Misooma suluulaafi kunuunsa qabeenya uumamaa Shawaa Kibba Lixaatti

Akka biyyaatti hojiileen misooma suluulaafi kunuunsa qabeenya uumamaa lafa hektaara miliyoona tokkoofi kuma afurii ol deebisanii misoomsuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ragaaleen Ministeera Qonnaarraa argaman ni mul’isu.

Akka Oromiyaattis hojiin misooma sululaafi kunuunsa qabeenya uumamaa Amajjii 15 bara 2011 irraa kaasee godinaalee addaatti kan eegalame yoo ta’u, godinni Shawaa Kibba Lixaa kanneen keessaa isa tokko.

Aanaa Wanciitti qonnaan bulaa Nimoonaa Taayyee jiraataa Ganda Haroo Wancii yoo ta’an, walakkeessa ji’a darberraa kaasee sochii misooma sululaafi kunuunsa qabeenya uumamaa eegaluusaanii dheengadda Gaazexaa Bariisaatti himaniiru. Jiraattota gandasaanii waliin gurmaa’uun torbanitti al lama ganamaafi galgala ogeessota qonnaa waliin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Burqituun gogee ture erga misoomni sululaafi kunuunsa qabeenya uumamaa hojjetamuu eegalee as deebi’ee burquu jiraachuufi haalli qilleensaa akka fooyya’u waan godheef, biqiltuuwwan addaddaa dhaabuufi omisha qonnaa dabaluuf nu gargaareera jedhan. Guyyoota hafan keessattis ciminaan kan hojjetan ta’uu dubbataniiru.

Obbo Gannatii Fufaa ammoo ogeessa qonnaa Aanaa Wancii yoo ta’an, hojiin misooma suluulaafi kunuunsa qabeenya uumamaa gandoota aanichaa afur filatamanitti si’aayinaan geggeeffamaa jiraachuu himu. Hojiin misooma sululaa kanaan dura hojjetamaa turuyyuu kan baranaa haala qindoomina qabuun gaggeeffamaa jiraa jedhan. Guyyota qabaman keessatti hojiilee eegalaman milkeessuuf hunduu tumsuu akka qabus gaafataniiru.

Obbo Mulaatuu Dirribaa ammoo Ittigaafatamaa Waajjira Qonnaafi qabeenya Uumamaa Aanaa Wanciiti. Akka isaan ibsanitti, sochiin misooma sululaafi kunuunsa qabeenya uumamaa ji’a kana darbe keessa hirmaannaa ummataatiin gandoota 17tti eegaleera.

Aanaan Wancii hojii kunuunsa qabeenya uumamaatiin akka godinaafi naannootti muuxannoo kan qabdu yoo ta’u, haalli teessuma lafashees bu’aa bahii, akkasumas haroon Wancii aanichatti waan argamuuf haalli qilleensaashee baddaa waan ta’eef akka filatamtu ta’eera jedhu. Kunimmoo qonnaan bultootni aanicha keessa jiraatan lafa bu’aa bahiifi caccabaa ta’e haalaan kunuunsanii akka itti fayyadaman kan taasise ta’uus ni eeru.

Akka Aanaa Wanciitti sululoota xixiqqoo 28fi waliigalaan ammoo lafa hektaara kuma kudhaniifi 402 misoomsuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiin kunis kan sektaraafi ogeessota qonnaa qofaa waan hintaaneef, hunduu xiyyeeffannaatiin hirmaachuun milkeessuu akka qaban hubachiisaniiru.

Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Godina Shawaa Kibba Lixaa Obbo Hubannaa Obsee gamasaaniin akka jedhanitti, sochiin misooma sululaafi kunuunsa qabeenya uumamaa baranaa Amajjii 15 bara 2011 irraa kaasee bakka hoggantootni olaanaa mootummaa federaalaafi naannoo Oromiyaa argamanitti eegalameera.

Haalli nageenya godinichaas amansiisaa waan ta’eef aanaalee 11 keessatti sululawwan 269 misoomsuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru. Waliigalaanis lafa hektaara kuma 57fi946 misoomsuuf kan qabame ta’uu himanii, kana milkeessuufis hojiin duulaa haala qindoomina qabuun geggeeffamaa jira jedhan.

Hojiileen misooma sululaa godinichatti waggaa waggaadhaa kan hojjetaman ta’ullee abbaa osoo hingodhatiin bakkeetti hafaa tureera jedhu. Barana garuu haala adda ta’een hoggantootni godinichaa, ogeessotni qonnaafi kutaaleen hawaasaa marti walharkaa fuudhinsa kan raawwatan ta’uu eeraniiru.

Hojiin misooma sululaa dhiqama biyyeefi faalama qilleensaa naannawa qonnaan bultootaatti uumamuu malu kan ittisuudha jedhu. Kanaaf kutaaleen hawaasaa marti duula hojii misooma sululaa hojjetamaa jiru keessatti hirmaachuu akka qabanis gaafataniiru.

Biiroo Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaatti Daarektarri misooma sululaafi eegumsa biyyeefi bishaanii Obbo Silashii Lammaa akka ibsanitti, Oromiyaatti duulli misoomaafi kunuunsa qabeenya uumamaa baranaa mataduree, “Qabeenya uumamaa kunuunsuun wabii nyaataa haa mirkaneessinu!” jedhuun aanaalee 300 godinaalee 20 jalatti argamanitti geggeeffamaa jira.

Haala kanaan lafa hektaara miliyoona tokkoofi kuma 300 irratti godinaalee Harargee lamaan, Arsii, Baaleefi Shawaa Kaabaa keessatti hirmaannaa hawaasaa olaanaa waan ta’eef, misoomni suluulaafi kunuunsi qabeenya uumamaa haalaan hojjetamaa jira jedhan. Kanaanis lafa dhiqama biyyeetiin hubamerratti daagaawwan adda addaa ijaaruufi eegumsa biyyeefi bishaaniirratti hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Godinaalee jahan haalli nageenyaa gaariin keessa hinturretti (Wallagga afraniifi Gujii lamaan) hojiin haalduree mijeessuu geggeeffamaa turuus eeranii, isaanis torbee kanarraa kaasee gara misooma sululaafi kunuunsa qabeenya uumamaatti seenuusaanii beeksisaniiru. Kutaaleen hawaasa addaddaas hirmaannaa isaanii cimsanii itti deemuu akka qaban waamichi dhiyaateera.

Takkaalliny Gabayyootiin

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *