Rakkoo nageenya  Oromiyaa lixaarratti qaamolee dhimmi ilaallatu wajjin mari’atame

Finfinnee: Gareen jila Xiinxalaa Siyaasaafi Daarektara OMN Obbo Jawaar Mahaammadiifi Hogganaa Ittaanaa, Kongirasii Federaalistii Oromoo, Obbo Baqqalaa Garbaatiin durfame rakkoo nageenyaafi tasgabbii dhiyeenya Oromiyaa Lixaa mudate sababeeffachuun garasitti imaluunsaa ni yaadatama.

Dhimmicha ilaalchisuun dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif ibsa kan kennan Obbo Jawaar Mahaammad akka jedhanitti, kaayyoon imala isaanii walitti bu’iinsa loltoota ABOfi mootummaa akkasumas rakkoo walitti bu’iinsa daangaa Beenishaangul Gumuziifi Oromiyaa gidduutti uumame qabatamaan mil’achuudha.

Ummata  yeroo qabsoo qajeelfamasaanii fudhatee aarsaa guddaa baasaa ture yeroo rakkoon isa mudatu irraa fagaachuu hinbarbaanne kan jedhan Obbo Jawaar, rakkoo, gaaffiifi komii ummataa qabatamaan dhagahuufi arguuf gara magaalota Oromiyaa Lixaa Naqamtee, Gimbii, Dambi Doolloo, Najjoo, Mandii akkasumas gara naannoo Beeniishaangul Gumuz, Magaalaa Asoosaatti ce’uun iddoo bakka bu’ootni ABOfi ODP argamanitti ummata wajjin mari’achuusaanii ibsu.

Gaaffiileen ummanni maricharratti kaase waliigalaan dhimma nageenyaa, misoomaafi bulchiinsaa irratti kan xiyyeeffatan ta’uus eeranii, walitti bu’iinsi daangaa akkasumas waraana ABOfi mootummaa gidduutti uumameen walqabatee rakkoon akka jiru hubachuusaanii ibsu.

Oromiyaa Lixaatti bu’uuuraalee misoomaa babal’achuu dhabuun, daldaltoonni ammoo sababa qabbannaa’uu daldalaatiin liqii baankii deebisuu dadhabuufi jijjiiramni caasaa mootummaa gara oliitti  eegalame gadijallaatti laamsha’aa ta’uun rakkoolee ijoo ummatni kaase ta’uu dubbatu.

“Daangaa bulchiinsaa keenya kabajamaa hinjiru, namni nu bira dhaabbatu hinjiru” jechuun walsodaachuun ni mul’ata kan jedhan Obbo Jawaar, gaaffiilee ummatni kaaserraa walshakkiin jiraachuu hubachuusaaniis ni eeru.

Ummatni mootummaarratti abdii kutatee xiiqiifi aarii keessa galuusaa hubanneerra kan jedhan Obbo Jawaar, mootummaanis caasaasaa gadjallaatti laamsha’e akka jabeeffatu, paartiileenis miira of eegganaatiin akka socho’an gaafatamuusaa beeksisaniiru.

Dhimma daangaarratti raayyaa ittisa biyyaafi poolisii Oromiyaa wajjin mari’achuusaaniis ibsanii, poolisii Oromiyaa daangaa bulchiinsaa kabachiisuuf hidhannoo gahaa akka hinqabneefi hojii hojjetaniif ummataafi mootummaa biraa galata gahaa argachaa akka hinjirre dubbatu.

Raayyaan ittisa biyyaa ammoo loltootaafi ummata naannawichaaa wajjin walitti bu’aafi gubbaadhaan ammoo kan nu ajaju Oromoo waan ta’eef  rakkoo keessa jirra jedhu. Gama Beniishaangul Gumuzitti yeroo ceenu daandiin gama Oromiyaatiin isaanitti cufamee waan jiruuf daandichi akka isaaniif banamu gaafataniiru jedhu.

Finfinneetti deebi’aniis waantota hubatanirratti pirezidaantii BMNO Obbo Lammaa Magarsaa, Hayyu Duree ABO Daawud Ibsaafi Shuumii Itaamaajoorii ittaanaa raayyaa ittisa biyyaa, Jeneraal Birhaanuu Juulaa wajjin mari’achuusaanii Obbo Jawaar ibsaniiru.

Kanaanis qaamoleen kunneen koree waliinii hundeessanii yeroo gabaabaa keessatti haalli itti loltoonni ABO bosona keessaa bahanii raayyaa ittisa biyyaafi poolisii Oromiyaatti makamaniifi mootummaafi ABO gidduutti walamantaan caalaatti uumamurratti mari’anneerra jedhan.

Bariisaa sadaasa 21/2011

Natsaannat Taaddasaatiin

 

Recommended For You

5 Comments to “Rakkoo nageenya  Oromiyaa lixaarratti qaamolee dhimmi ilaallatu wajjin mari’atame”

  1. Pingback: university
  2. Pingback: eft hacks

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *