Shaapiyoonaan liigii piriimeerii marsaan duraa xumurame

Finfinnee:Waggaa waggaadhaan kilaboota liigii piriimeerii Itoophiyaa jiddutti kan adeemsifamu shaampiyoonaan kubbaa miilaa baranas kilaboota 16n jidduutti adeemsifamaa jira.

Bulchiinsa magaalaa Finfinneefi Dirree Dawaa dabalatee kilaboota naannolee Ummatoota Kibbaa, Oromiyaa, Amaaraafi Tigiraayi jidduutti adeemsifamaa kan jiru shaampiyoonaan kun, marsaa duraa torban kana keessa xumurameen kilabni Naannoo Tigiraayi Maqalee Indartaa 70 dursaa jira.

Shaampiyoonaan kun ji’a Onkololeessaa bara 2011 irraa kaasee magaalota naannolee adda addaatti adeemsifamaa kan jiru yoo ta’u, kilabni Tigiraayi dursaa kan jiru qabxii 29n ta’uusaa beekuun danda’ameera.

Kilabni Maqalee Indartaa 70 liigii piriimeerii Itoophiyaatti kan ce’e bara 2011 yoo ta’u, yeroo gabaabaa keessatti dargaggootaan ijaaramuudhaan kilaboota muuxannoo waggoota dheeraa qaban caaluudhaan dursa qabatee jira.

Bunni Sidaamaa qabxii 27n sadarkaa lammaffaa, kilabni hangaftichi Qiddus Giyoorgis ammoo qabxii 26n sadaffaa, Hawaasaafi magaalaan Faasiil qabxii walfakkaatu 24n sadarkaa arfaffaafi shanaffaarratti argamu.

Baahirdaar, Adaamaafi Bunni Itoophiyaa garaagarummaa galchaan walcaalanii qabxii 22, Walwaaloo Adigraat qabxii 20n sadarkaa jahaffaadhaa hanga saglaffaarratti argamu.
Raayyaan Ittisaa qabxii 16n, Walaayitaa Dichaa qabxii 15niin, Dirree Dawaafi Jimmaa Abbaa Jifaar galchaan walcaalanii qabxii 14n sadarkaa kurnaffaadhaa hanga kudha sadaffaarratti argamu.

Shaampiyoonaa baranaa kanatti baranuma kan makamee kilabni Ummatoota Kibbaa kan ta’e Poolisiin Kibbaafi kilabni Tigiraay Shiree Indasillaaseen walqixa qabxi 11n, Dadabit qabxii afuriin gara liigii biyyaaleessaatti gadi dacha’uuf sadarkaa dhumaarratti argamu.

Walmorkiiwwan torban kana adeemsifamanitti Raayyaan Ittisaa Buna Itoophiyaa, Hawaasaan Dadabit qabxii wal akkaatuun 1-0n, Walaayitaa Dichaa Qiddus Giyoorgis 2-0n, Magaalaan Faasiil Shiree 3-0n, Maqaleen Dirree Dawaa 2-1n mo’ataniiru.

Akkasumas gara liigii biyyaaleessaatti gadi bu’uuf sadarkaa 14farratti kan argamu Poolisiin Kibbaa Shaampiyoona bara 2010 kan ta’e kilaba Jimmaa Abbaa Jifaar 6-1n yoo gaggeesu, Bunni Sidaamaafi Walwaaloo Adigiraat, magaalaan Baahir Daariifi Adaamaan galcha malee 0-0n adda bahaniiru.

Tashoomaa Qadiidaa

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *