Injifannoo siyaasaan argame dinagdeedhaan utubuuf

“Jijjiiramoota biyyattii keessatti mul’achaa jiraniif ummatni Oromoo gatii olaanaa akka kanfale beekamaadha. Kana immoo dingdeerrattis agarsiisuun barbaachiisadha.

Haa ta’u malee Oromoon lafti isaa lafee isaa ta’ee jiraatu iyyuu akka hintaaneen harkaa fuudhameera. Isumayyuu invastarri Oromoo lafichi Oromoo harkaa hinba’iin jedhee yommuu caalbaasiin bituuf tattaafatu, warrii horii harkaa qabaniifi neetworkii qaban gatii olkaasuun taphaa ala nu taasisu.” kun rakkoolee invastaroonni Oromoo kaasan keessaa isa tokko.

Yaadni kun kan ka’e waltajjii tibbana ODPfi Komishiniin Invastimantii Oromiyaa invastaroota Oromiyaa keessatti hojjetaa jiran walitti qabuun Giddugala Aadaa Oromootti wayita mariisisaniittidha. Kaayyoon waltajjichaas injifannoo siyaasaan argame dingadeedhaan utubuun barbaachisaa ta’uusaatiin rakkoolee damee sanaan ka’an irratti mari’achuun furmaata kaa’uuf yaadameeti.

Obbo Guddataa Galaalchaa invastaroota Oromoo keessaa isaan tokko yoo ta’an, yaada irranatti eerame ni deggaru. “Invastimantiifi lafti kan walqabataniidha. Lafti Oromoo ammoo sirna kanaan dura tureen akka malee saamameera. Namoonni hedduun lafa Oromootiin sooramaniiru. Sababa kanaaf namoonni hedduu hojjechuu utuu barbaadanii irraa baqataniiru; kanumti ija jabinaan itti seenan ammoo wantoota hedduutiin abdii kutachaa jiru” jedhu.

Yaadni waltajjiirraa ka’e biraan ammoo kan seera gibiraa waliin walqabatudha. Akka hirmaataan waltajjiichaa tokko kaasaniitti, seerri gibiraa jiru haqaqabeessa miti. Inni seera eegee dhugaadhaan kanfalu miidhamaa kan itti ta’uufi inni hattuun neetworkii qabu kan itti fayyadamu waan ta’eef, abdii kutachiisaadha. Invastaroonni Oromoo hedduun isaaniimmoo neetworkicha keessa waan hinjirreef utuu hinjaallatiin dorgomaa ta’uu akka dadhabanis ni kaasu.

Waltajjiicharratti barreeffama marii kan dhiheessan Obbo Niwaayi Magarsaa gamasaaniin, siyaasni kamiyyuu xumurri yookiin hidhaan isaa dinagdee ta’uusaatiin kan irratti xiyyeeffachuun malu abbootiin qabeenyaafi mootummaan walitti qindaa’anii hojjechuu akka irraa eegamu ibsu. Keessumaa waggoota 150 ol Oromoon dhamaatii guddaa keessa waan tureef amma cancalii injifannoo argametti fayyadamuun dinagdeen isaa akka fooyya’uuf hojjechuun dirqama ta’uu kaasu.

Addunyaan keenya qabeenya lafa keessaa, laffarraafi qilleensa keessaatiin kan badhaateefi hundaaf kan kennamte taatus qabeenyi kun qixa hiramee akka hinjirre ibsu. Qabeenya addunyaa kanaa dhibbentaa saddeettamni namoota %20n qabamee kan jiru yoo ta’u, qabeenyi % 20 isheen hafte ammoo namoota % 80 akka hirmaatan ibsanii, taateen kun Itoophiyaa keessatti kan mul’atudha; waggoottan darbanitti namoota muraasadha qabeenya biyyattii akka barbaade ittifayyadamaa kan ture jedhu.

Rakkoon kun furamuu dhabuun addunyaa maratti iyyuu waldhabdeen akka uumamuuf karaa baneera kan jedhan Obbo Niwaayi, haala qabatamaa biyya keenyaatiinis yoo ilaallu wan ta’aa ture kanuma; ammas rakkooleen bakkaa bakkatti mul’atan kallattiinis ta’e al kallattiin dhimma dinagdeetiin akka walqabatan dubbatu.

Wayita ammaa biyyattii keessatti injifannoon siyaasaa argame ummanni harkasaatti carraa wayi akka qabatu isa gargaaruusaa himanii, kana immoo akkamiin dinagdeedhaan waa’eelchuun jireenya ummataas ta’e biyyaa jijjiiruun danda’amurratti xiyyeeffatamuu akka malu eeru. Kana ta’uu baatee dinagdeen ummataa bakkuma duriitti hafnaan dhumni isaa bareedaa akka hintaanes ni kaasu.

Kuni immoo ta’uu kan danda’u qindoominni mootummaafi abbootii qabeenyaa yoo cime ta’uu kaasanii, mootummaan haalota mijatoo uumuudhaan abbootii qabeenyaaf carraa yoo uume, abbootiin qabeenyaa immoo qarshii qaban hojiitti jijjiiruun ofiirra darbanii biyyaafi lammiisaanii gargaaruu danda’u jedhu. Kan jechuun ofiisaani bu’aa yaadan ni argatu, biyyaaf gibira ni kanfalu, lammiileen hedduu ammoo fayyadamoo carraa hojii ta’uu danda’u jedhu.

Kanaaf abbootiin qabeenyaa akkuma waltajjii kanarratti rakkooleesaanii tarreessan fuuldurattis carraa argame hundaan iftoominaan waan jiru ibsachuu akka qaban kan ibsan Obbo Niwaayi, mootummaan ammoo mala furmaataa kaa’uun waliin hojjechuun filannoo isa dhumaa ta’uu addeessu. Qofa qofaa deemuurraa akka goondaa walqabatamee yoo deememe laga ce’uun akka danda’amus kaasu. Gama mootummaatiinis seerri qophaa’ee biiroon dhimma kana qofa hordofu hundaa’ee waan jiruuf kanatti fayyadamuu akka gaafatus ni ibsu.

Kutaa biyyaa Ameerikaa Kaabaa, Daalas Teeksas irraa kan dhufan Obbo Mohaammad Haaji Adam gamasaaniitiin akka jedhanitti, akkuma Oromoo “Mataa jirurratti sabbata maru” jedhu sana hunda dura injifannoo qabsoon argamee kunuunfachuun murteessaadha. Dursa nagaafi tasgabbiin sirrachuu qaba. Invastaroonni biyya keessaafi alaa hojjechuu fedhan caalaatti abdii horachuu qabu.

Haala amma jiruun warri dura saamanii fayyadamoo ta’an, faayidaasaanii sana bulfachuuf jecha galgalaafi ganama ifaajjaa jiru, kaan ammoo faayidaa biroo argachuuf carraaqaa akka jiran eeranii, kana ofirraa qolachuuf akkasumas, gama kamiinuu dhiibbaan akka nurra hingeenyeef warri qaama ce’umsaa taane tattaaffachuun nurraa eegama jedhu. Warri qabsoo argame kana galagalchuu yaadan shira itti waa kuffisaniifi fonqolchan sirriitti waan beekaniif isaan caallee takkaallaasaanii jalaa ba’uurratti xiyyeeffannee tokkummaadhaan hojjechuu qabna jedhu.

Utuu kanatti hinxiyyeeffatiin jijjiiramni argame kun gufatee jennaan bakkatti deebisuuf waggaa dheeraa waan gaafatuuf hunda dura ummanni Oromoo tokko ta’uun jijjiirama argame yoo tikfate qabeenyi nama hedduu harka jiraatu baatullee beekumsa, dandeettii, maallaqa xixiqqaa qabu walitti fiduun bakka yaadame ga’uun akka danda’amu ibsu. Yoo nama tokkoon caalbaasii mo’achuun dadhabame 10 ta’uun injifachuun ni danda’ama; kanaaf walamantaadhaan walii wajjiin hojjechuuf kuteenyummaa qabaachuun dirqama ta’uu addeessu.

