Federaalizimii tokkummaa cimsuu kaayyeffate

Humna tokkummaa biyyaa dhaadhessu duuchumatti balaaleffachuurra ‘tokkummaan biyyaa diigamee jira, tokkummaa keenya isa duriitti deebi’uu qabna’ maaf jedha yaada jedhu yoo ilaalle  gaarii ta’a.

Biyyooti caaseffama mootummaa tokko qaban (‘unitary governments’) hedduunsaanii takkaawuu mootummaa abbaa irreeti, ykn mootummaa cunqursaa (either dictatorships or totalitarian) jechuu dandeenya.

Aangoon baay’inaan giddugaleessa tokkotti kan kuufamee yoo ta’u, aangoo daran xiqqaa ta’etu mootummaa giddugaleessaatiin ala akka jiraatu taasifama. Murteewwan guguddoon mootummaas kan murtaa’an mootummaa giddugaleessaatiini. Murteewwan kunniinis bakkawwan hundatti karaa walfakkaatuun raawwatamu.

Humni tokkummaa kun dhimma tokkummaa biyyaarratti quuqama kan qabuufi tokkummaa kanas kan eegsisu qaama muraasa jedhee amana. Yoo ani aangoorra jiraachuu baadhe biyyi ni diigamti jedhee humna yaaduudha.  Biyya kana kan hundeessan saboota, sablammootaafi ummattoota jedhee fudhachuun biyya qoqqooduudha jedhee waan amanuuf biyya Itoophiyaa jedhamtu qofaaf beekamtii kennuu barbaada.

Sirni federaalizimii Itoophiyaan waggoota 27n darban hojiirra oolchaa turte federaalizimii waldeeggeruurratti hundaa’eedha (Cooperative Federalism).

Kanaan walqabatee sirna federaalizimii biyyi keenya  hordofaa turte keessatti duudhaa saboonni, sablammoonniifi ummattoonni biyyattii waliin qabaniif xiyyeeffannaan kennaa ture xiqqaadha jechuun ni danda’ama. Dhimmoota sabootaafi sablammoota biyya keenyaa walitti hidhan kaasuurra  garaagarummaa isaan gidduu jiru haalota adda addaatiin ibsuurratti bal’inaan hojjetamaa ture.

Adeemsi kanaan duraa  kun rakkoo mataasaa kan qabu ta’us, kaayyoon sirna Federaalizimii  garaagarummaaf beekamtii kennuun tokkummaa cimsuudha. Kana malees, Federaalizimiin aangoo diinagdeefi seera tumuu Mootummoota Naannoleef gadi kan buusuufi qaamoleen kunniin dhimmasaanii ofiin akka raawwatatan kan jajjabeessuudha.

Ka’umsi ykn uumamuu sirna federalizimii biyya kanaatiif dhimmoonni bu’uura ta’an sirnoota darban keessatti walitti dhufeenyi jallaa sabootaafi sabalammoota gidduu ture hiikuuf gabrummaan eenyummaa bu’uureffate (amantii, qooqa, seenaafi sabummaa giddugaleessa kan godhate) ta’uu isaati.

Mirgi uumamaafi seera lammiilee sarbamuu, uggura mirgoota  namoomaafi demokraasii, akkasumas nageenyi amansiisaafi wabii qabu jiraachuu dhabuufi rakkoon  bulchiinsaa gaarii  hamaan mudachuun uumama sirna kanaatiif akka sababa tokkootti fudhatamuu danda’a.

Kanarraa ka’uun  gabrummaa kana hiddaan  buqqisuudhaan  saboonni sablammoonniifi ummattoonni Itoophiyaa  gurmaa’anii sirna Fiwudaalaafi Abbaa Irree, Dargii burkuteessuudhaan injifannoo boonsaa gonfachuu danda’aniiru.

Eenyummaan sabootaafi sablammootaa  yommuu ka’u ammoo,  Heerri Dimokraatawaa Riippablikii Itoophiyaa wajjin ka’uun dirqama. Sababnisaas bu’uurri heerichaa sabootaafi sablammoota biyyaattii waan ta’aniifi.

Yaadrimeen heerichaas sanada waliigaltee saboonni, sablamoonniifi ummattoonni biyyattii wajjummaan hiree mirga ofii ittiin eegsisaniidha.

Sirni Federalizimii sabootaafi sablammiiwwan  hedduun walta’iinsaafi heddumminarratti karaa hundaa’een ykn tokkummaafi eenyummaasaanii ittiin dagaagsaniifi guddisaniidha.

Fedhii waliinii (‘common interest’) gabaa, waliin jireenya cimaafi walqunnamtii addunyaa keessatti dippiloomaasii cimaafi humna waljijjiirraa daldalaa waliin uummachuun jiruufi jireenya hawaasummaa keessatti haala gaariin waliin jiraachaa kan turaniidha.

Lamummaa biyya walinii, Alaabaa walinii, seenaa yeroo dheeraa weerartoota alaa waliin ittisuufi miira biyyummaa waliinii kanneen qabaachaa jiraniifi turaniidha. Ibsamoonni  eenyummaa garee jedhaman immoo mallattoowwan eenyummaa kanneen akka sabummaa sablamummaa, seenaa, qooqa, amantiifi hawaasummaafa’i.

Faayidaa guddaan sirna federaalizimii sirna heddummina ijaaruun saboonni, sablammoonniifi ummattoonni aadaa, seenaafi duudhaasaanii kunuunfachuun biyya waliin qaban Itoophiyaa  tokkummaan ijaaruudha.  Kana keessattis mirgi afaan ofiitiin barachuu, amantii barbaadan hordofuu, walqixxummaa amantiifi eenyummaasaanii calaqqisisuu guutuu qabu.

Yoo qaamni tokko ka’ee mirgootasaanii kanneen humnaan sarbuuf yaale ammoo, mirga ofiin of bulchuu, hiree ofii ofiin murteefachuu hanga fottoquutti kan jedhu Heera Mootummaa Federaalaa Rippaablikii Demokraatawaa Itoophiyaa, keewwata 39 keessa ifaan kaa’ataniiru.

Guyyaan heerichi itti ragga’e kana jecha Sadaasi 29 waggaa waggaadhaan sirnoota adda addaatiin waa’elchamee kabajamaa jira. Kan baranaas mataduree, “Tokkummaa Itoophiyaa Hedduminaan Miidhage” jedhuun yeroo 13faf keessummeessummaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetiin Sanbata darbe kabajameera.

Qopheessaarraa

Barreeffama kana qindeessanii kan nuu ergan maamila keenya yeroo maraa kan ra’an Obbo Hamtaamuu Damisee (Waajjira Caffee Oromiyaatti abbaa adeemsa hojii dhimmoota kominikeeshinii) guddaa galateeffanna.

Barisaa Mudde 5/2011

Bayyanaa Ibraahimiin

Recommended For You

5 Comments to “Federaalizimii tokkummaa cimsuu kaayyeffate”

  1. Pingback: Naga Games
  2. Pingback: hit789

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *