“Kaartaafi eeyyama ijaarsaa yoo fidan himannaa banachuu danda’u” -Pirezdaantii Mana Murtii Olaanaa GAONF

“Nuti kan gaafanne beenyaa malee mirga abbummaa miti”

  • Abukaatoo Balaachoo Girmaa

Finfinnee: Dhiheenya kana magaalota Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinneetti (GAONF) qabiyyee lafaa seeraan alaa wajjin walqabatee manneen diigamaniiru. Magaalota manneen seeraan itti diigame keessaa tokko Bulchiinsi Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiiti. Kanaan walqabatees komiiwwan adda addaa ka’aa turaniirus jirus.

Namoonni 240 bakka tokkotti abukaatota dhaabbatanii himannaa banachuuf gara Mana Murtii Olaanaa GAONF deemanii turan. Manni murtichaa garuu sababa ragaa guutuu hinqabaanneef iyyatasaanii deebiseera. Namoonni kunneen komiisaanii miidiyaalee dhuunfaa gara garaatti geeffachuun manni murtichaa adeemsa sirrii akka hinhordofne himataa turaniiru.

Nutis bitaa mirga dhimma kana qulqulleeffachuuf ogeessota seeraa namoonni himannaa abentaan bakka buufatan keessaa Abukaatoofi Gorsaa Seeraa Balaachoo Girmaa dubbisneerra. Akka isaan jedhanitti, namoonni manneen jalaa diigame kunneen yommuu laficharra turan kan ibsaa, bishaaniifi gibira kanfalaa turan. Kana malees ijaarsaaf qabeenyasaanii dhangalaasaniiru. Kanaaf mootummaan beenyaa kaffaluufii qaba. Kunis tilmaamaan qarshii miliyoona 70 ta’a.

Kana malees, namoonni kunneen harka qal’eeyyii waan ta’aniif abuukaatoo bitatanii dhaabbachuu waan hindandeenyeef mootummaan danbii abuukaatoo dhaabeefi dhimmisaanii hordofamuu qaba iyyata jedhu gara Mana Murtii Olaanaa GAONFtti geessuusaanii eeranii, ta’us reejistiraarri mana murtichaa iyyatasaanii harkaa fuudhuu akka dide dubbatu.

Akka abukaatoon kun ibsanitti, manni murtichaa himannaa kana harkaa fuudhuuf kaartaafi eeyyama ijaarsaa isaan gaafachuu eeranii, isaan kan gaafatan beenya ammallee abbaa qabeenyummaa waan hintaaneef ragaalee jedhaman dhiheessuuf akka hindirqamne ibsu. Utuma ta’eellee reejistiraarri deebisuuf mirga hinqabu jedhu.

Pirezdaantiin Mana Murtii Olaanaa GAONF Oliyaad Siyyum gamasaaniin akka jedhanitti, ijaarsawwan qabiyyee lafaa seeraan alaa godinicha keessa jiran kan diigame Laga Xaafoo Laga Daadhii qofa osoo hintaane magaalota Buraayyuufi Sabbataattis diigameera, adda baafameeras. Naannoleen biroos kanneen akka Amaaraafaan diigaa jiru. Bulchiinsi Magaalaa Finfinnees akkasuma.

Gaafa Buraayyuudhaa manneen kuma tokko diigamnaan himannaan banamuuf dhufamu kaartaafi eeyyama ijaarsaa fidaa jedhanii deebisuusaanii eeranii, eenyuyyuu taanaan kan handhuuraadhaan lafa qabates taanaan ragaa abbummaa akka fidu gaafatamu jedhu. Warri seeraan ala irratti jaarratan garuu waan ragaa of harkaa hinqabneef himata akkamuu banuu akka hindandeenye ibsu.

Warri Lagaa Xaafoo Laga Daadhiis adeemsi itti adeemaa jiran humnaan dhiibbaa uumanii himannaa bansiifachuun dhorkaa fudhachuuf akkasumas misooma gufachiisuuf yoo ta’e malee bu’uura seeraa akka hinqabne ibsu. Himannaan erga takkaa fuudhamee booda yeroo dheeraa akka fudhatu kaasanii, hojiileen kanneen akka ragaa qulquleessuu, dhadhacha ijibbaachuufi kanneen biroo hamma raawwatamanitti immoo dhorkaan akka kennamu dubbatu.

Kanaaf himannaa dhufe fuudhuuf ragaan guutamuu akka qabu pirezidaantichi eeranii, jarreen kunneen garuu utuu ragaa barreeffamaa qabiyyeen sun kan isaanii ta’uu mirkaneessu tokkollee hinfidiin beenyaa qarshii miliyoona 100tti siqu gaafachuunsaanii bu’uura seeraa akka hinqabne addeessu.

Qabiyyeewwan diigame jalqabnisaanii bakkeewwan magariisaafi misoomni mootummaa kan irratti gaggeeffamu ta’uu himanii, silaa akka seeraatti qabiyyeen seeraan alaa hidhaa cimaa kan adabsiisu ta’us mootummaan garuu sanatti akka hinseenne ibsu.

Reejistiraarris ragaan kun waan hinguutamneef dubbicha garasaaniitti fiduu ibsanii, isaanis dhimmacha ilaalanii ragaasaanii akka guuttatan deebisuusaaniifi ammas yoo ragaa jedhame fidan manni murtichaa himannaasaanii kan fuudhu ta’uu dubbatu.

Saamraawiit Girmaatiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 8/2011

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *