Eenyummaa sabaafi sablamootaa, Itoophiyummaa jalatti

Biyya ummata aadaafi duudhaawwan garagaraatiin nagaafi jaalalaan walutubee waliin jiraatu keessatti, biyya saboonniifi sablammoonni 76 ol keessa ijaarrataniifi amantiiwwan adda addaa hordofanitti dhaadannoo “biyya tokko, afaan tokko” jedhuun gidirfamaa turan.

“Aadaafi eenyummaa kee dhiisii isa kana fudhadhu” jedhamuun gidiraan sabootaafi sablammoota biyyattiirra gahaa ture warreen of dagatanii afaaniifi eenyumaasaanii itti qaaneffachuun deebisanii kunuunsuufis itti ulfaate manni haa lakkaa’u.

Tajaajiloota bu’uuraa kanneen akka barnootaa argachuufis maqaasaanii geeddarachuufi afaan dhalootasaanii gatanii kan biraa fudhachuun dirqama ta’uu bira darbee, dhimma filannoo hinqabne akka ture yaadannoo yeroo dhihooti.

Haalli eenyummaa sabootaafi sablammootaa ukkaamsuudhaan aadaafi duudhaasaanii dagatanii kan ormaa akka fudhataniif dirqisiisaa ture kun immoo akka jijjiiramuuf afaaniifi aadaan hundi haala walqixa ta’een akka keessummeeffamuuf gaaffiin ka’aa tures sirna gita bittoota durii irraa deebii ulee malee isa malu hinarganne.

Ummattootni aadaafi eenyummaansaanii ukkaamfamaa turan immoo carraa argame hundaan haalicha mormaa kan turan yemmuu ta’u, kufaatii mootummaa abbaa irree, Dargiitii booda dhaloota lammaffaa dhalataniiru.

Kufaatii sirnichaa hordofee gara aangootti kan dhufe sirni haaraan, dhimma eenyummaa, aadaafi duudhaa, akkasumas afaan sabootaafi sablammootaa walqixa ta’uu heera biyyaa irratti mirkaneesse.

Ergasii kaasee mana murtiitti turjumaana malee afaan ofiitiin falmachuun, barnoota afaan ofiitiin barachuun hunda caalaa immoo iddoowwan barbaadame hundatti aadaa ofii ibsachuufi ittiin boonuun isa dura humnaan itti fe’ame ofirraa darbuun tokko jedhee eegale. Inni dur aadaa Itoophiyaa jedhamee agarsiifamaa ture hafee kan sabootaa, sablammootaafi ummattoota biyyattii hundaan akka bakka bu’u taasifame.

Hunda caalaa immoo, waggoota 24 har’aa sadaasa 29 guyyaa heerri itti ragga’e saboota ,sablammootaafi ummattoota biyyattiitiif hiikkaa guddaa kan qabu yemmuu ta’u, guyyichi guyyaa ayyaana sabootaafi sablammootaa jedhamee akka kabajamu murtaa’e.

Bakka jireenyaa sabootaafi sablammootaa kan taate magaalaan Finfinnees guyyaa sabootaafi sablammootaa isa jalqabaa keessummeessuuf carraa argatte. Yeroo jalqabaatiifis saboonniifi sablammootni hedduu maqaasaaniiyyuu hin beekne aadaafi duudhaasaanii ifatti agarsiisan.

Finfinneetti aansuudhaan mana sabootaafi sablammoonni hedduu keessa jiraatan kan taate Hawaasaan guyyaa ayyaana sabootaafi sablammootaa isa 2fa keessummeessite.
Guyyaan ayyaanichaa 3fan qopheessummaa naannoo Oromiyaatiin handhuura Oromiyaa, Finfinneetti kabajame. Ittaansuudhaan magaalaan Dirre Dhawaa isa 4fa keessummeessuuf carraa argatte.

Ayyaanichi 5fan Finfinneetti, 6ffa Tigraayi, Maqaleettiifi kan 7fa ammoo naannoo Amaaraa, Bahaar Daaritti erga qophaa’een booda, naannolee guddinaan boodatti hafoo ta’aniif dabareen kenname.
Haaluma kanaan kabajni ayyaanichaa 8fan naannoo Sumaalee Jigjigaatti, 9fan naannoo Beenishaangul Gumuz Asoosaatti, 10fan Gaambeellaatti, 11fan Harariifi 12fan immoo naannoo Affaar, Samaraatti adeemsifameera.

Ayyaana yeroo 13faf baranaa kabajamu qopheessuuf immoo magaalaa guddoon biyyattii, Finfinneen dabareeshee irra deebiidhaan argattee haala adda ta’een qopheessuudhaaf haalduree hunda xumuruushee ragaan Mana Maree Federeeshiniirraa argame ni mul’isa.
Kabajamuun guyyaa sabootaafi sablammootaa kun aadaafi duudhaa ofii beeksisuufi isa biroo immoo barachuu qofa osoo hintaane, garaa garummaasaanii keessatti tokkummaa jabaan akka uumamuufis ergaawwan gara garaa irratti darbaa turaniiru.

Ummattootni biyyattii cunqursaa aadaa, duudhaa, eenyummaafi afaanii jala turan kunniin ayyaanota hanga ammaatti kabajamaa turan keessatti rakkoo tokko malee of ibsachaa turaniiru. Ayyaanota hanga ammaatti kabajamaa turanirratti tokkummaa Itoophiyummaa irratti hojii quufsaan kan hin hojjatamne ta’uu Afyaa’iin Mana Maree Federeeshiinii mootummaa RFDI, Aadde Keeriyaa Ibraahim ni ibsu.

Aadaafi afaan ofiitiin boonuun bakka tokkummaan biyyaalessummaa hinjirretti guutuu ta’uu kan hindandeenye ta’uufi hanqinoota waggoota 12n ayyaanicharratti mul’ataa turan akka hindabalamneef isa baranaa haala adda ta’een kabajuuf qophaa’uusaaniis ni dubbatu.
Konfiransiin nageenyaa iddoowwan garagaraatti gaggeeffamaa tures qaamuma ayyaanichaa yemmuu ta’u, ummattoota walitti bu’iinsa yeroowwan garagaraatti uumameen walkomachaa turan araarsuudhaan garaagarummaa ummattootaa keessatti tokkummaan biyyaalessaa cimaa ta’e akka uumamuuf hojjatamaa jiraachuu himu.

Walumaagalatti, kabajni ayyaana guyyaa sabootaafi sablammootaa jalqabaa kaasee hanga ammaatti ture injifannoo cululuqaa hedduun kan deggarame yemmuu ta’u, afaan, aadaafi duudhaan sablammoota cunqurfamoo hedduus waltajjii akka argatu taasiseera.
Injifannoon gama kanaan jiru akkuma jirutti ta’ee garuu, hunduu kan saba ofii qofa hafarsuudhaan waan tokkummaa biyyaalessaa fiduu danda’u dagachuun mul’ateera.

Kanaaf, guyyaan sabootaafi sablammootaa garaagarummaa aadaafi duudhaan sabootaafi sablammootaa qofti kan irratti calaqqisu osoo hintaane, tokkummaan biyyaalessaas kan irratti mirkanaa’u ta’uu qaba.

Gaazeexaa Bariisaa

Bayyanaa Ibraahimiin

Recommended For You