Akka Obbo Mohaammad jedhanitti, kanaan dura diyaaspooraan doolaarri gara biyyaatti akka hinergamneef; keessumaa kara seera qabeessa ta’een mootummaarratti duuluun dinagdee laaffisuuf socho’aa ture. Amma garuu mootummaa jijjiiramaa kan tumsuuf maakiyaattoo dhugurraayyuu hir’isee biyyasaa ijaaruuf tattaafataa jira. Kana jechuun amma dadammaqiinsi gaarii waan jiruuf waliin hojjechuuf carraa bal’aatu jira.

Komishinarri Komishinii Invastimantii Oromiyaa Obbo Rashiid Muhaabbaa, dameen invastimantii rakkoolee hedduutiin xaxame turuusaatiin qorannoon gadi fageenyaa taasifamee amma riifoormii haaraatiin hojiitti seenamuuf qophiin xumurameera jedhu. Riifoormii kan keessattis rakkooleen eeraman furmaata kan argatan ta’uu eeranii, kana jechuun garuu rakkoon tokkoyyuu hin uumamu jechuu waan hintaaneef walta’iinsaan hojjechuu akka malu hubachiisu.

Waraanni dinagdee yaadrimee ‘The most cheaper the best killer’ yookiin baay’ee rakkasa, ajjeesaa gaarii jedhuun biyyattiirratti taasifamaa ture hammam akka dinagdee miidhaa ture waan ga’erraa beekuun akka danda’amu kaasanii, ammammoo bifa jijjiirrachuun injifannoo argame laamsheessuuf shirri xaxamaa jiru baay’ee ta’uu dubbatu.

Sababa kontirobaandiin babal’ateef aleergiin bal’atee, alaa galchuun xiqqaachaa dhufuun reeshoon isaa tokko shanee (kan ergamu tokko, kan alaa galu shan) irra jiraachuusaatiin dinagdeen dadhabaa akka dhufuuf sababa ta’uu kan kaasan komishinarichi, kanneen sirreessinee injifannoo keenya dinagdeedhaan utubuudhaa yoo baanne kuufaatii keenya akka salphaatti kan irra deebinu ta’a jedhu.

Gama biraatiin ammoo carraa jiru ilaaluun barbaachisaa ta’uu eeranii, ji’oottan torban saddeettan darbanitti qofa fedhiin invastimantii kan waggoota shanan darbanii kan caalu waan ta’eef kana cimsuuf hojjetamuu akka qabu ibsu.

Utuu nageenyi biyyattii sirriitti tagabbaa’ee waggoota sadan yookiin shanan dhufan maal ta’uu akka danda’u tilmaamuun akka nama hinrakkisnees ni addeessu. Kanaafuu rakkooleen gama birookiraasiifi kkftiin ka’an riifoormichaatii ni hiikamu abdii jedhuu qabachuun nagaan biyyattii akka eegamuuf hunduu akka tumsu gaafatan..

Ittigaafatamaan Waajjira Giddugaleessaa ODP Doktar Alamuu Simees injifannoo argame boodatti deebisuuf namoonni muraasni sirna dura darberraa fayyadamoo turan sochii taasisaa jiraachuu yaadachiisanii, “akkuma yeroo hamtuu waliin taanee jijjiirama fidne waliin taanee jijjiirama argame utubuu qabna jedhu.

Kanaaf hundi keenya tumsuu qabna. Haa tumsinu jechuun ammoo qofa qofaa rakkoo keenya hiikkachuun jijjiirama fiduu waan hindandeenyeef wal haataanu jechuudha. Hanqina maallaqaa qofa osoo hintaane hanqina muuxannoos qabna. Kanaaf walitti haa dhufnu” jedhu.
Dimshaashummatti, dhuguma rakkooleen eeraman riifoormii haaraatiinis ta’e mariitiin kan hiikaman yoo ta’e, dinagdeen biyyattii daran jijjiiramee biyya fagootti abdannu sana dhihootti arguu akka dandeenyu tilmaamuun nama hinrakkisu. Kanaafis hundinuu kuteenyummaadhaan hojjechuu mala.

Saamraawiit Girmaatiin

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *