Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn), dhaaba mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoo qabatamaan mirkaneessuuf waggoota 40 oliif qabsoo hidhannoo taasisaa ture yoo ta’u, waldhabdee yeroo mootummaa cehumsaa uumameen dhiibamee akka biyyaa bahu godhame.
Turtii qabsoo hidhannoo waggoota 26 booda mootummaan haaromsaa uummataan ijaarame waamicha qabsaa’ota qabsoo hidhannoorra jiraniif taasiseen ABO gara biyyaatti deebihuun qabsoo nageenyaa filannoo godhateera. ABOnis kanuma bu’uureffachuun gara biyyaatti deebi’uun sochii addaddaa taasisaa jira. Sochii waliigala dhaabichaa ilaalchisee Dubbii Himaan ABO, Obbo Toleeraa Adabaa Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaa waliin turtii taasisan akka armaan gadiitti dhiyeessineerra.
Bariisaa: ABOn siyaasaan caalee argamuuf sochiinsaa maal fakkaata?
Obbo Toleeraa: ABOn karaa nagaan qabsaa’uuf erga gara biyyaatti deebi’ee magaalaa guddoo Oromiyaa, Finfinneerraa kaasee hanga aanaatti gadi bu’uun deggartootasaafi miseensotasaa akkaa jajjabeesse akeeka dhaabichaa ibsaa tureera. Oromiyaan alattis bakkeewwan Oromoonni jiran deemanii ibsawwan garagaraa, akkasumas hojii jaarmiyaan siyaasaa tokko hojjechuu malurratti hojiin hubannoo uumuu raawwatamaa tureera.
Jaarmiyaalee Oromoo garagaraa waliinis mari’achuuf, dantaa ummata Oromoo qabatamaan mirkaneessuuf mariin walirraa hincinne taasifamaa tureera; fuuldurattis kan ittifufu ta’a. Konfiraansiin hayyootaafi barattoota hirmaachisan guguddoon gaggeeffamaniiru.
Bariisaa: Karaa nagaafi dimokraatawaan qabsaa’uuf erga gara biyyaatti deebitanii as Boordii Filannoo Biyyaalessaatti galmaa’uun imaammataaf tarsiimoo keessan ummataaf ifa gootaniittuu?
Obbo Toleeraa: ABOn jaarmiyaa haaraa waan hintaaneef akka haaraatti galmaa’uu hinqabu. Boordiin Filannoo Biyyaalessaa nu beeka. Bu’uuruma kanaan dhaaba buleessa ta’uu keenya xalayaadhaan beeksisuun ala akka haaraatti galmaa’uun hinbarbaachisu. Bara 1983 dhaaba seera qabeessaafi dimokraatawaa ta’ee galmaa’eera. Irra deebiin galmaa’uun kan hinbarbaachisne ta’uu beeknee beekamtii qabnuun akka nu galmeessaniif xalayaadhaan Boordii Filannoo Biyyaalessaa gaafanneerra.
Bariisaa: Ejennoo keessan kanaaf deebiin Boordii Filannoorraa isinii kenname yoo jiraate maal kan jedhuudha?
Obbo Toleeraa: Boordichi bifa haaraadhaan galmaa’aa jechaa jira. Kana ammoo nuti sirriidha jennee hinfudhannu. Seera qabeessummaan keenya akkuma duriitti ittifufuu qaba malee galmeessi haaraan barbaachisaa ta’ee nutti hinmul’atu.
Bariisaa: Ilaalcha dogoggoraa namoonni tokko tokko dhaaba kanaaf qabanirratti maal jettu?
Obbo Toleeraa: ABOn seenaa dheeraa qaba. Dhaabni kun jaarmiyaa sabummaa yeroo jalqabaatiif akka biyyaatti ijaarame waan ta’eef, namoonni muraasni ilaalcha dhaaba kanaaf qaban gadaanaa akka ta’u taasiseera. Keessumaa bara Hayilasillaaseetii jalqabee duulli maqaa ABO gurraachessuu mul’achaa tureera.
Sirna Dargii keessas shirri maqaa ABO gurrachessuufi namoota biratti akka jibbamu taasifamaa tureera. Kunis ijaaramuun ABO, ‘tokkummaa Itoophiyaa diiga’, ‘biyya fottoqsa’ ilaalcha jedhuun dhiibbaan dhaabicharra ture daran hammataadha.
Kanarraa kan ka’e saboonni biroollee ilaalcha gaarii ta’e dhaabichaaf akka hinqabaanne taasiseera.
Kufaatii Dargiitii boodas gochi maqaa addichaa gurraachessuu kun kallattiilee garagaraatiin geggeeffamaa tureera. Ilaalchi kun babal’achuunsaa saboota biroo keessatti sodaafi shakkii uumeera.
Sirnoonni kunniin olaantummaa gama miidiyaatiin qabanitti fayyadamuun dokimantarii sobaa qopheessanii maqaa ABO gurraachessuurra darbanii akka sabootni biroo jibba horatan akka taasisaa turaniiru.
ABOn garuu walqixxummaa sabootaa, sablammootaafi ummattootaatti kan amanu, olaantummaa seeraa kan fudhatuufi mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu sabootaatiif kan qabsaa’uudha malee dhaaba biyya diiguuf hojjetu miti.
Ilaalcha jibbiinsaa jaarmiyaa kanarra jiru haquuf qabsoo guddaan taasifamaa tureerra. Sabootaafi sablammoota biroo waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuufis qabsoo guddaa gochaa turreera. Bu’aan gama kanaan argames jajjabeessaa waan ta’eef kan ittifufu ta’a.
Bariisaa: Ilaalcha ummanni Oromoo ABOf qabu hoo akkamitti ibsitu?
Obbo Toleeraa: Qabsoo ABO taasisaa ture ummatni Oromoo mirga hiree ofii ofiin akka murteeffatuuf waan ta’eef caalaatti akka jaalatamu ta’eera. Kana waliinis sirna cunqursaa dhabamsiisuuf qaxalummaan dhaaba hojjetaa turedhas.
Keessumaa lammiileen biyyattii marti mootummaa nuuf ta’a jedhaniin akka bulaniif kan qabsaa’aa ture yoo ta’u, ummatni Oromoo mirga abbaa biyyummaasaa akka mirkaneeffatuuf qabsoo walirraa hincitne taasisaa tureera. Dhimma Oromootiif jechas aarsaa qaaliifi wareegama hadhaawaa kaffalaa turuunsaa daran akka jaalatamu taasiseera.
Bariisaa: Jaarmiyaalee Oromoo biroo waliin qindooftanii siyaasa Oromoo cimsitanii baasuuf sochiin taasistan jiraa? Paartii kam waliin qindooftanii hojjechuuf karoorfattan?
Obbo Toleeraa: Ijaarsa dimokraasii babal’isuuf hanga kaanetti ODP, KFOfi kanneen biroo waliinillee hojjechuuf kutannoo qabnu qabatamaan agarsiisuuf hojiitti seenneerra. Keessumaa KFO waliin ijaaramnee jaarmiyaa Oromoo cimaa tokko ijaarree dhimma Oromoofi Oromummaarratti hojjechuuf hojiitti seenneerra.
ABOn mootummaa federaalaa waliinis ta’e kan naannoo wajjin dhimmirratti waldhiban hinjiru. Jaarmiyaa dimokraasii ijaaruuf sochoonu waan ta’eef garaagarummaa hinqabnu. Rakkoon mul’achaa jiru seera barreeffamee taa’e hojiitti hiikuu dhabuudha. Jijjiiramni yeroodhaa yerootti mul’achaa jiru garuu kan jajjabeeffamuudha.
Bariisaa: ABOn hoggansa haaromsaa kana akkamiin ilaala?
Obbo Toleeraa: Hoggansi haaromsaa ykn jijjiiramaa kun erga hundaa’ee reefu ji’a saddeet kan lakkoofsise ta’ullee tarkaanfiiwwan yeroo gabaabaa keessatti fudhatamaa jiran daran kan nama gammachiisaniifi abdii kan namatti horaniidha. Dirreen dimokraasii akka bal’atuufis carraa uumeera. ABOn kana itti fufsiisuuf deggarsa barbaachisu ni taasisa.
Bariisaa: Mudannoon bara 1984 ykn yeroo cehumsaa sun ammas ABO mudachuu danda’a kanneen jedhan jiru. Yaada kanarratti maal jettu?
Obbo Toleeraa: ABOn jaarmiyaa jeequmsa uumu osoo hintaane jaarmiyaa nagaa buusuuf, haqa mirkaneessuufi hiree ofii ofiin murteeffachuu qabatamaan mirkaneesuuf qabsaa’aa tureefi juruudha.
Bara 1984 mootummaa cehumsaa keessaa kan baase qaamolee saamicha ummata Oromoofi Itoophiyaarratti gaggeessuuf kaayyeffataniifi ijaarsa sirna dimokraasii hinbarbaanne ture.
Saamtotni kunnniin bakka ABOn jirutti gochi hannaa kan isaaniif hinmilkoofne ta’uu ejjennoo dhaabichaarraa waan hubataniif, ABOn akka biyyaa bahu godhan.
Bariisaa: Dhaabni keessan sirna federaalizimii biyyattiin hordofaa jirtu akkamiin ilaala?
Obbo Toleeraa: ABOn Oromoon akka kabajamuufi hiree ofii ofiin akka murteeffatuuf malee qaamni biraa akka murteessuufiif kan eeyyamu miti. Sirni dimokraatawaan ijaaramu kamuu deggarsa ummtaa kan hinqabne yoo ta’e hiika hinqabu. Sirni federaalizmii hojiirra oolaa jiru kun waraqaarra qubachuun alatti hojiitti hinhiikamne. Kun ammoo waldhabdeewwan mudatan tokko tokkoof sababa ta’aa waan jiruuf qabatamaan hojiitti hiikamuu qaba.
Bariisaa: Qaamonni maqaa ABO daheeffachuun yakka dalagan jiraachuusaanii himamaa jira. Kun hangam dhugaadha?
Obbo Toleeraa: Qaamoleen maqaa ABOtiin yakka dalagaa turan jiraachuun sirriidha. Kun ammoo maqaa jaarmiyichaa gurraachessuuf shira wixinameedha. Qaamoleen kunneen ABO kan bakka hinbuune yoo ta’an, to’annoo seeraa jala oolanii qoratamaa jiru.
Bariisaa: Tarkaanfii mootummaan hattootarratti fudhachaa jiru akkamiin ilaaltu?
Obbo Toleeraa: ‘Hattuun hattuudha’ yoo hinjenneen hattummaashii irraanfatti. Kan saamame qabeenya ummataa hamma ta’etti tarkaanfiin eegalame cimee ittifufuu qaba. Sochii gama kanaan mootummaan taasisaa jiru sadarkaa naannoleetti gadi bu’ee hattootni seeratti dhiyaachuu qabu. Dhaabni keenya tarkaanfii kana ni deggara.
Bariisaa: Turtii nu waliin taasistaniif maqaa kutaa Qophii Gaazexaa Bariisaatiin isin galateeffanna.
Obbo Toleeraa: Sochii ABO xiyyeeffannoo keessa galchuun gafdeebii nunwajjin taasistaniif nutis isin galateeffanna. Horaa bulaa! Ijaafi gurra ummataa nuuf ta’aa!
Dhaabbata Pireesii Etoophiyaa
Waasihun Takileetiin
8 Comments to ““ABOn jaarmiyaa haaraa waan hintaaneef akka haaraatti galmaa’uu hinqabu””