“Afaan beekaniin faarfachuu heeraafi wangeelatu deeggara” -Faarfattoota Afaan Oromoo

 

Ayyaanni cuupphaa guyyaa cuuphamuu Yesuus Kiristoos sababa godhachuun waggaa waggaan hordoftoota amantii kiristaanaan kan kabajamu yoo ta’u  hacuuccaa sirnootaarraa kan ka’e jaarraa dheeraaf magaalaa Finfinnee keessatti Afaan Oromootiin faarfachuun hayyamamaa hinturre.

Kabajni ayyaana Cuuphaa baranaa garuu ilaalcha gadi qabaa kanaan dura mirga afaan ofiin waaqeffachuu dhorkee ture kan cabse fakkaata.

Faarfattootni Bataskaana Qulqullittii Maaramii Caffee Araaraa uffata aadaa Oromootiin faayamuun faaruu ayyaana cuuphaa Afaan Oromootiin dhiyeessuun ayyaanicha dabalaa turaniiru. ummanni kanaan dura taatee akkanaa argee waan hinbeekneef kaan sagada dhufeef dhiisee dhaabatee raajeffata, kaanimmoo ilaalcha sanyummaatiin guutamaniiru jedheetu olola.

Anis dhimma kana adda baasuuf gara faarfattoota kanneeniitti imaleen faarfataa Hayilamikaa’el Taaddasaa haasofsiise. Faarfataa Hayilamikaa’el ogeessaa seeraatisi. Sagaleen Waaqayyoos ta’e heerri biyya keenyaa mirga afaan ofiin waaqeffachuu, dubbachuu, faarfachuu saba hundaaf kan kenneedha jedha. Afaan ofiitiin faarfachuun ilaalcha dogoggoraarraa ka’ee gara biraatti kan hiikamu akka hintaanes ni eera.

Namoonni isaaniif hingalle ilaalcha sanyummaati jechuu nidandahu kan jedhu faarfatichi, Oromoon afaansaatiin Waaqasaa kadhachuus ta’e  faarfachuun mirga namni isa badhaase osoo hintaane kan uumamaan gonfatedha jechuun eera.

Faarfattoonni Afaan Oromoo Bataskaana Qulqullittii Maaramii Caffee Araaraas mirga heeraan argatan kanaafi kan sagaleen Waaqayyoo ajaju bu’uura godhachuun afaansaniitiin faarfachuu akka dandahanidha kan dubbatu.

Kana malees faarfattoonni mul’istuu eenyummaasaanii kan ta’e uffata aadaa Oromoo godinaalee garagaraatiin miidhaganii kan argaman yoo ta’u, aadaafi amantiin walitti bu’insa tokkollee akka hinqabnes ni eera.

Namni kamuu of ta’ee waaqasaa kadhachuu qaba kan jedhu Hayilamikaa’el. faarfattoonni Afaan Oromoo Bataskaanichaas kanuma bu’uura godhachuun gabatee kakuusaanii (taabota) marsanii Afaan Oromoon faarfachaa gara Hurufa Boombiitti (Jaanmeedaatti) gaggeessaniiru.

Afaan kennaa ganamaati. sabaafi sablammiin afaanot garagraa qabaatanis maddisaanii Addaam waan ta’eef garaagarummaa aadaatiin alatti wanti adda isaan taasisu tokkollee hinjiru kan jedhu ammoo Faarfataa Diyaaqon Nagaash Shifarraati.

Akkuma maddi dhala namaa Addaam ta’e namoota gidduus garaagarummaan akka hinjirre kan hime faarfatichi, amantiin bakka sabaafi sablammiin garagaraa tokko ta’ee walitti qabamu waan ta’eef wiirtuu qulqullinaafi gaarummaati jedha.

Amantoonnis miira tokkummaafi waldandahuutiin afaanota garagaraatiin waaqasaanii faarfachuun gaarummaadha jedhee, faarfattoonni Afaan Oromoos tokkummaan ayyaana cuuphaa kana dabaaluu danda’uusaanii eera.

Faarfattoonni Afaan Oromoo kunneen wayita bakka buufata Gabatee Kakuu  Hurufa Boombii gahanitti namoonni heddu haala kanaan dura baramee hinbeekneen itti marsanii daaw’achaa turan. Kan afaanicha dhagahu jalaa qabuun yoo faarsu kan hindhageenyes barri akkasii dhufuusaatti raajeffatu.

Faaruu faarfattoota kanaa kan dhagahan gaggeessaan waltajjichaas Afaan Oromootiin, “Sagaleesaanii afaan gara garaa qabaannus saba  garagaraa  taanus maddi keenya Addaam nama biyyoorraa became hamma taanetti tokko” jedhan.

Kun ta’us Finfinnee keessatti faaruun Afaan Oromoo kun bifa kanaan miidhagee, uffata aadaa Oromootiin faayamee yeroo gabateen kakuu bahuufi galu haala qalbii nama hawwatuun gaggeeffamuunsaa namoota hedduu gammachiiseera.

Kana malees manneen amantii kamuu sabaafi sablammiin miira waldandahuufi tokkummaa qabaachuun akka waliin jiraatan kan godhu waan ta’eef amantiin hundee waantota maraati kan nama jechisiisuudha.

Walumaagalatti afaan ofiifi dandahaniin uumaa ofii faarfachuunis ta’e waaqeffachuun wangeelaafi heeraan kan deeggaramu waan ta’eef sosochiin faarfattoota Batasakaana Qulqullittii Maaramii Caffee Araaraa baranaa waanti gaarii irraa baratamuudha.

Waasihun Takileetiin

 

 

Afaan gara garaan faarfannus maddi keenya Addaam isa biyyoorraa dhufeedha.

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *