2 Comments to “Dorgommiin Bishooftuu miidhaginaan xumurame”

  1. Pingback: fifa55cash

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *