“Caasaan mootummaa gara gadii jiru ummataan kan filatame utuu hintaane ummatarratti kan fe’ame waan ta’eef ummata biratti humnas ta’e fudhatama hinqabu. Tajaajila ga’aas kennaa waan hinjirreef ummatni akka qaama faayidaa hinqabneetti ilaalaa jira”. “Hoggantoonni caasaa mootummaa gara gadii jiran ofitti amanamummaa waan hinqabneef ummata duratti ba’uu ni sodaatu. Kanaafuu caasaan mootummaa gara gadii jiru bakkawwan hunduu laamsha’aadha” jedhu Xiinxalaan Siyaasaafi Daarektarri OMN Obbo Jawaar Mahaammad ibsa torban darbe haala wayitii biyyattiirratti Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin.
Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa yeroo shanii ol jijjiirama caasaa taasisaniiru. Achumatti nama jijjiiruu malee nama haaraa gara hooggansaatti fiduun garuu daran rakkise. Yoo nama haaraa fidanis dinagdeen daran waan laafeef tajaajila ummatni barbaadu kennuurratti isaan rakkisa. Kanaaf caasaan mootummaa gara gadii rakkoo guddaa keessa jira.
Mootummaan caasaa gara gadii jiru jijjiiruufi haala haaraadhaan yoo itti deeme malee yaaliin qondaaltota waljala jijjjiiruun ummatas hinamansiifne, caasaa sanas deebisee hinbayyanachiifne jedhu.
Ummatni Oromoo yeroo amm
aa gaaffiilee nageenyaa, misoomaa, dinagdee, bulchiinsaafi siyaasaa kaasaa jira kan jedhan Obbo Jawaar, dargaggoonni naannichaa hedduunis hojdhabeeyyii ta’uu eeru.
“Daldaltoonnis jaatanii (kisaaraa) guddaa keeessa jiru. Dinagdee laafe deebisnee dammaqsuuf kadhannees ta’u liqeeffannee maallaqa gudddaa fiduu qabna. Maallaqichas kallattiidhaan bu’uuraalee misooma maagaalotaa, aanaaleefi gandootaa keessatti diriisuuf akkasumas dargaggootaaf carraa hojii uumuuf ooluu qaba” jedhu.
Yeroo ammaa Oromiyaas ta’e Itoophiyaatti invastaroota simachuun ulfaataadha. Yoo kan dhufanillee carraa hojii uumuuf waggaa lamaafi sadii waan itti fudhatuuf maallaqa barbaaduun keessumaa magaalota xixiqqoo keessatti dargaggootaaf carraa hojii uumuun barbaachisaadha jedhan.
Dinagdeen kufe deebi’ee bayyanachuu baannaan hojidhabdummaan babal’achaa waan deemuuf dargaggoota gara jeequmsaatti oofa. Jeequmsi hammaachuun ammoo dinagdee daran laaffisuun hooggantoonni sadarkaa naannoofi federaalaatti jiran guyyaa guyyaan hojii abidda dhaamsuurratti akka bobba’aniif hojii tarsiimoofi biyyattii ceessisuurratti qalbiidhaan akka hinhojjenne kan taasisu ta’uu eeran. Kanaafuu dinagdee bayyanachiisuurratti hojiin saffasaan raawwatamuu akka qabus ni gorsu.
Walitti bu’iinsa daangaa Oromiyaa Naannoo Somaaleefi Beenishaangul Gumuz gidduu jiru ilaalchisuun waanti ifatti mul’atu akka jiru Obbo Jawaar eeranii, Oromoofi Beenishaangul Gumuz walitti buusuuf ummata Beenishaangul Gumuz Godina Kaamaashii saamanii ummata ollaa isaaniirratti akka xiyyeeffataniif shirri xaxamuu ibsu.
“Ummanni naannolee lamaannii naannawa daangaa jiraatan gama dinagdeetiinis ta’e siyaasaatiin miidhamoodha. Rakkoo walitti bu’iinsaa ummattoota naannolee lameenii gidduutti uumame furuufi araara buusuuf jaarsoliifi hayyoota biyyatiirraa hojii cimaatu eegama” jedhu.
Ummatni naannolee lameenii walasodaachuurraa kan ka’e walkeessa deemaa akka hinjirre eeranii, rakkoo walfakkaataan biyyattiitti babal’atee waan jiruuf dafee furmaata argachuu qaba jedhu. “Ummatni nageenyisaa eegamee walkeessa deemuu qaba. Daandiin cufamee tures banamuu akka qabuufi hawaasnis rakkoo daandii cufuudhaan qaqqabu hubatee gochicharraa of qusachuu akka qabu hubachiisu.
Yunivarsitiiwwan keessattis keessumaa barattoota Oromoofi Amaaraa walitti buusuuf yaalamaa turuu eeranii, adeemsi kun hojii mootummaan hattootaafi saamtota seeratti dhiyeessuu eegale gufachiisuuf kan raawwatamu ta’uun haubatamuu qaba jedhu.
Yeroo ammaa Oromoon aangoo qabate jedhanii ummatni akka sodaatu taasifamaa jiraachuu kan eeran Obbo Jawaar, jibbi ummata Oromoorratti akka uumamu gochaa waan jiraniif kaayyoo diinaa kana fashaleessuuf dargaggoonniifi hawaasni cimanii hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Rakkoon walitti bu’iinsaa kun mariidhaan furamuu akka qabus dubbatanii, barattoonnis siyaasa keessatti hirmaachuun dantaa saba isaanii falmuun adeemsa gaarii waan ta’eef waltajjiin marii babal’aan qophaa’uu qaba jedhu.
Barattoonni aarii, shakkiifi xiiqii qaban dhagaa darbachuudhaan utuu hintaane yaada darbachuudhaan rakkoon kamuu akka furamu gochuu qabu jedhanii, kanaafis bulchiinsi yuunivarsitiiwwanii torban torbaniin waltajjii barattoonni yaada isaanii irratti ibsatan qopheessuun akka irraa eegamu ibsu. Adeemsi kunis yaadniifi shakkiin sammuu barattootaa keessa jiru gaaf tokko gara jeequmsaatti akka hinceene gochuuf ni gargaara jedhu.
Nageenya waaraa mirkaneessuuf hoogganoonni mootummaafi paartiilee siyaasaa wajjummaan hojjechuu akka qaban xiinxalaan siyaasaa kun dubbatanii, ummannis mootummaan ce’umsa irra akka jiru hubatee obsa, hubannaa, tasgabbiifi gara bal’inaan caasaalee nageenyaafi bulchiinsaa waliin nageenya biyyaa eegsisuufi hojii misoomaa si’eessuurratti hirmaachuu akka qabu hubachiisu.
Yoo ummatni tasgabbii hinqabaanne mootummaan qalbii tasgabbaa’een hojii irraa eegamu raawwachuu hindanda’u jedhanii, hojiin ummata tasgabeessuu, walitti fiduu, mariisisuufi qalbiisaa qaruu dhimma xiyyeeffannaa olaanaadhaan irratti hojjetamuu qabu ta’uu eeru. Yoo akkas ta’e malee biyyattii ceesisuun kan hindanda’amne ta’uus ni ibsu.
Filannoo bara dhufu adeemsifamu walabaa, dimokraatawaa, nagaafi haqa qabeessa taasisuuf paartiileen siyaasaa seera, adeemsaafi bulchiinsa filannoorratti gamanumaa waliigaluu qabu jedhanii. paartiileen siyaasaa bor bu’aa filannoo amananii akka fudhatan gochuuf har’a adeemsa filannoo irratti wal amantaa uumuun kan irraa eegamu ta’uu dubbatu.
Kun akka ta’uuf ammoo paartiileen siyaasaa har’a walitti dhufanii waliin mari’achuufi waliin falmanii adeemsa kennuufi fudhachuu keessa darbuu akka qabanis eeranii, gara dimokiraasiitti imaluuf filannoon dirqama ta’uu cimsanii ibsu.
Biyyi sababa filannootiin akka addaan hindhiibamnee ammoo seerotaafi adeemsa filannoorratti wal hubannaafi waliigaltee cimaa uumuun barbaachisaadha jedhu Obbo Jawaar.
Paartiileen siyaasaas yeroo ummata gurmeessaniifi dadammaqsan seera filannoo eeguu qabu jedhanii, miidiyaaleen paartiis gara mootummaa ykn gara dhuunfaatti cehuu akka qaban girsu.
Hojiileen raawwataman hundi qaamota dhimmichi ilaallatu mara kan hirmaachisan ta’uu baannaan walitti bu’iinsaaf karaa waan saaqaniif qaawwa kana duuchuu akka barbaachisuufi walitti bu’iinsiifi jeequmsi bakkeewwan adda addaatti mudachaa jiran dhaabbachuufi to’atamuu qabu jedhu,
Qeerroofi qarreen tokkummaasaanii cimsuun, tarsiimoodhaan hogganamanii, teknolojjiitti fayyadamanii dantaan sabichaa akka hintuqamne, adeemsi gara dimokraasiitti taasifamu akka hingufanneef dammaqinaan eeguu qabu jedhan.
Gaaffiilee qabanis karaa seera qabeessa ta’een dhiyeeffachuufi gorsa abbootii, hayyootaafi walii isaanii dhaggeeffachuu akka qaban dhaamsa dabarsaniiru.
Qeerroon motoraafi wabii jijjiirama biyya kanaati kan jedhan Obbo Jawaar, warri kaleessa biyyattii saamaa turan humna qeerrootiin waan diigamaniif qeerroorraa haaloo guddaa qabaachuunsaanii hubatameef qeeroonis gochoota maqaa baleessanirraa of eeguu qabu hubachiisu.
Warra qeerroo fakkaatanii bakkawwan adda addaatti jeequmsaafi yakka uumaa jiranis hordofuudhaan akeekasaanii fashaleessuun maqaasaanii eeggatanii qabsoo ummatichaa bakkaan gahuuf tattaafachuu akka qaban yaadachiisu.
Mootummaan naannichaa caasaa gara gadii cimsuurratti xiyyeeffatee hojjechuu akka qabus eeranii, dhaabbileen siyaasaa Oromoo, hayyoonniifi ummanni walmari’ataa wajjummaan hojjechuu qabu jedhu.
Ummatni akka tasgabbaa’u gochuufi ummata keessa seenanii mari’achiisuun barbaachisaa ta’uus Obbo Jawaar himanii, hariiroo mootummaan Oromiyaa naannolee biroo waliin qabu cimuun, nagaa walii tiksuufi dinagdee jabeessuufi hariiroo ummatootaarratti xiyyeeffannaan hojjetamuu qaba jedhan.
Paartiin ODP biyya kana gara sirna dimokraasiitti akka ceessisuuf amaanaa ummatni itti kenne qofaasaa bakkaan gahuu waan hindandeenyeef paartiilee siyaasaafi hayyoonni utubuu aka qabanis ni ibsu.
ODPn yeroo ammaa mootummaa naannoo Oromiyaa qofa osoo hintaane mootummaa federaalaallee geggeessaa waan jiruuf murtiin paartichi dabarsu kan sadarkaa naannoo qofa osoo hintaane sadarkaa biyyaatti ta’uusaa beekuun barbaachisaadha jedhan Obba Jawaar.
Bariisaa Mudde 5/2011
Natsaannat Taaddasaatiin
6 Comments to ““Warri kaleessa biyya saamaa turan qeerroorraa haaloo guddaa qabu” -Obbo Jawaar Mahaammad”