“Walitti bu’iinsa eenyummaarratti hundaa’e furuun harkuma keenyarra jira”

Finfinnee: Itoophiyaan baroota hedduuf heddummina aadaa, duudhaa, afaaniifi amantii sabootaa, sablammootaafi ummattootaa keessummeessaa turteetti; har’as kabajaa jirti.   Wayita ammaa garuu naannawawwan biyyattii addaddaatti rakkooleen nageenyaa tokkummaa biyyaatiif yaaddoo cimaa ta’an mul’achaa jiru. Kana hundeerraa furuufis Ministeerri Nagaa magaalota addaddaatti konfiransii nageenyaa adeemsisuurratti argama.

Har’aas konfiransiin nageenyaa mataduree, “nagaafi dhugaa yaa jaalannu” jedhuun gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, dura buutonni amantii, qorattoonni seenaafi ogeessotni siivikii irratti hirmaataniiru. Waltajjii kanarrattis Pirofesar Hizqiyaas Asaffaa walitti bu’iinsa yaaddoo biyyattii ta’aa jirurratti yaada ka’umsaa dhiyeessaniiru.

Haala kanaan, rakkooleen nageenyaa mul’achaa jiran tokkummaa Itoophiyaatiif dhimma daran yaaddessuudha. Kunis, waliti bu’iinsotni eenyummaarratti hundaa’an kanneen akka waldhabdee sabummaa, afaanii, aadaa, amantii, gosaafi halluutiin mul’achaa jiran daran babal’achaa jiru.

Walitti bu’iinsota bifa kanaan mul’achaa jiranirratti si’aayinaan tarkaanfiin sirreessaa fudhatamuu qaba jedhanii, ta’uu baannaan taateewwan kanaan dura Ruwaandaa, Burundii, Yugozlaaviyaafi Kiruushiyaatti raawwataman akka fakkeenyaatti eeraniiru.

Biyyootni eeraman kunneen seenaa badaa dur raawwatameen har’allee rakkachaa akka jiran ragaa qorannoo yeroowwan darban keessa taasisan wabeeffachuun ibsanii, ‘bishaan badii’ ummata biyyattii osoo fudhatee hindeemiin dhaabsisuun ammoo dirqama hundaa ta’uu hubachiisaniiru.

Walitti bu’iinsi eenyummaarratti hundaa’ee mul’achaa jiru samiirraas biyya biroorraas kan dhufe miti kan jedhan Pirofesar Hizqiyaas, kunis rakkoo kan uumaa tureefi jiru, akkasumas furmaannisaas harkuma Itoophiyaanotaa kan jiru ta’uu dubbatu.

Nageenya biyyaa eegsisuuf akka waan gahee mootummaa qofa ta’eetti fudhachuun sirrii akka hintaanes ibsanii, keessumaa dura buutonni amantii waa’ee nageenyaa kadhachuu, hordoftoota amantiisaanii barsiisuufi qayyabachiisuun murteessaadha jedhan. Waa’ee jaalalaa, waldanda’uufi nagaan waliin jiraachuu sirnaan barsiisuufi qajeelchuun dirqama abbootii amantii ta’uus eeraniiru.

Hayyootni, artistootni, barsiisotniifi ogeeyyiin miidiyaas dhimma nageenyaarratti osoo yeroon jiruu tokko ta’anii hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.

Martinuu akka qaama tokkootti yoo socho’e malee walitti bu’iinsa eenyummaarratti hundaa’ee mul’achaa jiru kana dhaabsisuun kan hinyaadamne ta’uus hubachiisaniiru.

 

Dhaabbata Pireesii Etoophiyaa

Takkaalliny Gabayyootiin

Recommended For You

3 Comments to ““Walitti bu’iinsa eenyummaarratti hundaa’e furuun harkuma keenyarra jira””

  1. Pingback: university

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *