Finfinnee: Jijjiirama siyaasaa biyyattii keessatti mul’achaa jiruun walqabatee qaamoleen fedhiifi faayidaansaanii kallattii hundaan tuqame ummattoota baroota hedduu waliin jiraachaa turan walitti buusaa turaniiru. Kanarraa kan ka’e lammiileen daangaarra jiraatan hedduun badii tokko malee qe’eefi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniiru; kaan ammoo lubbuusaanii dhabaniiru.
Naannoo Beenishaangul Gumuzitti godinni Kaamaashii godina Wallagga Bahaafi Lixaa waliin bal’inaan waan waldaangessuuf lammiilee hedduun buqqaafamuun magaalaa Naqamteefi Gimbii, akkasumas naannawa magaalota kanneenii buufachuun rakkoo hawaas-dinagdeef saaxilamaniiru.
Kutaaleen hawaasaa keessumaa qeerroofi qarreen, dhaabbileen amantiifi hojjettootni mootummaa itti fufiinsaan deggarsa gochaa turaniiru. Mootummaanis ragaalee lammiilee buqqa’anii qindeessuun deggarsa midhaan nyaataafi meeshaalee addaddaa taasisaa jiraachuusaa Komishiniin Hoggansa Hojii Sodaa Balaa Oromiyaa ibseera.
Komishinarri ittaanaa komishinichaa Obbo Garramuu Oliiqaa Kibxata darbe lammiilee buqqa’aniif deggarsa mootummaan taasisaa jiru ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Akka isaan jedhanitti, erga rakkoon kun uumamee kaasee Bulchiinsi mootummaa Naannoo Oromiyaa mootummaa federaalaafi dhaabbilee tola ooltotaa waliin ta’uun gargaarsa hatattamaa kennaa tureera; ammas gochuurratti argama.
Kanaanis hanga ammaatti hawaasa godina Wallagga Bahaa keessa qubataniif midhaan nyaataa dhibbantaa 85fi meeshaalee barbaachisan ammoo dhibbantaa 15, akkasumas godina Wallagga Lixaaf midhaan nyaataa dhibbantaa 85fi meeshaalee addaddaa dhibbantaa 50 geessisuun danda’ameeraa, jedhan. Kunimmoo hanga ammaatti mootummaan qarshii miliyoona 33 ol baasii gochuun deggarsa walirraa hincitne taasisaa kan jiru ta’uusaati.
Akka ibsa Obbo Garrammuutti, deggarsi mootummaafi qaamoleen garagaraa taasisaa turan gahaa ta’uu baateyyuu lubbuu lammiilee baraaruu danda’eera. Iddoowwan lammiileen qubatanitti haala barbaadamuun dhaqqabsiisuuf garuu rakkooleen garagaraa isaan mudachaa turuusaas ibsanii, daandiin gara Kaamaashiitti geessu sababa rakkoo nageenyaan cufamuu, abbootiin konkolaachistootaa garasitti imaluuf fedhii dhabuu, haala roobaafi qaamoleen qabeenya gargaarsaan argame raabsan muuxannoo dhabuusaanii akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Ta’us, rakkoolee mudachaa turanirraa barumsa argachuun adeemsa keessa fooyya’uu danda’eeraa jedhu. Deggarsa kallattii hundumaan taasifamaa jirus komishiniin isaanii yeroodhaa yerootti to’annaafi hordoffii waliraa hincitne gochuurratti akka argamus eeraniiru. Keessumaa ammoo daa’immaniifi dubartootaaf xiyyeeffannaan addaa kan kenname yoo ta’u, deggarsa taasifamaa jiruun alatti nyaatni madaalamaa kennamaa jira; kanaan boodas hanga qe’eefi qabeenyasaaniitti deebi’anitti kan itti fufudhaa jedhaniiru.
Lammiilee magaalaa Kaamaashii keessa qubataniif garuu deggarsi mootummaafi tola ooltotaa dafee kan hinqaqqabne ta’uusaa himanii, daandiin guutummaatti cufamuusaa akka sababaatti kaasaniiru. Ta’us, qindoomina raayyaa ittisaafi poolisii federaalaan deggarsa hanga tokko gahuu danda’eeraa jedhan.
Hawaasa buqqa’an gara qe’eesaaniitti deebisuuf nageenyi waaraa mirkanaa’uu qaba. Kana dhugoomsuuf ammoo mootummootni naannolee marii hawaasaa gaggeessaa jiraachuusaanii beekameera. Hangasitti garuu lammiilee kanneen gargaaruuf hunda tumsa gochuu akka qabus yaadachiifameera.
Dhaabbata Pireesii Etoophiyaa
Takkaaliny Gabayyootiin
4 Comments to “Buqqaatotaaf deggarsi qarshii mil. 33 taasifameera”