Finfinnee: Ji’oota saglan darban keessatti jijjiiramootni siyaasaa galmaa’an kan hedduu abdii namatti horaniidha. Mootummaan sirna ijaarsa dimokraasii bu’uura hinsochoonerra dhaabuuf haala adda ta’een tattaaffii walirraa hincitne gochuurratti argama. Kana itti fufsiisuuf gaheen jaarmiyaalee siyaasaa hangami? Kallattiin gara fuulduraa hoo? Dhimmoota kanneen irratti bakka bu’ootni paartiilee siyaasa Oromoo afur Korporeeshinii Oromiyaa Biroodkaastiingii Neetwoorkii waliin tibbana marii taasisaniiru.
Obbo Qajeelaa Mardaasaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) irraa kan bakka bu’an yoo ta’u, paartiinsaanii sagantaafi tarsiimoo ammayyaawaa kan qabu ta’uu dubbatu. Kanaanis baroota hedduuf mirga abbaa biyyummaa ummata Oromoofi hiree ofii ofiin murteeffachuuf qabsoo hadhaawaa taasisaa tureera; har’as mirgootniifi walqixxummaan sabootaa akka mirkanaa’uuf hojjechaa jirraa jedhu.
Wayita ammaa jijjiiramootni siyaasaa mul’achaa jiran seenaa Itoophiyaa keessatti kan jalqabaati kan jedhan Obbo Qajeelaan, keessumaa qabsoo ummatni Oromoo waggoota hedduuf taasiseen dhugoomuusaa eeru. Paartiinsaaniis jijjiiramoota siyaasaa argamaniif qabsoo guddaa gaggeessuun dirqamasaa bahachaa turuusaa ibsu.
Jijjiiramoota mul’achaa jiran kanneen ceesisuuf ammoo mootummaa qofarratti gatuun sirrii waan hintaaneef, jaarmiyaaleen siyaasa Oromoo siyaa’inaan hojjechuu akka qaban himaniiru. Gaaffiileen ummatni Oromoo gaafachaa ture hedduudha jedhanii, kallattiilee addaddaarra deemaa deebisuun akka hindanda’amne ibsaniiru. Kanaaf ammoo dhimma eenyummaa, abbummaafi faayidaa Oromoorratti akka qaama tokkootti socho’uun murteessaadhaa jedhan.
Obbo Amiin Jundii ammoo Adda Bilisummaa Oromoo Tokkoomerraa bakka bu’uun waltajjicharratti hirmaataniiru. Akka isaan ibsanitti, jijjiiramoota siyaasaa biyyattiitti galmaa’aa jiran ceesisuuf paartiileen morkattootaa gahee olaanaa qabu. Paartiinsaaniis waamichaa mootummaan taasise fudhachuun guutummaa Oromiyaatti karaa nagayaan sochii taasisaa kan jiru yoo ta’u, hojiilee ummata Oromoo fayyadan hojjechuuf garuu kaawwan waliin walitti dhufuun murteessaadha jedhan. Jijjiiramootni siyaasaa dhufan keessumaa Oromoof hiika kan qaban yoo ta’u, ceesisuuf tokkummaan socho’uun dirqama ta’uu dubbataniiru.
Qaamoleen jijjiiramoota argaman duubatti deebisuuf wixxirfachaa jiran lakkoofsaan xiqqaa miti kan jedhan Obbo Amiin, dura dhaabbachuuf waldhaggeeffachuufi afaan tokko dubbachuun barbaachisaadha jedhaniiru. Keessumaa ammoo yeroon itti mirgaafi faayidaa Oromoorratti tokkummaa diigamuu hindandeenye ijaarratan amma ta’uu hubachiisaniiru.
Bakka bu’aan Kongiransii Federaalistii Oromoo (KFO), Obbo Xurunaa Gamtaa gamasaaniin akka dubbatanitti, jaarmiyaaleen siyaasaa Oromoo kallattii adda addaatiin hundeeffamuun socho’aa turaniifi jiran hedduudha. Ta’us, hiree, mirgaafi faayidaa ummata Oromoo eegsisuuf ykn kabachiisuuf qindoominaan hojjechaa akka hinturre himanii, kanaanis gaaffiileen Oromoo deebii osoo hinargatiin har’a gaheera jedhu.
Har’a garuu qabsoo ummatni Oromoo finiinseen jijjiiramootni siyaasaa akka dhugooman taasisaa waan jiruuf, keessumaa jaarmiyaaleen siyaasa Oromoo dhaabbatummaadhaan gaggeeffamuu akka qaban ibsaniiru. Kunis, dhimma Oromoorratti akka qaama tokkootti waliin socho’anii hojjechuu akka qaban himan.
Obbo Taayyee Danda’aa ammoo bakka bu’aa ODP yoo ta’an, jijjiiramoota siyaasaa ji’oota muraasa keessatti argaman kunuunsuufi ceesisuuf tumsi paartiilee morkattootaa haftee kan hinqabneedha jedhu. Isaanis waa lama hubachuu qabu jedhanii, tokko rakkoolee biyyattii adda baasuufi qaama furmaataa ta’anii argamuu, kan lammaffaa ammoo paartiileen morkattootaa walii waliiniisaanii gidduutti walamantaa uumuuf tattaafachuu akka qaban eeran.
Gaaffiileen ummatni Oromoo kaasaa ture bal’aa ta’uu kan eeran Obbo Taayyeen, “ODPn qofaasaa deebisuu hindanda’u; humna jaarmiyaalee siyaasaa dabalachuun dirqama. Yeroo tokkotti rakkoolee jiran mara furuunis ulfaataa waan ta’eef suuta suuta waldhaggeeffachaa ijaarsa sirna dimokraasii tarkaanfachiisuun murteessaadha” jedhan.
Fuuldureen Oromoo ifaa waan ta’eef, jaarmiyaaleen siyaasa Oromoo akka qaama tokkootti waliin socho’uu akka qaban waltajjii maree taasifamerraa hubatameera. Kana waliinis kutaalee hawaasa Oromoo hunda tokkoomsuuf carraaqqii walirraa hincitne gochuun qabsoo ittaanu kan ceesisu ta’uunis eerameera.
Bariisaa sadaasa 21/2011
Takkaalliny Gabayyootiin
8 Comments to “Jijjiramoota siyaasaa argaman ceesisuuf sochii paartiilee morkattootaa”