“Hawwisoon Afran Qal’oo siyaasa Oromoorratti ciminaan hojjetaa ture” -Gaazexeessaa Jaafar Alii

Hawwisoon Afran Qal’oo waggoota 53 dura magaalaa Dirree Dawaatti wayita hundoofte maqaa gosa Harargee Bahaa Afran Qal’oo jedhamu moggaafachuun sosochii siyaasaafi hawaas-dinagdee Oromoo cimsuu keessatti shoora olaanaa taphataa ture.

Kun ta’us miseensonni baandichaa dhiibbaa sirna Hayilasillaaseerraa kan ka’e waggoota 53 dura biyyaa bahanis  Amajjii 11 bara 2011 gara biyyatti deebi’aniiru.  Gaafdeebiin Gaazexaan Bariisaa dhimma kanarratti jila  hawwisichaa wajjin kan dhufe, gaazexeessaa Jaafar Alii waliin taasise akka armaan gadiin dhiyaateera.

Bariisaa: Maqaan Afran Qal’oo jedhamu akkamiin moggaafame?

Jaafar: Afran Qal’oo jechuun gosoota Oromoo Harargee Bahaa 4n kan bakka bu’udha. Maqaan kun maqaa gosaa ta’us hiikaan maqaa kanaa ummata bal’oo, biyya guddoo jechuudha.

Bariisaa: Hawwisoon Afran Qal’oo yoom? Eessatti? eenyuun? hundaa’e?

Jaafar: hawwisichi waggoota 53 har’aa Oromiyaa Bahaa, Magaalaa Dirree Dawaatti hundaa’e. Hawwisoon kun hundeensaa akka jabaatuuf bu’uura kan buuse Artistii seena qabeessa, Alii Shabbooti.

Artistoonni akka Mahaammad Bookee, Afandii Siyyoo, Turee Leencoo, Shantaman Shubbisaafaas guddina hawwisoo Afran Qal’oo keessatti gahee guddaa taphatanis akka hojii dabalataatti koree ta’anii tajaajilaa turaniiru.

Bariisaa: Artistoonni maqaansaanii eerame kanneen lubbuudhaan jiraniidha. Warri kaan hoo eenyu fa’i?

Jaafar: Oh! Seenaan isaan hindagatu, meeqatu ajjeefame, meeqatu mana hidhaatti dhume, kaanimmoo osoo biyyaa bahuuf yaalanii irbaata allaattii ta’an galmee seenaatu isaan yaadata. Kanneen akka Artisti Abdallaa Arisii, Artisti Hayyuub Abubakarfaa osoo biyyaa bahuuf yaalanii hordoffii sirni Hayilasillaasee isaanirratti taasiseen humna tikaa Hayilesillaaseetiin Somaaliyaatti qabamanii ajjeefaman.

Bariisaa: Artistoonni Afran Qal’oo maaliif akka ajjeefamaniifi biyyaa  bahan taasifaman?

Jaafar: Hawwisoon Afran Qal’oo maqaa hawwisoon haa hundaa’uyyuu malee siyaasa Oromoo cimsuuf  ciminaan hojjetaa ture. Kanumaayyuu hojiin muuziqaa Afran Qal’oo siyaasaan guutameera jedhamee waan shakkamaa tureef miirri sodaa artistoota keessa tureera.

Kanarraa kan ka’e ilaalcha sirna Hayilasillaasee jalaa of baraaruuf maqaa eeyyama hawwisichaa jijjiiruun maqaan kiristinyaa akka mogga’uufiif dirqama ta’e.

Bariisaa: Maal jedhamee moggaafame?

Jaafar: “Nagada Oromoo Ye Afran Qal’oo Goosaa Marradaajaa Maahibar” jedhameeti kan moggaafame. Kun kan ta’eefis akkuma Oromoo Maccaafi Tuulamaa maqaa waldaatiin ijaaramanii ergaa siyaasaa ittiin dabarfachuuf kan akeekeefi doorsisa jalaa of baraaruuf yaadameeti. Heeyyama kanas Mana Qopheessaa Dirree Dawaarraa baafatan.

Haalli ture hammaataa waan ta’eef sirnicha fakkaachaa siyaasa Oromoo cimsuuf hojiin siyaasaan wal gahoomsuu bifa kanaan hawwisicha keessatti dalagamaa ture. Ta’us hawwisichi adamsamaa waan tureef cimuurra diigamee miseensonnis akka  biyyaa bahan taasifame.

Bariisaa: Artistoonni hundi biyya bahanimoo kanneen asitti hafan jiru laata?

Jaafar: Wayita sana artistoonni kanneen akka Alii Birraafaa Dirree Dawaarraa Finfinneetti dheessaniiru. Kun kan ta’eefis Finfinneen handhuura biyyaa waan taateef tarkaanfiin sadarkaa kutaa biyyaarratti namarratti fudhatamu Finfinneetti hanga tokko kan laafu ta’ee waan mul’ataa tureefi.

Bariisaa: Artistoonni shamarranii hawwisoo Afran Qal’oo keessa hinturre?

Jaafar: Dubartoonni kanneen akka Haloo Daawweefaa jiru. Artisti Haloo Daawwee dhiyoo Hawwisoo Afran Qal’ootti makamtus shoora olaanaa taphatteetti.

Bariisaa: Dhiyeessiin meeshaa muuziqaa bara sanaa akkam ture mee?

Jaafar: Seenaa aartii Oromoo keessatti meeshaa muuziqaa ammayyaa fayyadamuun hawwisoon Afran Qal’oo adda dureedha. Bara sana Artisti Alii Shabboo gitaara taphataa kan ture yoo ta’u, Alii Birraa dandeettii gitaaraa rukutuu akka qabaatu kan taasise Artisti  Alii Shabbooti.

Bariisaa: Hawwisoon Afran Qal’oo siyaasaafi hawaas dinagdee Oromoo cimsuu keessatti bu’aa akkamii buuse?

Jaafar: Welleen Oromoo yeroo jalqabaatiif waltajjiirratti bahee akka mul’atu, wellee ammayyaa ta’ee akka bahu sochii taasisaniin ilaalcha Afaan Oromoo reediyoo cabsa jedhu cabsuurra darbanii bu’uura aartii Oromoo taatee kan maqaa dhahamtuudha.

Bariisaa: Turtii Waggoota 53 booda gara biyyaatti akka deebitan wanni isin taasie maali? Maaliifis daftanii hingalle?

Jaafar: Kan kaatu faana kaachuun sirrii miti. Yeroo mootummaan jijjiiramu jijjiiramni jira jedhamee odeeffama. Yeroo Hayilasillaaseen kufe jijjiiramni jira jedhamaa ture. Sirni abbaa irree bineensa ta’ee argame.

Yeroo Dargiin kufes ADWUI jijjiirama fideera jedhamee haasahamus ariisaan Oromoorra qaqqabaa ture ittuu hammaate. Nullee kana adda baafachuuf turre.

Amma garuu mootummaan Doktar Abiyyiin durfamu  dimikraasii qabatamaa hawaasa hunda walqixxummaan jiraachisuufi hoogganu waan lafa qabateef deebine.

Dhugaa dubbachuuf yoo ta’e mootummaan amma aangoorra jiru kan ummataaf jiraatuudha. Nulle isa kanatti gammadaa jirra. Fuuldurattis isa waliin dhaabannee hojjenna.

Bariisaa: Xalayaa Amaariffaan barreeffame tokko (Waaqoo Abbaa Gadaa )jedhu ‘You Tube’ fi marsariitiirratti gadhiifame namoota hedduu biratti jaalatameera. Xalayacha eenyutu barreesse?

Jaafar: Xalayicha anumatu barreessu. Dhibbaa Oromoorra gahaa tureefi godaansa Oromoon keessikoo waan waxalameef katabee gubaa keessa koo ittiin baafadhe.

Bariisaa: Ummata Oromootiif ergaa qabdaa?

Jaafar: ABO ta’e ODPn imaanaa ummanni bal’aan Oromoo isinitti kenne kabajaan kunuunsaa. Waldhabdee isin gidduutti uumamuun injifannoon ummataan argame yoo duubatti deebi’e abaaramaa haftuutii Oromoo tokkicha ijaaruuf tokkoomaa.

Waasihun Takileetiin

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *